'Dhaddacha jeequun' seeraan attamiin hiikamaa?

Daddacha jeequun maali? Image copyright Mark Metcalfe

Manni murtii Federaalaa himatamtoota galmee Gurmeessaa Ayyaanoo irratti himataman afur yeroo lammaffaaf dhadachaa jeeqxan jechuun baatii ja'a itti murteesseera. Kan beellama darbeerratti ji'a ja'a itti murtaa'e waliin waggaa tokkoo ol ta'uu isaati.

Daddacha jeequun maali?

Dhaddacha jeequun seera yakkaa Itoophiyaa keewwata 449 jalatti tumamee jira.

''Dhaddacha jeequun seera keessatti bifa kamiinuu adeemsa murtee kennuu gufachiisuufi murtee kanamurratti dhiibbaa geessisuudha,'' jedhu ogeessa seeraa kan ta'aniifi sirna haqaa Itoophiyaa keessaa hojjechuun muuxannoo kan qaban Dr. Henook Gabbisaa.

Himatamtoonniifi hordoftoonni dhaddachaa sagaleedhaan ykn bifa kamiinuu yoo jeeqan, manni murtichaa hojii isaa itti fufuu akka hin dandeenye yoo socho'an akka dhaddacha jeequutti fudhatamuu malas jedhu.

"Haata'u malee himatamaan dhaabachuun ykn dhaabachuu dhiisuun yakka miti, himatamaan tokko mana murtiirratti yeroo maqaan isaan waamamu owwaachuu dhiisuuf mirga qaba. Shakkamaan tokko abba seeraa waliin haasa'uu hin barbaadu yoo ta'e, hanga dhuma dhaddachaatti calliseen taa'a yoo jedhe mirga guutuu qaba," jechuunis dubbatu.

Dr. Henook murtee yeroo darbe dhaddacha jeeqxan jechuun himatamtoota kanneen irratti murtaa'e yaadachuun, "himatamtoonni kun sababa ragaan ittisaa dhiyaachuu dhorkameef lafa itti iyyatan biraa waan hin qabneef sagalee ol fuudhanii iyyatan, kana mana murtii duratti iyyachuun akka daddacha jeqquutti fudhatamuun hundee seeraa hin qabu" jedhu.

Yeroo abbaan seeraa ol seenutti ka'anii dhaabbachuun dirqama miti, yoo poolisiin ajajerraa kan hafe kan jedhan Dr. Heenook, garuu biyya keenya keessatti soda mana murtii/abbaa seeraa qabaniif jecha ka'anii dhaabachuun amaleeffatamuu dubbatu.

Kanaaf dhaddacharratti ka'anii dhaabbachuu dhiisuun jeequmsaan hin himachiisus jedhu.


Dhaddacha sana hordofaa kan ture gaazexeessaa Geetachew Shifarraa, manni murtichaa yeroo himatamtoota waamutti akka bakkuma taa'anii harka baasan jedha.

"Kaatanii hin dhaabattan yoo ta'e, akkaataa addabbii yakkaa danbii mana murtiin isiin adabna jechuun abbootiin seeraa gaafatanis himatamtoonni innuma didan, abbootii seeraa sadii turan keessaa inni tokko eenyummaa himatamaa adda baasuuf qofa malee rakkoo hin qabu jechuun yaada furmaataa kennuuf yaale ture, garuu hin milkoofne," jedha.

Himatamtoonni garuu dhaddacha darberratti maaliif dubbattu waan jedhamneef har'a dubbachuu hin barbaanne jechuun kara abukaatoowwan isaanii dubbachuufi jiraachuu isaaniis abukaatoon mirkaneesseera jedha Obbo Geetachew.

Manni murtichaa garuu seera mana murtii cabsuudha, addabbii yeroo darbeerraas hin baranne jechuun itti murteesse jedha.

Gama biraatiin, akka adabaman kan taasise yeroo mana murtichaa daqiiqaa 30 ta'u gubaniiru kan jedhudha, haa ta'u malee, abbootiin seeraa ofii isaaniiyyu yeroo dhaddachi itti banamuu qabu irra sa'aatii tokkoofi wallakkaa dabarsanii dhufan jechuunis dubbata.

Yeroo abbaan alangaa mootummaa bakka bu'ee shakkamtoota himatutti manni murtii ykn abbootiin seeraa murtii dabarsu waan ta'eef himatamtootaaf akka da'ootti dhaabbachuun irra ture, kan jedhan Dr. Heenook biyya keenya keessatti haalli jiru garuu akkas natti hin fakkaatu, jedhu.

"Akka yaadakootti dhimmi Obbo Baqqalaafaa dhimma dhuunfaa miti, dhimma uummataati, himannaan isaaniis himannaa siyaasa waliin wal qabatudha. Kanaaf murteen sababa dhaddacha jeequun murtaa'u kunis ergaa siyaasaa of duubaa qaba jedheen yaada," jechuunis dubbatu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata