Atileetota Olimpiikii Gannaa irratti Afriikaa bakka bu'aniin wal-baraa

Garee Bobsleigh Naayijeeriyaa

Madda suuraa, Loic Venance/AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Gareen 'Bobsleigh' Naayijeeriyaa yeroo jalqabaaf Afriikaa bakka bu'uun ispoortii kanarratti hirmaata.

Afriikaanonni Olimpiikii Gannaa Piyoongichaang 2018 irratti hirmaatan eenyufaadha?

Olimpiikii Gannaa Piyoongichaang, Kooriyaa Kibbaatti Guraandhala 9, 2018 irraa kaasee taasifamu irratti biyyoonni Afriikaa saddeet ni hirmaatu.

Afriikaan ardiilee ho'i guddaan keessatti argamu keessaa tokko waan taateef, haala qilleensaa gosoota dorgommii Olimpiikii Gannaa kan akka sigigoo cabbiif ta'u hin qabdu.

Ta'us garuu, dorgomtoonni biyyoota Naayijeeriyaa, Eertiraa, Gaanaa, Keeniyaa, Maadagaaskaar, Afriikaa Kibbaa, Morookoo fi Toogoo biyya isaanii bakka bu'uun Olimpiikii Piyoongichaang 2018 irratti hirmaatu.

Biyyoota Naayijeeriyaa fi Eertiraaf ammoo kun hirmaannaasaanii jalqabaa waan ta'eef, seenaa haaraadha.

Odeeffannoon waa'ee dorgomtoota Piyoongichaangitti Afriikaa bakka bu'anii kunooti.

  • Akiwaasii  Firiimpoongi

    • Umurii: 31
    • Biyya: Gaanaa
    • Gosa ispoortii: Skeleton (Lapheedhaan cabbiirra sigigaachuu)

    Akiwaasii Firiimpoongi Federeeshinii ‘skeleton’ kan Gaanaa bara 2016’tti hundeesse. 

    Firiimpoongi dorgommii Atleetiiksii kan biraa keessa turus, miidhama miilla isaarra ga’een gara dorgommii kanaatti gale. 

    Ispoortichi saffisa cimaan waan adeemsifamuuf, sammuunkee dafee qabachuuf ni rakkata. Kanaafuu, dorgomaa cimaa ta’uuf yoo xiqqaate waaggaa afur yookaan jaha sitti fudhata
  • Saabriinaa  Simaadar

    • Umurii: 19
    • Biyya: Keeniyaa
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    Maatiinshee umurii sadii yeroo turtetti gara Oostiriyaatti fuudhanii deemani. Lamii Keeniyaa jalqabaa Olimpiikii Gannaa irratti biyyashee bakka buutus taateetti. 

    Dorgomtuu kan taate bara 2013’tti yoo ta’u, 2016’tti Keeniyaa bakka bu’uun dorgommii Olimpiikii Gannaa Dargaggootaa Noorway irratti hirmaattee turte. 

    Saffisa cimaa sanaan, meeshaa cabbiirra ittiin sigigaattuun yoo deemtu, miirri sitti dhaga’amu waan addaati. Xannachikee si dhiiba, akka waan bilisa taateetti yaadda. Yeroo hedduu itti gammadudha
  • Miyaaliitiyaanaa  Kilerki

    • Umurii: 16
    • Biyya: Maadagaaskaar
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    Miyaaliitiyaanaa Kileerki umurii sadiitti Firaansitti sigigoo cabbii barte. Sadaasa 16, 2017 reefuu umurii 16 guutte, kunis dorgomtoota umuriin xiqqoo ta’an keessaa tokko ishee taasiseera. 

  • Samiir  Azimaanii

    • Umurii: 40
    • Biyya: Morocco
    • Gosa ispoortii: Sigigoo cabbii qaxxaamura dheeraa

    Samiir Azimaanii osoo gara qaxxaamura biyyaatti hin galin dura, sigigoo cabbii gaarreenii irratti hirmaachaa ture. 

  • Adam Laamhameedii

    • Umurii: 22
    • Biyya: Morookoo
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    : Lammiin Morookoo-Kaanaadaa Adam Laamhaameedii dorgommii Olimpiikii dargaggootaa bara 2012’tti meedaaliyaa warqee moo’uun nama Afriikaa jalqabaa ta’e. 

  • Mooriyaam Siwuun  Adiguun

    • Umurii: 31
    • Biyya: Naayijeeriyaa
    • Gosa ispoortii: Bosleigh (sigigoo cabbii garee)

    Siwuun Adiguun garee ‘Bobsleigh’ Naayijeeriyaa jalqabaa hundeessite. Konkolaachiftuu garichaatis.   

    Kana dura atileetii fiildiifi tiraakiirraa kan turte Siwuun, bara 2012 Olimpiikii Landan irratti meetira 100’n dorgomtee turte. 

    Waan hin amanamnedha…Naayijeeriyaan kana dura nama Olimpiikii Gannaa irratti bakka bu’uun qabaattee hin beektu, kun ta’uusaatti hedduu itti tolee jira
  • Akuumaa  Omeewoogaa

    • Umurii: 25
    • Biyya: Naayijeeriyaa
    • Gosa ispoortii: Bosleigh (sigigoo cabbii garee)

    Garee ‘Bobsleigh’ Naayijeeriyaa isa jalqabaa keessatti dubartii dorgommicha jalqabsiiftu ishee duraa taateetti.  

  • Ingoozii  Onwumeeree

    • Umurii: 26
    • Biyya: Naayijeeriyaa
    • Gosa ispoortii: Bosleigh (sigigoo cabbii garee)

    Ingooziin atileetii tiraakii fi fiildii Naayijeeriyaa bakka bu’uun Taphoota Afriikaa irratti bara 2015’tti dorgomtee turte. 

  • Simideel  Adeyaagboo 

    • Umurii: 36
    • Biyya: Naayijeeriyaa
    • Gosa ispoortii: Skeleton (Lapheedhaan cabbiirra sigigaachuu) 

    Waggoota sagaliif dorgommiirraa fagaattee kan turte Simideel, garee dorgommii Bobsleigh Naayijeeriyaatiin kaka’uun atileetii sigigoo cabbii lapheen taasifamuu ta’uuf murteessite.  

    Adeyaagboon gosa ispoortii kanaan biyyashee bakka bu’uun kan jalqbaati. 

  • Koonar  Wiilsan

    • Umurii: 21
    • Biyya: Afriikaa Kibbaa 
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    Koonar ogeessa fayyaa beeladaa ta’uuf Ameerikaa, Yunivarsiitii Veermontitti barate. 

  • Maatiildi-Amiivii  Petiizjoo

    • Umurii: 23
    • Biyya: Toogoo
    • Gosa ispoortii: Sigigoo cabbii qaxxaamura dheeraa

    biyya itti dhalatte Toogoof dorgomuu eegaluusheen dura, Maatiildi garee dargaggootaa Firaansi bakka bu’aa turte. 

  • Aleesiyaa Afii Diipool

    • Umurii: 22
    • Biyya: Toogoo
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    Toogoo waliin hidhamiinsa maatii tokkollee kan hin qabne fi Xaaliyaanitti dhalatte kan guddatte Aleesiyaa Afii Diipool, biyya Afriikaa Lixaa kana bakka bu’uu filatte. 

    Dorgomtuun kun bara 2014’tti alaabaa Toogoo jelatti Olimpiikii irratti kan dorgomte. 

  • Shaanan Ogbaanii  Abbeedaa

    • Umurii: 21
    • Biyya: Eertiraa
    • Gosa ispoortii: Alpine skiing (Sigigoo cabbii garreenirraa)

    Abbeedaan kan guddate Kaanaadaatti. Duratti gosa ispoortii sigigoo cabbii kan biraa irratti hirmaachuu fedhus maatii isaatu gara kanatti akka dhufu isa taasise. 

    Eertiraa bakka bu’uun Olimpiikii Gannaa irratti hirmaachuun, inni nama jalqabaati. 

    Lammiilee Eertiraa akkakoof cabbiirra sigigaachuun waan barame akka hin taane nan beeka, garuu Eertiraanonni gootota. Yeroo nama isaaniin bakka bu’uun dorgomu argan baay’ee gammadu

Madda suuraa:

Matthias Hangst/Getty Images, Dimitar Dilkoff/AFP/Getty Images, Francois Xavier Marit/AFP/Getty Images, Shaun Botterill/Getty Images, Christophe Pallot/Agence Zoom/Getty Images, Alexander Hassenstein/Getty Images, ALEXANDER KLEIN/AFP/Getty Images, Dean Mouhtaropoulos/Getty Images, Courtney Hoffos