Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaaf

Afaan Oromoo

Afaan Oromoo, Afaan Amaaratti dabalataan Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta'u nan qabsaa'a jechuun ibsi DHDUO xumura walgahii koree gidduu galeessa isaarratti baasee namoota garagaraatiin akka murtee gaariitti leellifamaa jira.

Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'an Obbo Tseggaayee Xilaahuun, "uummanni Oromoo bal'aan Finfinneerra jiru, waajjiraalee federaalaa keessatti dhimma isaa Afaan Oromoon yoo dubbatu kan isa dhagahu hinjiru waan ta'eef Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa ta'uun uummanni tajaajila akka argatuuf faayidaa guddaa qaba," jedhu.

Gaaffilee gurguddoo sadi uummatni Oromoo waggoota dheeraaf gaafataa ture: gaaffii Afaanii, lafaafi gaaffii ofiin of bulchuu keessaa tokko Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuudha kan jedhan ogeessi seeraafi xiinxalaan imaammataa Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii, gaaffii kana deebiisuun tarkaanfii guddaadha jedhu.

"Uummata Itoophiyaa keessaa walakkaatti kan siqu Afaan Oromoo dubbata. Kanaaf biyya sana dagaagsuufi guddisuudhaaf akkasumas nagaa biyya sana keessatti uumuudhaaf Afaan Oromoo gahee bu'uraa qaba," jedhu.

Uummanni Oromoofi uummattoonni biyyattii biroo wal kabajanii waliigalteen akka jiratanis riqicha guddaa uuma jedhu.

Qorataa federaalizimii kan ta'an Obbo Wubishet Mulaat gama isaaniin, caalaatti walta'iinsa biyyoolessaafi tokkummaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhu.

"Gaaffii uummanni Oromoo waggoota dheeraf gaafataa ture waan ta'eef kanaaf beekamtii kennuun gaaffii uummataa deebisuudha. Kana bira darbees uummanni mootummaa irratti amantaa akka godhatu taasisa," jedhu Obbo Wubishet.

Uummanni Oromoo uummata lakkofsaan hagana baay'atu ta'ee osoo jiru afaan isaa afaan hojii mootummaa federaalaa gochuu dhiisuun haqa dabsuu ta'as jedhu.

Akka addunyaatti biyyoonni Afaan hojii hedduu qaban danuudha kan jedhan Obbo Wubishet akka fakkeenyaatti afaan hojii 11 kan qabdu Afriikaa Kibbaa fi Afaan hojii 36 kan qabdu Booliviyaa kaasu.

"Asuma biyya keenya naannoo Hararii yoo fudhanne Afaan Oromoo fi Afaan Hararii akka afaan hojiitti tajaajila jira," jedhu.

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa gochuun Afaan Amaaraa dabalatee afaanota biyyattii biroo irratti dhiibbaan uumu tokkollee hin jiru. Afaan Oromoo garuu afaan og-barruu akka ta'uufi namoota hedduunis akka dubbatamu faayidaa olaanaa qaba jedhu Obbo Wubishet.

Hojiirra Oolmaa

Yaada kana hojiirra olchuuf hojjaan sadarkaa lamatti hojjetamuun irra jiraata jedhu Dr. Birhaanamasqal.

"Mootummaan naannoo karaa caffee oromiyaa komiishinii Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka ta'u hojjetu dhaabuun irra jira."

"Sadarkaa mootummaa Federaalaattis manni maree bakka bu'oota uummataa akkaataa Afaan Oromoo Afaan Amaaraatti dabalataan afaan hojii mootummaa federaala ta'u irratti hojjechuu qaba," jedhu.

Obbo Wubishet gama isaaniin, jalqabbiif manneen hojii federaalaa sanadoota Afaan Oromoon akka qopheessaniifi nama afaan hiiku qacaruun tajaajila akka kennan gochuu, fuulduraaf garuu Afaanichi sadarkaa biyyaatti kutaa 1 yookan 5 irraa eegalee akka baratamu gochuun barbaachisaa ta'uus dubbatu.

Kana gochuun daa'imman kutaalee biyyattii guutuutti afaanicha dubbisuufi barreessuu akka baran, sanaanis carraa hojii bal'aa akka argatan gochuun ni danda'ama jedha.