Qorattuu qonnaan bulaan firoomte

Dr Saganat Qalamu Image copyright Getty Images

Dr Sagannatti Qalamuu jedhamti. Dhalattee kan guddattee Gojjaam maagaalaa xiqqoo Finoota Salaamitti jedhamtuutti.

Magaalaa sana keessatti ibsaan, bishaan ijummoofi manni barnootaa sadarkaa lammaffaan akka hinturree dubbatti.

Kanaafu barnoota sadarkaa lammaaffaa hordoofuuf gara Dabra Maarqoos magaalaa ibsaa qabdutti galte.

Yeroo shamarree waggaa 13 turte ni dubbatti. Maatiin koo na waliin gara magaalaa Dabra Maarqoos deemu baatanilleen amantaa olaanaa narratti qabu turan kan jettu Dr Sagannati, ''eessayyuu yoo deeme ofiif eegannoo taasisee akkan jiraadhu ni beeku,'' jechuun ture amantaa maatiishe isheerratti qaban kan himte Dr. Saganat.

Dr. Sagannat qoraan cabsuun, midhaan harkaan daakaa, farsoof biqila biqilchaan maatiishee gargaaraa baratte.

"Yeroo sanatti nama barachuu barbaadutti rakkoo cimaa kan ta'u dabtara, qalamaafi qubeessa guuttachuu ture. Manni barumsichaas meeshaaleen barbaachisaniifi kitaabaan hin guutamne ture," jetti Dr. Sagannat.

Muuxannoon kunis hanga har'aatti qalamaa biiroosheetti akka walitti qabdu akka ishee taasisee dubbatti

Dhalakee dhalakootiif

Ijoollumaakootti rakkistuun ture kan jettu Dr. Sagannat, muka koruu, harree yaabachuufi hojiiwwan dubartiin hin hojjettu jedhaman hojjechuu yaalushee himti.

Dr. Sagannat yeroo ijoollumaa obbolaan durbaashee naqachiisuuf/kaadhimannaaf jaarsi akka ergamaa ture yaadatti. Amala isheetiin kan ka'e ishee kaadhimmachuuf kan dhufe garuu hin turre.

Kanarraan kan ka'e barumsashee itti fufuu dandeesseetti. Amalli ishee akka hin eerumne ishee taasisee hubannaanis caalaatti itti cimsite.

Maatiin Dr. Sagannat barreessuufi dubbisuu kan hin dandeenye ta'anillee barumsatti ni amanu ture. Kanaaf, ijoollee isaanii hunda barsiisaniiru.

"Walumaagalatti obbolaan dhiiraafi durbaa toorban qaba turre. Hundi keenya barumsa demneerra." Obboolaan durbaashee dursanii eerumanillee barataniiru.

Image copyright THOMAS SAMSON

Dr. Sagannat qabxiin ittiin Yunvarsitii galtu yeroo dhufeef ollaan farsoo, araqeefi nyaata fidanii dhufuun 'baga gammadan' jechuun guyyaa guutuu akka waliin gammadan hin irraanfattu.

Mandara baadiyyaa xiqqoo keessaa baatee yoo gara Finfinnee dhuftu bitaa itti galee akka ture dubbatti.

"Nuti mana fincaanii kan baranne dirreerratti bahuudha. Erga yunivarsitii galee isa mana keessaa atamimmiin bishaan akka itti dhangala'u hin beektu. Qaama dhiqachuun mana keessatti. Finoota Salaamitti laga bishaanii buunee qaama keenya dhiqanna ture. Garaa garummaa guddaadha," jetti waan ture yeroo ibsitu.

Fayyadamni TV fi bilbilaa jireenya magaalaa waliin yeroo sanatti kan baratte ture.

Dr. Sagannat digiriishee jalqabaa erga biyyatti xumurtee booda digiriishe lammataaf gara Ameerikaa deemte. Osoo barnoota digiriishee lammaffaa hin xumuriin dura carraa barnoota digirii sadaffaa argatte. Yeroo sana fixxetti garuu carraan hojiin bakka hedduutii banameef. Yunbvarsiitota hunda keessaa Yunvarsiitii Koorneel filattee galte.

Abbaan ishee akka doktora fayyaa taatu akka barbaadan kan jettu Dr. Sagannat, Haromaayaa seenee qonnaa barachuuf jedhee yeroo ani itti himu ammas amallii kee diida-galeessi si hin dhiifne jechuun ' qote-bulaa ta'uudhaaf digirii barbaachisaa?' naan jedhe jechuun yaadatti.

Boodarra garuu waa'ee hojiisaheefi milkaa'inshee argaa yeroo dhufanitti akka isaan boonsitu hubatan.

Qormaata

Qormaanni qaama jireenya keenyaa keessa tokko akka ta'e kan amantu Dr. Sagannat, attamitti akka qormaata keessaa ittiin ba'an yaaduu malee abdii kutuu yaaddee akka hin beekne dubbatti.

Dhaabbata jaarmiyaa addunyaa ta'e tokkoof Ameerikaa Kaabaatti qorattu ol-aanaa ta'uun qorattoota addunyaarra jiran waliin dorgomtee hojicha argatte.

Kolombiyaa keessatti saayinstistiin gurraattiin ishee qofa waan tureef namoonni daawwanaaf dhufan yeroo ishee argan hojii qulqulleessuu ykn hojii gadi-aanaarratti kan bobbaate waan itti fakkaatuuf, "Dr. Qalamuu jedhu; anis seenaa yeroon jedhu ishee nuuf yaami jedhu."

Waan Kolombiyaatti ta'e kan yaadattu keessaa yeroo qacaramtee deemtudah.

Yeroo hojii jalqabdu namoonni hojii laaboraatoorii keessaa hojjetan 17 hundi adoota turan. Qarshii uddaan ramadamee meeshaan barbaachisu hundi guutameeti kan itti gaafatamummaan sun itti kenname. Dubartii, gurraattiifi qalloo ta'uun ishee itti gaafatamummaa itti kenname waliin hojjetttuun isheef hin liqimfamne tokko rakkisuu jalqabde.

Kana biratti Afaan Ispeen beekuu dhabuun qormaata sana baayyee cimaa taasise. Yeroon yaalii ammoo kan isheef kennamee ture ji'a ja'aaf.

Ji'a ja'a keessatti waanti bifa qbaachuu qabu bifa qabsiifamee bu'aan eegama.

Gaaf tokko hojjetoota ishee jala turan walitti qabdee karaa barreessituu isheetiin afaan hiiksisaaf mariisisaafi qajeelfama hojii kennaa osoo jirtuu ogeessi rakkisaa ta'e tokko ishee mudate.

'Yoo hojjechuu baannee maal goota?' jechuudhaan seera biyyattiifi waa'aa itti gafatamaa isaa duraan turee heeruun diddaa agarsiise.

Kun ga'eera osoo hin jedhiin jetti Dr. Sagannat 'eessaa akka dhufte ni beekna' jechuudhaan beela Itoophiyaa kaase.

Yeroo kanatti jetti Dr. Sagannat, anarra darbee amoota miliyoona 80 waan arrabseef hojiirraa ari'amuusaan itti hime."

"Achumaan dhaabbatichi maallaqa guddaa kaffalee gaggeesse. Gaggeeffamuun isaa guutummaa dhaabbata sanaatti dhaga'ame," jetti.

Waan akkasiitti akka hinaarree kan dubbatu Dr. Saggannat caalaatti kan na gargaare akka eenyumaakootti boonu barachaa guddachuukooti jetti.

"Mana barumsaatti manattis miidhagootadha, namni kamiyyu nu mo'uu hin danda'u, gita bittaan hin bitamne, namoota Minilik jedhamaa barachuun keenya eenyummaakootti akkan boonuufi waantoota xixiqqoof akkan hinraafamne na gargaareera"

Waa'een beela Itoophiyaa kun bakka hojii qofaatti osoo hin taane karaarrattillee ishee mudateera.

Yeroo sana garuu, "Itoophiyaan biyya beeloftuu osoo hin taane, biyya buna addunyaadhaaf gumachitedhan jedhan ture. Warri Kolombiyaa buna isaaniitiin waan boonaniif ni callisu."

Biyya kamiyyu yoo taate maatiifi hojii madaalanii ilaaluun cimaadha kan jettu Dr. Sagannat "Anaaf garuu waanti gaariin abbaa manaa gaariin qaba. Innis saayintistiidha. Hojii manaa waliin taanee hojjenna. Caalmaattiyyu isati hojjeta ture, " jechuudhaan ga'ee abbaan manaashee milkaa'ina jireenyashee keessatti qabu dubbatti.

Qu'annoofi qorannoo

Yeroo ammaa kanatti ilbisoota( Insect physiology and ecology) irratti qo'annoo gaggeessaa kan jirtu Dr. Sagannat, addunyaarra ilbisoota miliyoona tokko ol akka jiran dubbatti.

Ilbisoonni hedduunis hojjetoota kan jettu Dr. Sagannat, ilbisoota kanneen fayyadamuun jireenya namoota hedduu foyyeessuuf akka hojjechaa jirtu dubbatti. Raammoo haarrii Itoophiyaatti beeksisuuf akka hojjettu kan dubbattu Dr. Sagannat, gama nyaataatiinis ilbisoonni filannoo akka ta'an ni yaaddi.

Afirikaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kibbaa keessatti namoonni miliyoona lama ta'an ilbisoota akka sooratan kan dubbattu Dr. Sagannat, biyyoonni guddatan akka Jaarman garuu uummata isaanii beeksisuuf hojjechaa jiru.

Waajira amma keessa hojjechaa jirtuttis hojiiwwan hojjettu keessaa inni tokko isa kana beeksisuufi qabiyyee isaa xiinxaluudha. "Ilbisoonni miidhaniifi fayyadan ni jiru. lamaan isaanii walmadaalchisuun jirachuu ni dandeenya," jetti.

Qorannoosheetti kan biraa kan irratti fuulleeffatte nyaata horiirratti. Yeroo Ameerikaa Kibbaa turte kan hojjechaa turte dhimma kanarratti ture. Hojiin qorannooshe kun qonnaan bultoota Itoophiyaa hedduu akka fayyades ni dubbati.

"Jireenyi qonnaan bultoota hedduu foyyaa'eera. Annan horii isaanii irraa argatan dabaleera. Anis kana arguukootti gammadeera," jetti.

Nyaata horii kana mootummaa Itoophiyaa waliin ta'uudhaan waggaatti qonnaan bultoota kuma 20 geessisuudhaaf karoora qabdi.

Jireenyakoo hafe keessatti qonnaan bulaa gargaaruun barbaada kan jettu Dr. Sagannat, waajirasheetti qorattoota Afirikaafi Afirikaa iarraa digirii lammaffaafi sadaffaa isaaniitiif dhufaniif gargaarsa gochuus ni barbaaddi.

Waan ishee gammachiisu

Dr. Sagannat kan ishee gammachiisu maatiishee waliin dabarsuudha. "Abbaan manaakoo amma hojjetaa hin jiru; dhukkubsataadha. Waanti na gammachiisu isa kunuunsuufi dhalakoo milkaa'inaaf geessisuudha," jetti.

Waan biraan ishee gammachiisu namoota ciccimoo carraa dhabaniif carraa kennuufiin akka ga'umsa qabaatan gochuudha.

Dhumarrattis qaama gara garaa irraa maallaqa walitti qabuudhaan naannoo itti dhalattetti giddu-gala leenjii banuudhaan ce'umsi tekinooloojii akka jiraatu gochuudha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan