Biriteen dabalatee biyyoonni 56 konkolaataa karaa bitaarra oofu

dargaggeessa konkolataa karaa bitaarra oofu

Madda suuraa, Getty

Ingilaanditti konkolaataan maaliif karaa bitaarra oofama? ''Gaaffiin jedhu gaaffii yeroo hedduu sammuukootti dhufu'' dha jedha Gaareez Eedmuunds, maanguddoon ganna 59 kana Bristool jiraatu. Gaareez baratootaa kutaa addunyaa garaagaraa irraa barnootaaf gara Yunaaytid Kiingidam deemaniif bakka jireenyaa dhiyeessa.

''Wayita isaan wajjin miillaan adeemnu, yeroo konkolaataan karaa mirgaarra nutti siiqu isaanii sodaatun arga waan nutti bu'u itti fakkaata''

Karaa bitaarra biyyoonni konkolaachisan hedduun biyyootaa warren kolonii Briiteen jala turaniidha. Kaan ammoo dhiyeenya teessuma lafaa isaan biyyoota koloneefatamanifi Briteenitti qabanirraa kan ka'e sirna kanatti madaqan.

Jalqaba jaarraa 20ffaa keessa biyyoonni kolonii jala turan erga birmaduu bahanii booda, karaa mirgaa oofuu eegalan. Kaan keessatti garuu akkuma duraatti itti fufe. Biyyooota odola Ameerikaa Afaan Ingilizii dubbatan akka Jaamaayikaa, Bahaamaas, Barbados, Triindaadiif Toobagoo fa'a keessatti karaa bitaaan oofuun yoo itti fufu, Ameeikaa Kibbaa keessatti Mirgaan oofuun amaleefatamaa deeme.

Aardilee biro keessatti fakkeenyaaf Eezhiyaatti biyyoota akka Indiyaa, Jaapan, Taayiland, ykn HongKoong keessatti, Oshiiniyaatti Awstiraaliyaafi Neewizilanditti, Aafrikaa keessaa Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Moozaambiikitti, Awroopaa keessaa Ayeerlaand, Saaypreesi fi Maaltaan biyyoota karaa bitaa ofuu itti fufan keessaati.

Dhugaan qorannoo Yuniivarsiitii of Fraankifertiin qoratame kana mul'isuu daandiiwwan konkolaataa jiran keessaa nuusa qofatu karaa bitaa akka irra oofamuuf hojjetame.

Madda suuraa, Getty Images

Maarree aadaan durii kaasee ture kun eessaa dhufe?

''Tiiwooriin koo maalinnii, wayita nama hin beekne bira dabartu harkii isaa inni meeshaa baatu karaa harka isa bitaarra aana'' jedha Edmunds

Steefen Laayings yaada Edmunds kanatti waliigala. Laayiing akka jedhutti ammalli kun bara Room irraa eegalee ture.

''Namoonni baayyeen mirgaan waa dalagu, farda isaaniimmoo harka bitaan ajaju. Kanaaf harka isaanii mirgaa bilisa gochuun ittiin waraanuu'' jedha Laayings.

Wayita konkolaataan baayyatu fardeen gara bitaatti hiriiranii eegu.

Waayee konkolaatotaa irratti kitaaba kan maxxanse Giilees Chaapmaan labsiin daandii Briiteen 1835 akka jedhutti biyya kanaafii biyyoota kolonii Briteen ta'an keessatti karaa bitaanii kan nu konkolaachisuu qabnuu jedha.

Seerri kun erga Briiteen Jaapaan keessatti daandii baaburaa karaa bitaarra oofamu dirirsuuf karoora baaftee booda biyyoottii keessatti daandiin konkolaataas kan bitaarra oofamu ta'ee hafeera.

Maaliif biyyoonni kaan karaa mirgaarra oofu?

Dur soorreyyiin karaa bitaarra oofu. Warraaqsa Freenchiin booda garuu hiyyeeyyii fi sooreyyiin walmakuu waan eegalaniif karaa mirgaarra oofuun itti fufe.

Biyyoonni Awroopaa baayyeenis muuxannoo Fraans fudhatan.

Madda suuraa, Getty Images

Yunaaytid Kiingidam karaa mirgaarra oofuu akka hin eegalle maaltu rakkisaa itti ta'a?

Mootummaan Biriteen bara 1969, erga Swiidin karaa mirgaan oofuu eegaltee booda seera kana keessa debi'ee kan ilaale ta'us, gatii guddaa gaafata, balaas fiduu danda'a jedhamuun akka duriitti akka itti fufu murtaa'e.

Bara sana jijjiirama hedame hojiirra oolchuuf baasii paawundii miiliyoona 264 akka barbaachisu mootummaan herregee ture.

Hojiilee hedduu gama erga bara 1969 gama misooma dandiitiin hojjetameen amma osoo jijjiiramni kun hojiirra haa oolu jedhamee basii Sanaa ol gaafachuu ni mala.

Laaying jijjiirama san gochuun barbaachisaa jedhee hin amanuu.

''Akka natti fakkaatuttu, haala kanatti sirriitti madaqne, daandiiwwan hojjetamaniis karaa bitaan akka irra oofamuuf hojetaman kanaaf fuldurattis ni jijjiirama jedhee hin yaadu''

Muummeen geejibaa biyyattiis '' hojimaata kan ilaalchisee imaammata hin qabnu. Yeroo kanatti waanuma hedduu qalbiin keenya itti jirus miti,'' Jedha.