Dursaan paartii mormituu Morgaan Shaangiraayi waggaa 65ffaa isaaniitti du'an

Morgan Tsvangirai Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Morgaan Shaangiraayi nama Rooberti Mugaabee qoruun beekaman turan

Dursaa gameessi paartii mormituu Zimbaabwee MDC kan turan Morgaan Shaangiraayi Afriikaa Kibbaatti du'uusaanii qondaalli olaanaan paartichaa beeksisan.

Waggaa 65ffaa isaaniitti kan boqotan ,Ministirri Muummee biyyattii duraanii,Obbo Shaangiraayi kaansarii Mar'umaan furdaatiin qabanii yaalamaa turan.

Bara qabsoo isaaniitti sirna badaa pirezidaantii duraanii Rooberti Mugaabee mormuun kan beekaman obbo Shaangiraayi, yeroo hedduu mana hidhaatti dararamaa turan.

Du'aan boqochuu Obbo Shaangiraayi kan beeksisan dursaa itti aanaan paartii MDC Eliyaas Muzuurii ''gaachana dimokiraasii kan ta'an goota keenya dhabne'' jechuun fuula tuwiitara isaaniirratti barreessan.

Paartii Warraaqsa Dimokiraasii,MDC, bara 2000 kan hundeessan Obbo Shaangiraayi fedhiin Obbo Mugaabeen umurii guutuu aangoorra turuuf qaban akka sirrii hin taane itti himaa, qabsaa'aa turan.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Morgaan Shaangiraayi Filannoo bara 2008 irratti wayita deggertoota isaaniif haasaa taasisan

Filannoo bara bara 2008 irratti dorgomuun utuu hin milkaa'in hafan Obbo Shaangiraayi.

Filannoo itti aanuttimmoo humni nageenyaa haleellaa deggertoota paartii mormituu irratti waan raawwataniif Obbo Shaangiraayi dhiisanii ba'an.

Yeroo sana obbo Mugaabeen mo'uu isaanii haa labsataniyyuu malee hawaasi idila addunyaa hookkara deggertoota paartii mormituu irratti uumamee fi seera maleessummaa filannoorratti waan gaaffii kaasaniif aangoo akka qooddatan ta'ee Obbo Shaangiraayi Ministira Muummee ta'an.

Bara 2013 Obbo Shaangiraayi irra deebiin filannoo irratti dorgomanii injifataman.

Amma paartiin MDC eenyu paarticha dursee filannoo haa hirmaatu kan jedhurratti wal qoqqoodaa akka jirus odeeffamaa jira.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan