Roobootiif fi Maashinaroota: Afrikaan hangam rakkoorra jirti

konkolaattotni Roobootiin hojjetamu Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Kaampaaniiwwan Ameerikaa gadi bu'aa deemuu gatii maashinarootaa sababeeffachuun hojiilee Omishaa isaanii gara biyyaatti deebisuu malu

Gabaasni haaraan tokko akka ifa godhetti, waggoota kurna lamaa dhufan gidduutti warshaalee USA keessatti Robootiin hojjechuun rakkasa ta'uun Afrikaa keessaatti namoota qacaruun hafuu mala yaaddoon jedhu jira.

Gatiin maashinarootaa gadi bu'aa jiraachuun carraalee hojii xiqqeessuun oomishtoota gara diinagdee jabaatti geessaa tilmaamni jedhu jira.

Xiinxaltootni tokko tokko akka jedhanitti biyyoonni hiyyeeyyiin adeemsa kanaan hedduu hin miidhaman, 'Overseas Development Institute'(ODI) garuu yaada faallaa kanaa ta'e qaba.

Gaabaasichi garuu Afrikaan dhimma kana irratti qophaa'uuf yeroo qabdi jedha.

''Biyyoonni Afrikaa damee Manufaakichariingii jalaa miliquu hin danda'an, haata'u malee qaqqabamummaa Intarneetaa dabaluun, dandeetti oogummaa cimsuu fi kalaqaalee teeknoloojii jajjabeessuun irratti qophaa'uu qabu'' jedhu Adde Karishmaa Baangaa, qoraatttu gameettiin 'Overseas Development Institute' (ODI).

''Yoo haalaan Hojjetame, Maashinariwwan biyyoota Afrikaaf omishtummaa humna namaa gama Maanufaakicheriingiin jiru fooyyessuuf carraa gaarii dha,'' jetti itti dabaluun.

Biyyoonni hiyyeeyyiin maallaqa bittaa Maashinariiwwan kanarratti baasan hedduu waan hin qabneef dhiibbaan gama kanaan irra gahu guddaa mitis jedhamaa jira.

''Qoraannon keenya kan agarsiisu yaadni kun gaarummaa akkaa olii ta'uusaati. Yeroo ammaa baasiin meeshaalee mana fi mana hojii Roobotiin omishu kan humna namaa olii dha. haata'u malee kun waggoota 15 dhufan keessstti jijjiiramuunsaa hin oolu.'' jedhu ODI tti Daayireektara Sagantaa deeggarsa ce'uumsa Diinagdee kan ta'an obbo Diirk Wiileem te Veelde.

Gabaasni ODI, 'Digitaalaayizeeshinii fi hegeree maanufaakichariingii Afrikaa' jedhu akka ibsetti omisha meeshaalee manaa fi kan waajiraalee roobootii fi Priintaroota 3D n Ameerikaatti hojjetamanii, miindaa nama keeniyaa tokkoof bara 2034 kaffalamuun gad ta'a.

Akka tilmaama ODItti baasiin Maashinaroota Roobootiin dalaguuf barbaachisu miindaa baroota 2038-2042 gidduutti Itoophiyaa keessatti hojjettootaaf kaffalamuun gadi ta'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan