Hirmaattoonni Waldaa biyya Ruwaandaa

map showing Rwanda and Burundi with the former's capital Kigali marked out.
Goodayyaa suuraa Churchgoers were killed in southern Rwanda, near the border with Burundi

Balaa bakakkaan waldaa Adiventistii biyya Ruwaandaa irratti mudateennamoonni 16 du'usaaniifi hedduun miidhamusaanii, qondaltoonni biyyattii himan.

Namoonni du'an irra caalaanis battalum bakakkaan waldaa bulchiinsa kibba Nyaaruguruutti argamtu rukutetti kan du'an ta'usaanii, kantiibaan gandichaa Haabitegeko Firaansis AFP'tti himaniiru.

Namoonni lama ammoo balaan kan du'an yoo ta'u, 140 hospitaalootaafi buufataalee fayyaatti fiiganiiru.

Kana malees bakakkaan guyyaa Jimaataa naannichatti barattoota ajeesse ture.

Balaan naannoo tulluuwwan biyyattii dhiheenya daangaa Burundiitti guyyaa Dilbataa mudate kunis osoo hirmaattoonni waldichaa tajaajila irra jiranu ture.

''Doktarri namoon (hirmaattoonni waldhichaa) kan biraa sadii haala fayyaa cimaa keessatti argamu garuu fooyyee agariisaa jiru,'' jechusaa Mr Firaansis himaniiru.

Akkasumas taate fuyyaa Jimaataatiin bakakkaan barattoota 18 dha'uun tokko qofti du'eeras jedheera.

Akka gabaasichi jedhutti, kanneen keessayis barattooonni sadi hanga ammaattu hospitaala kan jiraan yoo ta'u, kuun gara mana sanitti galaniiru.

Taatee du'a waldaa kunis erga ulaagaalee ijaarsaafi faalama sagalee hingunne jechuun waldaalee 700 olii Ruwaandaa keessatti cufamanii torbaan lamaan gadiitti dhagahame.

Midiyaan biyya keessaa 'Panor Actu' kan afaan Faransaayitiin gabaasuus, waldaalee cufaman hedduunis meeshaa ittisa balaa bakakkaa hinqaban jechuun gabaaseera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan