Taamiil Naadu, Indiyaa: Addunyarratti anniisa falama hin qabneen beekamtu ta'uuf deemti.

Madda suuraa, Alamy
Taamiil Naaduu dandeetti haniisa qilleensa irra maddisiisuu ishee dachaa lamaan dabalti jedhamee eegama
Indiyaa gara kibbaatti kan argamtu kutaan biyyaa Taamiil Naaduu jedhamtu, humna qiilleensa irraa maddisiifamuun adduunyaa irratti beekamuuf deemti.
Akka gabaasa haaraa baheetti garuu, jalqabarratti biyyattiin araada cilee fayyadamuu keessaa of baasu qabdi.
Teessumni isaa Ameerikaa kan ta'e dhabbanni diinagdee annisaa fi xiinxala maallaqaa 'Institute of Energy Economics and Financial Analysis' jedhamu - bara 2027'tti biyyi Taamiil Naaduu humna ishee barbaachisuu keessaa walakkaa ol kan ta'u teekinooloojiiwwan faalama irraa bilisa ta'aniin argatti jechuun tilmaameera.
Biyyaatiin wayita amma humna qilleensaa irraa - gigaawaatii (GW) 7.85 maddisiisuu danda'uun ishees mirqaansaadha; kan biyyoota akka Denmaarkii fi Siwiidinii ni caalas jedhameera.
Akkasumas hoomishni anniisaa falama hin qabne irraa argamu kunis waggoota kudhan dhufan keessatti akka dachaan dabaluu fi kan aduu irra maddisifamus dachaa ja'a dabaluun GW 13.5'tti ol guddachuu ni danda'a jechuun gabaasni kun tilmameera.
Yoo kun kan dhugoomu ta'e anniisaan Taamiil Naaduu madda faalama hin qabne irra argattu gara %67'tti ol guddachuun, baasii tajaajila kanaaf haala rakkisaan bahaa ture akka hambisus dubbatameera.
Haa ta'u malee dandeetti oomishaa kana irra gahuuf Taamiil Naaduu damee bulchiinsa humna ishee haaromsuu qabdi jedhame.