Namoonni hedduun Ministira Muummee Itoophiyaa ni ta'a kan jedhan eeraa jiru

Ethiopian Constitution

Torban darbee seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti eddoo olaanaa qabateera. Jalqaba torbanichaa irratti mormiin lagannaa gabaa olaanaan gutuu Oromiyaatti gaggeefameera. Ittaansee ammoo oggantoonni paartiilee siyaasaa, himatamtoonni siyaasafi gaazexessitoonni gadhiifamaniiru.

Gara dhuma torbanichaatti ammo ministirri muummichaa biyyatti aangoo gadhiisuuf gaafachuun isaanii dinqisiifamee osuma hin xumuramiin, labsiin yeroo muddamaa labsameera.

Kanatti aansees ministira muummicha gadhiisan eenyutu bakka bu'a gaaffiin jedhuus mataduree marii olaanaa ta'eera. Baay'eenis nama ta'uu qaba jedhan miidiyaalee hawaasaa irratti eeraa turaniiru.

Heerri mootummaa biyyattii keewwata 73 (1) irratti waa'ee ministira muummichaa ilaalchisee akka kaa'eetti, ministirri muummichaa mana maree bakka bu'ootaa keessaa filatama.

Namni filatamuuf yaadame miseensa mana maree kan hin taane yoo ta'e ammoo, manni maree filannoo ittiin guuttachuu akka gaggeessu erga taasifameen booda namni kaadhimamaan sun akka filannoo ittiin guttachuutiin miseensa mana maree ta'u filatamu qabaata.

Filannoon ittiin guuttachuus sababii nuuf yaa bu'utiin ykn kamiiniyyuu sadaarkaalee teessoo miseensa mana maree hiratan guttachuuf kan gaggeefamu jechuudha.

Namni ministira muummichaa bakka bu'uuf filatamu miseensa mana maree yoo ta'e garuu, haaluma adeemsa ADWUI barameetiin gumiin dhaabaa erga gaggeefameen booda dura taa'aan filatama. Isaan booda dura taa'aa filatame mana maree bakka bu'otaatti dhiyeessuun akka ragaasifamu taasifama.

Tibba kanas midiyaalee fi midiyaalee hawaasaatiin maqaawwan irra deddeebiin ministira muummichaa ni ta'u jedhanii eeraman muraasni jiru. Namoonni kunniin eenyuu fa'ii?

Dr Abiyi Ahimad

Dr Abiyi Ahimad kan dhalatan Jimmaa magaalaa Aggaarootti. Umuriin jalqaba waggoota 40n irratti akka argaman kan dubbatamu Dr Abiyi, digrii isaanii jalqabaa bara 2001tti Kompitar Injinariingiin kan argatan yoo ta'u, bara 2005tti ammoo poost adivaansiid diippiloomaa gosa barnootaa 'Cryptology' yookiin aartii barreessama koodiiwwaniin Yunivarsiitii biyya Afrikaa Kibbaatti argamu irraa argataniiru.

Digrii lammaffaa (MA) isaanii 'Transformational Transformation and Change with Merit' yunivarsitii Landanitti argamu Giriinwiichirraa bara 2011tti argataniiru. Kana malees, yunivarsitii Liidstaar Ashlaand irra maastars of Biiznas Administireeshiin (MBA) bara 2013tti argataniiru.

Akkasumas, Dr Abiyi bara 2017tti muummee qorannoowwan Nageenyaafi Tasgabbii ( peace and security studies ) barnoota isaanii sadarkaa doktorummaa (PhD) yunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru.

Dr Abiyi jalqaba bara 1980moota keessa akka DHDUOtti makaman kan himamu yoo ta'u, hirmaannaa siyaasaan alattis gama loltummaan sadarkaa leetanaal kolenelummaa qabu. Ergama dhaabbata biyyoota gamtoomanitin tasgabbii fi nageenya buusuuf gara biyya ruwaandaatti dulaniiru.

Bara 2000-2003tti ammoo Ejansii Nageenya odeeffannoo hundeessuun, sadarkaa daarektarumaatiin tajaajilaniiru. Isaan boodas Ministeera Saayinsiif Teknoologii ta'uun hojataniiru.

Bara 2002 irraa kaasee miseensa koree jiddugaleessaa DHDUO ta'uun, bara 2007 irraa kaasee ammoo miseensa koree hojii raawwachiftuu ta'uun tajaajilaniiru. Akkasumas waggoota sadan darbaniif miseensa koree hojii raawwachiftuu ADWUI ta'uun hojachaa jiru. Dr Abiyi wayita ammaa kanatti itti gaafatamaa waajira Jiddugala OPDO fi miseensa mana maree bakka bu'oota ummataati.

Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el

Dr Dabratsiyoon Gabra mikaa'el naannoo Tigraayi aanaa Shireetti dhalatan. yunivarsitii finfinnee galmaa'an illeen adda kutuun gara qabsootti makamaniiru.

Tibba qabsootti gara biyya Xaaliyaanii deemuun leenjii teknoloojii quunnamtii kan fudhatan yoo ta'u, bara 1972tti buufata raadiyoo sagalee Wayyaanee hundeessan.

Erga ADWUIn taayitaa qabateen boodas obbo Kinfe Gabramadihiin bakka bu'uun waajjira nageenyaa oggananiiru.

Isaan boodas barnoota isaanii adda kutan itti fufuun digrii jalqabaafi lammaffaa Elektirikaal injinariingiin fudhataniiru.

Digrii doktarummaa isaanis yunivarsitii Landanii Infoormeeshin Teeknoologiin argataniiru.

Bara 1998 irraa kaasee Ejansii Misooma Komunikeeshii Odeeffannootti Dayirektara olaanaa ta'uun kan tajaajilaniifi sadarkaa ministira mummeetiin qindeessaa kilaasitaraa ta'uun hojataniiru.

Wayita ammaa kanattis dura ta'aa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tiraayi fi ittaanaa pirezidaantii naannichaati. Itti dabaluunis, Ministira Komunikeeshinii Odeeffannoo ta'uun tajaajilaa jiru.

Dr. Dabratsiyoon yeroo ammaa miseensa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataati.

Dammaqa Makonniin

Bara 1980tti dame barnoota Baayooloojitiin yunivarsitii Finfinneerraa digrii jalqabaa argatan. Ittansuunis digiriisaanii lammaffaa Koonfilikt rizolushin (haala hiikuu walitti bu'iinsaatiin) argatan.

Jalqaba bara 1980 akka ADWUI tti makaman kan himamuuf obbo Dammaqaan, waggoota muraasaan booda ammo filatamaa mana maree naannoo Amaaraa ta'anii ture.

Bara 1997tti ammo ittaanaa pirezidaantii naannoo Amaaraa ta'uun kan falataman Obbo Dammaqaan, achiinis miseensa koree hojii raawwachiftuu Warraaqsa Dimokraasii Saba Amaraa (WDSA)ta'uun fiatamaniiru.

Obbo Dammaqaan dura ta'aa WDSA yoo ta'an yeroo bara 2005tti ittaanaa dura taa'aa ADWUI ta'un filatamanii kaasees sadarkaa ittaanaa ministira mumichaatiin tajaajilaa jiru.

Barsiisaan duraan kunis osoo gara taayitaa amma irra jiraniitti hindhufiin dura ministira barnootaa ta'unis tajaajilaniiru.

Obbo Dammaqaa Makoonnin miseensa mana maree ummataati.

Obbo Lammaa Magarsaa

Obbo Lammaa Magarsaa dura ta'aa dhabbata Dimokraasummaa Ummata Oromoo (DHDUO) fi pirezidaantii naannichaati.

Umuriidhaan kan jalqaba waggota 40 irratti argaman Obbo Lammaan, dhalatanii kan guddatan godina Wallagaa Bahaatti.

Gama barnootaatiinis digiriisaanii jalaqabaafi kan lammaaffaa yunivarsiitii Finfinneettii muummee barnoota saayinsii siyaasaafi walqunnamtii addunyaatiin(political science and International relations) argataniiru.

Obbo Lammaan pirezidaantii Naannoo Oromiyaafi dura ta'aa DHDUO ta'uun kan mudaman wayita mormiin ummataa olaanaan naannicha ka'e waggoota lamaan dura ture.

Obboo Lammaan jalqaba bara 1980tti gara dhaaba DHDUOtti akka dabalaman kan dubbatamu yoo ta'u, osoo pirezidaantii naannichaa hinta'iin duras dubbii himaa mana maree naanichaa-Caffee ta'uun hojataniiru.

Obbo Lammaan miseensa mana maree Caffee yoo ta'an, miseensa mana maree bakka bu'oota ummataa akka hintaane ragaaleen ni mul'isu.

Dr Warqinaa Gabayyoo

Dr. Warqiinaa Gabayyoo ittaanaa dura ta'aa OPDOfi minisitira ajaa alaa biyyattiiti.

Digriisaanii jalaqabaafi kan lammaaffaa yunivarstii Finfinneetii dame barnoota saayinsii siyaasaafi walqunnamtii addunyaatiin argataniiru.

Waggoota lamaan duras yunivarsitii Afriikaa Kibbaa tokko irraa digrii doktarummaa fudhataniiru.

Jalqaba bara 1960 akka dhalatan kan dubbatamu Dr Warqinaan, baraa dheeraadhaaf komishiinii poolisii federaalaa ta'uun hojataniiru.

Bara 2004 irraa kaasee ammo ministira geejjibaa ta'uun waggota afuriif tajaajilaniiru.

Akkasumas jalaqaba bara 1980 kaasuun miseensa PDO kan ta'an Dr Warqinaan, bara 2004 kaasee miseensa koree hojii raawwachiiftuu OPDOfi ADWUI ta'uun hojachaa jiru.

Wayita ammaa kanattis miseensa mana maree Magaalaa Finfinnee malee kan mana maree bakka bu'oota ummtaa akka hintaanees regaaleen ni mul'isu.

Maddi: BBC Monitoring and Historical Archives