Yunaayitid Kingidam dippilomaatota Raashiyaa 23 ari'uufi

Sargeyi Iskiripaal fi Yulia Yuuliyaa Iskiripal Image copyright EPA/ Yulia Skripal/Facebook
Goodayyaa suuraa Sargeyi Iskiripaal fi intalli isaanii Yuuliyaa Iskiripal haalaan miidhamanii mana yaalaa seenaniiru

Oomishni summii Raashiyaa akkamin basaasaa Raashiyaa duraanii lafa Yunaayitid Kingidam irratti akka ajjeesse Moskoo ibsa gaafannaan waan diddeef UK'n dippilomaatota Raashiyaa 23 biyyaa baasti jedhan ministirri muummee biyyatti.

Teerezaa Mey akka jedhanitti dippilomaatonni kunneen biyyattii gadhiisuuf torban tokko qabu.

''Raashiyaan meeshaa waraana keessattillee dhorkame magaalaa Biritish nageenya qabdu keessatti fayyadamte,'' jechuun ambaasaaddarri Biriteen mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanitti dubbataniiru.

Raashiyaan garuu yaada kana ni balaaleffatti.

Aadde Mey affeerraa ministirri dhimma alaa Raashiyaa irraa isaaniif dhufeefi waancaa addunyaa akka daawwatan gaafatu irratti akka hin hirmaanne himaniiru.

Mootummoota gamtoomanitti ambaasaaddarri itti-aanaa Biriteen Jonaataan Aalan mana maree nageenyaatti yeroo dubbatan Raashiyaan konveshinii meeshaa waraanaa kemikaalaa dhorku cabsite jechuun himataniiru.

Deebii isaaniitiin mootummoota gamtoomanitti ambaasaaddarri Raashiyaa Vaasilii Nebenziyaa Moskoon wanta akkanaa keessaa harka keessaa hin qabdu yoo ta'e jiraates Biriteen ragaa of harkaa qabdu haa agarsiiftu jedhan.

Mootummoota gamtoomanitti ambaasaaddarri Yunaayitid Isteet Niikii Haaley Waashingitan Biriteen waliin dhaabbatti jechuun himan.

Basaasaan lammii Raashiyaa duraanii Sargeyi Iskiripaal akkasumas intalli isaanii Yuuliyaa Iskiripal Yunaayitid Kingidamitti erga summiin itti nam'ee as haalaan dhukkubsatani mana yaalaa seenaniiru.

Odeessa kana irratti dabalata