Baqattuu Afgaanistaan Itoophiyaa keessa jiraattu

ከሪማ አብዱልሰጠር

Bishooftuu kan jiraattuufi lammii Afgaan kan taate Kariimaa Abdulsaaxiir afaan Amaaraa haalaan dubbatti.

Mootummoota Gamtoomaniitti Komiishiniin Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa akka baqattoota magaalattii keessa jiratan keessaa tokkotti galmeesseera.

Itoophiyaa keessa baqattoonni miliyoonaan lakkaa'aman biyyoota waraanaan miidhamaa jiran kan akka Sudaan Kibbaa, Somaaliyaafi Koongoo irraa dhufan buufataalee baqattootaa gara garaa keessa turu.

Sababoota gara garaan buufataalee baqattootaa keessa turuu kan hin dandeenyemmoo, dhaabbatichaan gargaaramuun magaalaa keessa jiraachuu kan danda'an jedhamanii Finfinnee keessa akka turan taasifamu.

Jalqaba kan gara Itoophiyaa dhufan gaa'elaan akka ta'e kan dubbatan Aadde Kariiman, barumsaaf Raashiyaa keessa osoo jiranii lammii Itoophiyaa barumsaaf deeme waliin achumatti walbaran.

Xiqqoo turaniis cidhaan walfuudhan "cidha baay'ee guddaadha" jedhu.

Yeroo sanatti Afgaanistaanitti debi'uuf yaadanii kan turan ta'ullee, lammii Itoophiyaatti heerumanii yeroo deeman fudhatama akka hin qabaanne waan beekaniif abbaa warraa isaanii waliin gara Itoophiyaa dhufan.

Yeroo Raashiyaa turanitti ijoolle lama godhatanii turanillee fudhatanii gara Itoophiyaa dhufuun waan itti cimeef obboleettii isaanii Raashiyaatti argamtutti ergan.

Ijoollee isaaniii duubatti dhiisanii gara Itoophiyaa dhufuun gaa'ela isaaniirratti rakkoo cimaa uume.

Qoxxisniifi rakkoon itti baay'annaan turtii gaa'elaa waggaa shanii booda akka adda ba'an dubbatu aadde Kariimaan.

"Si hin barbaadu ba'i naan jedhe" kan jedhan aadde kariimaan, Afgaanistaan waraanaan waan miidhamaa jirtuuf achis deebi'uu waan hin dandeenyeef akkasumas abbaa warraa isaaniirraas waan adda ba'aniif eyyama jireenyaa waan hin qabneef jireenya baqattummaa filannoo godhatan.

Namni beekan tokko isaan gorsee gara Komishinii Ol-aanaa dhimma baqattootaa deemanii galmaa'an, ji'oota muraasa keessattis waraqaa baqattummaas argatan.

Qofummaan waan isaanitti cimeefis ijoollota lammii Itoophiyaa ta'an sadii guddifachaadhaan akka fudhatan dubbatu.

"Itoophiyaa keessaa lammiin Afgaan tokollee hin jiru, namni biyyaa rakkookee si gargaaru hin jiru," jedhu Aadde Kariimaan.

Maatii isaanii dhiyeenyatti argachuu dadhabanis waggoota muraasaan dura karaa Imbaasii Iraan maatiin isaanii badan eessa akka jiran waan argataniif kun boqonnaa isaaniif uumeera.

Ijoollee isaanii guddisuu cinaatti hojii hafaa/itilleefi huccuu hodhuu hojjechaa turan.

Maallaqni hin jiru, qofaa jiraachuunis rakkisaadha. Kanaaf ijoollittii guddisuudhaaf alkaniifi guyyaan hojjedha," jedhu.

Gara Komishinii Ol-aanaa Dhimma Baqattootaa irraa ji'a ji'aan qarshiin kuma lama kan isaaniif kennamu ta'ullee kun ammoo ga'aa akka hin taane dubbatu. "Qarshii kuma lama jechuun yeroo ammaa qarshii digdama jechuudha" jedhu.

Gara biyya biraa deemuudhaafis yaalii kan taasisan ta'us Ameerikaafi Kanaadaa deemuudhaaf yeroo yaalii taasisanitti dhimmi isaanii yeroo lammaaffaaf akka ilaalamuuf waan qajeelfameef nuuffeen dhiise.

"Baqattummaa keessaa ba'ees osoon eyyama jireenyaa Itoophiyaa argadhee nan gammadan ture," jedhu.

Ilmi isaanii Beeljiyeem barumsarra kan jiru yommuu ta'u intalli isaanii garuu Turkiin jiraatti.

Intala isaanii waliin bilbilaafi miidiyaalee hawwaasummaa garaa garaan kan walargan ta'ullee ilma isaanii waliin garuu walarganii hin beekan.

"Intallikoo na jaallatti, ilmikoo garuu na hin jaallatu. Akka nama hormaatti na ilaala, bakkuma jirtu jiraadhu naan jedha," jechuun gaddaan dubbatu.

Waa'ee dhala isaanii qofa osoo hin taane waa'ee obboleettii isaanii yeroo dubbatan kan isaan boossisu Aadde Kariimaan "namni yeroo nu ilaalu lakkuu fakkaanna," jedhu.

Waggaa lamaan duras isaan agrguuf kan dhufan yommuu ta'u ijoollee obboleettiishee kana waliinis bilbilaan akka walargan dubbatu.

Waraanni waan baayyee na dhabsiiseera kan jedhan Aadde Kariimaan, obbolaan qaban saddetti keessaa shanan isaanii Taalibaaniin ajjeefaman.

Afgaannistaan deemuudhaaf Mootummota Gamtoomaniitti iyyatanillee biyyattiin nagaa waan hin taaneef akkasumas maatiin isaanii akka hin dhufneef ittisaaniiru.

Itoophiyaaf jaalala guddaa kan qaban Aadde Kariimaan,"Itoophiyaan mana koo lammaffaadha, haadhakooti. Uummatichi keessummaa ni jaallata," jedhu.

Aadaa Itoophiyaa baranii jireenya hawwaasummaa keessatti baayyee hirmaatu.

Waa'ee gosa nyaataa Afgaanistaan odeessanii hin quufan. Yeroo dhufaniitti biddeena nyaachuun isaanitti ulfaatee kan ture ta'ullee yeroo ammaa garuu filannaa isaanii ta'uu baatullee bideena ni nyaatu.

Yeroo ammaa kana dhukkuba kalieeyiin rakkaachaa kan jiran yommuu ta'u ollaan isaanii akka isaan wallaanan dubbatu. Hospitaala Haaayaatitti wallaanamaa yeroo jiran kanatti torbanitti 3600 Komiishinichi kaffaluuf baasii wallaansichaaf itti gargaaramu.

Holloota isaanii keessaa kan Sooriyaa dhufan waan jiraniif isaan waliinis hariiraa gaarii qabu.

Afaan Arabaatiin yeroo waliin dubbatan biyya isaanii waan isaan yaadachiisuuf baayyee gammadoo akka ta'an dubbatu. Afgaanistaaniin kan yaadan ta'ullee ijoollee isaanii sadan dhiisanii deemuuf karoora hin qaban.

Daa'imni isaanii isheen dhumaa gatamtee kan argatan yommuu ta'u amma umuriin ishee waggaa 17 ta'eera.

"Daa'ima guddisuun baayyee cimaadha. Yaaddoon isaayyu nama ajjeesa," jedhu. "Afgaanistaaniin deebiyee hin deemu. Waaqayyoo yoo umuriikoo dheeresseef ijoolleekoo heerumsiifachuun barbaada; akkasumas intalakoo arguudhaaf osoon Turkiin deemee natti tola," jedhu.