Biyyi tokko dansaa ta'uushee akkamiin safaruu dandeessu?

Bakka namoonni itti baayyatan

Jaarraa tokko yeroo siquuf, biyyi tokko gaariidha jedhamuuf safartuuwwan lama hojiirra oolaa turani. Tokko, omisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) yoo ta'u, kaan ammoo ammeentaa hoji dhabdummaati.

Biyyi tokko akkamiin lammiilee ofii tajaajilaa jirti kan jedhu yeroo ittiin safarru garuu, safartuuwwan kunneen sirrii ta'uu dhiisuurra darbee, guutummaan guutuutti gargaaruu dhiisuu malu.

Tilmaammiiwwan guddina hawaasummaa kanneen akka walgahiinsa barnootaa, nyaata fi mana jireenyaa argachuu irratti - biyyoonni hiyyeeyyii warra durooman ni caaluun.

''Biyyoonni dureeyyii, dhimma hawaasummaatiin fooyyee qabu, kanaaf guddini diinagdee yaada badaa miti.'' jedhu Maayikil Giriin, Hoogganaan olaanaa 'Social Progress Index'.

''Garuu wanti kan biraan ifatti mullatu nuti agarre, guddinni hawaasummaa jijjiiramoota diinagdeetiin ibsamuu akka hin dandeenyedha. GDP'n bakka gahumsaa miti.''

Agarsiiftuun guddina hawaasummaa agarsiiftuuwwan odeeffannoo biyyoota addunyaa mullisan keessaa isa tokko dha. Akkasumas biyyoonni sunneen akkamiin ummatasaanii tajaajilaa jiru kan jedhus ni ibsa.

Akka tasaa agarsiiftuuwwan kunneen yoo agarre, yeroo hedduu biyyoota itti deemuuf abjoonnu sadarkaadhaan kaa'uuf kan oolanidha.

Garuu golgaadhaan duuba agarsiiftuuwwan kunneen dhimmoota kana caalaniif oolu. Walitti dhufeenya tarsiimoo geeddaruu danda'an fiduufillee. Biyyi kam gargaarsa argachuu akka qabu baruuf, akkasumas waan fuulduratti ta'u raaguufis ni oolu.

Wantoota ajaa'ibsiisoo agarsiiftuuwwan kunneen irra oolu danda'an kan biraan, biyyoonni fooya'aniirumoo gadi bu'aniiru? Moo idduma turanitti argamu? Kan jedhu ilaaluufi.

Mootummaan Ameerikaa milkaa'ina gadi bu'aa yeroo kamiirra caalaa qaba kan jedhan jiru. Fakkeenyaaf, amantaan ummanni 'US' mootummaarratti qabu bara 1958 as sadarkaa gadi aanaa kan qabudha.

Garuu agarsiisni Baankii Addunyaa, Bulchiinsa Addunyaa guutuu ilaalu kan mullisu bara 1996 asitti milkaa'insi mootummootaa haala walfakkaaturra jira jedha.

Biyyoonni kan biroon ammoo fooyyee agarsiisanii jiru. Tuniiziyaan fakkeenyaaf, 1996-2010'tti itti gaafatamummaa, bilisummaa pireesii fi amanamummaa filannootiin sadarkaa gadi bu'aa galmeessisaa turte. Achiis Fincilli Arabaa 2011'tti ka'e.

Achiis Tuniiziyaan parsantaayilii 9 irraa gara 36'tti ol guddachuu itti fufte. Bara 2016'tti Hangaarii waliin wal-qixxachuun parsantaayilii 57 ga'uu dandeesse.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Lammiileen Tuniiziyaa waggaa 6ffaa Fincila Arabaa kajachaa yeroo turanitti. Tuniiziyaan biyya tokkitti fincila sanaan gara bulchiinsa paarlaamaatti galtedha.

Akka ogeessi diinagdee Aart Kiraay jedhutti, bulchiinsi gaariin al tokko lafa qabannaan, guddinni agarsiiftuu kanaa itti fufiinsa qabaata, garuu achi ga'uuf hedduu ulfaata.

Hanqina qarshii

Dhimmi biyyi tokko dansaa akka taate of danda'ee hin mullisne kan biraan qabeenyadha.

Fakkeenyi tokko Ameerikaadha. Biyyoota GDP'n isaanii guddaa shan keessa yeroo hunda jiraattus, guddina hawaasummaan sadarkaa 18ffaa dha. Kaanaadaa osoo hin taane, Istooniyaatti dhiyaatti.

Neezarlaandis Saawudii Arabiyaa waliin, Chiiliin Kaazaakhistaan waliin akkasumas Filippiinsi Angoolaa waliin walitti dhihaatu. Garuu, Chiilii, Neezarlaandis GDP'n biyyoota sunneen ni caalu.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Ameerikaan guddina diinagdeen dursummaarra jiraattus, guddina hawaasummaatiin Kaanaadaa osoo hin taane, Istooniyaa waliin walitti dhiyaatti

Biyyoonni hagamiin lammiilee isaanii tajaajilaa jiru kan jedhu qabeenyi qofaasaatti hin mullisu taanaan, maaltu mullisaree?

Boteeroo'n, agarsiiftuu Seeraa piroojektii addunyaa kanneen akka itti gaafatamummaa mootummaa, mirgoota namoomaa eegsisuu, adeemsa seeraa haqa qabeessa safaru keessatti hojjata.

''Yeroo dureessa taatu, poolisootaaf kaffaltii gaarii raawwachuu dandeessa, Gama Biraatiin, hojimaata seeraa cimaa yoo qabaattu, yakki gadi bu'a. Haala kanaan biyyoonni caalaatti duroomu.'' jedha Boteeroo'n.

Dhiibbaa addunyaarratti qabu

Odeeffannoo agarsiiftuuwwan kunneen qabatanirratti hundaa'uun, dhimmoota garagaraaf ooluunsaanii omaa nama hin dinqu. Gamtaan Awurooppaa agarsiiftuu guddina hawaasummaa imaammata ittiin ibsuuf fayyadama.

Kaampaaniiwwanillee itti fayyadamu; fakkeenyaaf Diiznii odeeffannoo Baankii Addunyaatti fayyadamuun biyyoota kam keessatti omishuu akka barbaadu murteessa.

Image copyright Alamy
Goodayyaa suuraa Koostaarikaan biyyoota ollaa waliin waan hedduun wal-fakkaattus, naga qabeettiifi qabeenyaanis fooyyoftuudha.

Akkasumas biyyoonni gargaarsa hagamii argachuu akka qaban murteessuuf ni oolu. Koorporeeshiniin 'US Challenge' erga bara 2004 hundeeffamee asitti $biil 11 gargaarsaaf baasii taasisuuf agarsiiftonni kunneen akka ulaagaa ijootti ilaalamaniitu.

Malaammaltummaa irratti hojii biyyi tokko hojjatte, seera kabachiisuu yookaan milkaa'inni mootummaa, odeeffannoo agarsiiftuuwwan irra argamu fi kan Baankii addunyaa dabalatee qarshii baasii taasisuuf ni gamaggamamu.

Garuu suni walmormisiisuu danda'a.

Yaadni 'bulchiinsa gaarii' jedhu mataansaa jalqaba kan uumame dhaabbilee faayinaansii idil addunyaatiini; jedhu piroofeesarri Yunivarsiitii Albeertaa Liindaa Reeyif.

Biyyoonni gargaartotaa kan akka Ameerikaaammoo akka ulaagaa deeggarsa guddinaa kennuutti itti fayyadamuu eegalani.

''Hayyoonni kan biroon ammoo 'bulchiinsa gaarii' kan jedhu kun yeroo bittaa koloniitti kan uumame fi seerri addunyaa kan irraa bocame ta'uu dubbatu,'' jedhu Liindaan.

Ulaagaaleen hedduun fedhii biyyoota Lixaa irratti kan bu'uureffatanidha jedhu qeeqxonni. waldanda'uu jaalala saala walfakkaatuu fi kan amantaa kaasuudhaan.

Kanaafuu biyyoonni akkamiin tasgabbaa'oo, naga qabeessa, haqa qabeessa fi lammiilee isaanii jireenya gaarii akka argatan taasisuu danda'u?

Sababoonni gurguddoon lama fakkaatu. Guddina hawaasummaas haa ta'u bulchiinsa gaarii waliigalaa biyyi sun barbaadduuf, wanti barbaachisaan kutannoo dhaabbilee sunneeniif qabnu dha...akkasumas yeroo hagamiif dhaabbilee sunneen qabaanne kan jedhu.

''Firiisaa malee galteesaa miti kan safarru: guddina hawaasummaa seera jijjiiruun yookaan qarshii muraasa itti baasuun qofa hin fiddu. Kanaafuu dhaabbilee sunneen keessatti kutannoon yeroo dheeraaf hojjachuun sababa guddaa tokko fakkaata'' jedhu Giriin.

Haala walfakkaatuun, biyyoonni dhaabbilee mootummaa ciccimoo yeroo dheeraaf hojjachuun argatan kan akka US fi UK waan qaban dhabuuf carraan qaban gadi bu'aadha jechuun Boteeroonis ni dubbatu.

Yoo biyya tokko maaltu dansaa taasisa jettanii barbaaddu ta'e, GDP yookaan baayyina hoji dhabdummaa hin ilaalinaa. Lammiilee isaaniirratti hojii hojjatan akkasumas yeroo hagamiif akka irratti hojjatan ilaalaa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan