Qubsuma koo 24: 'Biyyaa fi lammiin nama bareecha'

Ogeetii fayyaa Obse Luboo Image copyright Obse Luboo

Maqaankoo Obsee Lubooti, amma biyya Ameerikaatti Kutaa Kaalifoorniyaa, magaalaa Biriyaa jedhamtu keessan jiraadha. Ogeettii fayyaa yoon ta'u, gaa'ila dhaabbadhee haadha mucaa dhiira tokkoo ta'eera.

Gara Ameerikaa kanan dhufe bara 2000 keessa yoo ta'u, barnoota sadarkaa lammaffaa adda kutuun waanan dhufeef asitti itti fufe. Asis dhufee qabxii olaanaan waanan xumureef iskoolaarshiippiin argachuun yunivarsitii galee damee ogummaa fayyaa bilaasha barachuu danda'e.

Barmoota koos xumuruun Waxabajjii bara 2007 kutaa biyyaa Kaaliforniyaa keessatti hojii gaarii argachuun naannoon jiraachaa ture Miniisootaa irraa gara sana deeme. Hanga 2009'tti ergan hojjechaa tureen booda, garaagarummaa tajaajila fayyaa biyya kanaafi biyya keenya keessa jiru Hubadhe. Kanaafu akkaataa itti deemee waan dandeetti kiyyaa gumaachuu danda'u akeekuu eegale.

Keessattu meeshaalee fayyaa asiitti hojiin ala godhaman utuu gara biyya keenyaa deemanii tajaajila isaan kennu danda'an yaaduu irraan jalqabe. Tajaajila tola- oltummaa godhamu kanas Oromiyaa keessaa gara naannoon itti dhaladhee Hospitaala Najoo deemuunan eegale.

Turtii yeroo gabaabaa keessattis rakkoo fayyaa gurguddoo ijoollee, dubbartootaa fi namoota gaheeyyii miidhan hir'ina jiru hundaa arguu kiyaaan garaankoo hedduu na raafame.

Bara sanarraa eegalees Oromootaafi kanneen qomoo Oromoo hintaanee kakaasuun, gargaarsa meeshaa, maalaqaa fi oggeeyyi fayyaa dandeetti addaan tajjaajilu danda'an walitti fidee gara Oromiyaatti geessuun hanga dandeetii kootii gumaachuu jalqabe.

Hojii heddu hojjataman keessaayis daa'iman dhukkuba onneen dhukkubsataniifi biyya keessatti yaalamu hindandeenye gara biyya alaatti ergamanii wallaansa akka argatan kan taasifame isa tokko. Gama duula qaro ijaa banuutiin taasifameenis, namoonni agartuun isaanii mooraan haguugamee jaaman hedduun akka argan taasifamu danda'ameera.

Ameerikaa biiya Itoophiyaarraa kan adda isa godhu keessa inni guddaan walabummaa fi mirga namoomaa jiruudha. Keessattu an walabummaa of ibsu namni mata mataan qabu sana guddoon jaaladha. Waan barbaade haasoftee, nagaan baate galta. Namni maaliif akkas jette siin jedhu hinjiru.

Nyaata biyya kanatti qophaa'an keessa nyaatiin guddaa jaaladhu nyaata qurxumiirra hojjetamuudha.

Image copyright Obse Luboo

Biyya koo irraa namaafi lafashee dabalatee waan baay'een yaada. Dursee guddaan kanan yaadu abbaa fi haadha kiyya ta'uyyu; lagaa, muka, gaaraa fi dirree, loonii fi jabboolee, oolaa fi re'ee, fardaa, gaangoo fi harree walumagalatti waanuma hundaayyu nan yaada.

Amma fedhe biyya biraatti namatti tollurree, biyyaafi lammiin nama bareecha. Qabeenyi biyya tokkoos dhimmootan armaan olitti caqaseedha. Kanaafuu fayyaa namaafi horii akkasumas nageenya lafaa eegamuu fi kunuunsuun barbaachisaadhan jedha.

Magaalaan keessa jiraadhu Biriyan keessaa bakkeewwan qarqara bisahaniifi paarkii baay'ee babbareedoo ta'an hedduutu jira. Kunis bakkan dhaqee itti yaada cabsachuufi gammaduuf deemuudha. Fakkeenyaaf, kan akka Istiinson qarqara bishaanii (Stinson beach) eeruun ni danda'ama.

Image copyright Obsee Luboo

Haa ta'u malee, riqicha Gooldan geti (Golden gate) jedhamuu baay'een jaaladhaas nan ajaa'ibsiifadhas. Riqichi kun baay'ee guddaa fi beekamaadha. Namoonni biyya kanaas ta'an biyyoota addaa addaa irra dhufan kan daawwataniidha.

Anis yeroon irra qaxxamurus ta'e irra dhaabbadhee asiifi achi ilaalu akkamitti akka hojjetameen yaadaa. Waa'ee bali'ina sammuu namaa fi dandeettii waaqayyoo namaaf keenne guddaa na raaja'a. Yeroon argu maras humna inni fixee, akkamitti bareechifamee akka itti hojjetame yaaduufi ajjaa'ibsiifachuu dhiisee hinbeeku.

Image copyright Obsee Luboo

Waanti biyya kana keessatti naaf ta'e jedhu, yuniversitii galee barachuu danda'u kiyyaafi isaan baradheen ammoo lammii koo biyya jiran gargaaru danda'u kooti. Akkasumas namootan qomoo biroo kanan waliin hojjeedhuufi jiraadhu gargaarsa uummata koo keessatti hirmaachisuu danda'uuf carraa argachuun koo waanta biraa gaarii biyya kanatti naaf ta'eera jedhuu keessaa isaan gurguddoodha.

Utuun aangoo adda tokko qabaadhe, waantan biyya kanatti geedaruu barbaadu himaamata tajaajila fayyaati. Akkuma Itoophiyaa keessa rakkinni jiruu as rakkinni jira. Naannoon keessa jiraadhu kutaa biyyaa Kaalifoorniyaa magaalaa Biriyaa jedhamutti namoonni baay'een rakkoo fayyaa qabu.

Garuu tajaajilli fayyaa hedduu mi'aa ta'uusaarraa kan ka'e rakkinatu jira. Kanaafu, osoo naaf danda'ama ta'ee, akka itti deemanii tajaajila tolaa fi walqixxa ta'e argachuu danda'aniin gochuu barbaada. Keessattuu daa'imman, dubbartootaafi warra mana hinqabne daandii gubbaarra bulaniif kana gochuun barbaada.

Image copyright VALERY HACHE

Naannoon ani jiraadhu bosana mukeen akaakuu adda addaa qabu baay'eetu jira. Achi keessa biyya akkan yaadu kan na godhu muka baarzaafii yoon arguudha. Baalli muka baarzaafii adii kun dur yoo qufaan nu qabu warri keenya ittiin nu uulan sana na yaadachisa. Keessattu karaan Najjoo fi Jaarsoo gidduu jiru tokkon wal natti fakkaata.

Biyya kana akkan dhufeen rakkoon na mudate keessaa inni guddaan, akka gaariitti afaan beekuu dhabuufi yaaddoo maatii, dhimmoota akka rakkootti kaasuu maluudha. Akkuma beekamu biyya keenyatti afaan Inglizii akka gosa barnoota tokkootti malee kan ittiin haasa'uu hinjiru. Kanaafu jalqaba yeroon dhufee danqaa guddaa natti ta'e ture.

Image copyright Obsee Luboo

Humni asii na butee biyya kootti na buusu tokko utuuosoo jiraatee Oromiyaa keessatti of arguun barbaada. Keessattuu bakkan itti dhaladhe Najjoo qe'ee abbakoo keessa osoo nabuusee natti tola ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata