Abdii daldala bilisaa Afriikaa duuba maaltu jiru?

Eegddu nageenyaa motummoota ardii Afrikaa gumii idilee 30ffaa waajjira mummee Gamtaa Afriikaa magaalaa Finfinneetti Amajjii 27, 2018 Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Afriikaan waliigaltee daldala bilisaa ardii gutuu hammatu taasisuuf hawwiti.

Gamtaan Awuroppaa fi waliigalteen daldala bilisa isaa osoo hin xumuramiin waggoota lakkoofsiiseera. Afriikaan ammoo yeroo muraasa keessaatti hojiirra akka olu abdachaa jirti. Garuu duubatti hafuu Naayijeeriyaatiin gaaffiin dhuguma fiixaan bahaa jedhuu ka'uu eegaleera.

Kunis adeemsa cimaafi eegeera barbaadamuudha. Daldalli bilisaa kunis namoota biliyoon 1.2 daka Keeptaawoonii kaasee hanga Masriitti argaman kan hammatuudha.

Omishoonni, tajaajjilliifii tarii humni namaa bilisaan biyyoota 50 afriikaa keessa socha'u. Innis carraa hojii kuma kudhaniin lakkaa'aman uumusaatiin alattis, hawaasa dargaggoo ardiittiif rakkina hojii dhabiinsaa kan hir'isu ta'a.

Kana maleess daldala biyyoota afriikaa jidduutti cimsuun akka ardii gutuun biyyoota awurooppaa fi bahaa irratti hundaa'an kan hir'isu ta'u mala.

Sodaawwan

Oggaantoonni biyyoota afriikaa baayyeenis ofeegannoon socha'u. Kanaafu, torban kanawaliigaltee mallatteessuuf wayita mootummoonni magaalaa guddoo Ruwaandaatti , Kigaaliitti walgahaniitti waan baayyeetu eegama.

Qajeelchi Daldalaafi Industirii Afriikaa Kibbaa akka jedheetti ''tarsiimoo qindaawaa afrikaa jidduutti daldala cimsuu fi gabaa walsimataa maallaqa gara dolaara tiriliyoona 2.6 tiin manoota billioona oliitiif olu ijaaruuf kutateera.''

Akkasumas Ministirri daldala Keeniyaas haallis gabaa bilisaa bal'aa ta'ee uumusaatiin alattis, akkasuma ''sadarkaa industiriifi inarpraayizootaattilleen miira dorgommii uumuun, omishootaas akka gatiin dabalufi qabeenyaa jirutti fayyadamuun dinagdee akka cimu ni taasisa,'' jedheera.

Garuu adeemsichi osuma hinmallattefaminu rakkina jalqabaa mudateera.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Osoo waliigaltee argachu danda'an ta'ee, namoonni gabaa Masrii irraa akkasiin ture... I

Naayijeeriyaa sanbattan irra akka ibsiteetti, Pirezidaantiin Muhaammad Buhaariin sirna Kigaalii irratti hinhirmaatan. Ibsichaanis, ''qaamootii murteessoon Naayijeeriyaa keessatti argaman dhimma isaan waliigalticha irratti yaadda'an ilaalchisuun akka hin marisiifamin caqassameera,''

Qaamooleen murteessoon kunneenis hawaasa daldaltootaa lammiilee Naayijeeriiyaafi Gamtaawwan daldalaa isaati. Gamtaan daldalaa kunis irra caalaa waa'ee naannawa daladla bilisaatiin yaada'usaa dhagameera. Kunis gara fuuladuraatti gara qaama walta'aatti guddachuun sochii hojjattootaa daangaa malee cimsuun hojiiwwan Naayijeeriyaa irratti dhiibbaa taasisu danda'a jedhu.

Dhugaan jguddaan jiru garuu dinagdeen afriikaa inni olaanaan jalqaba irraa kaasee waan adeemisichaan hin hingatamneefu, dhugomu waliigala pirojaktichaa gaafii keessa galacheera.

Qaamoolee hundinu waliigaltee daldala bilisaa kana mallatteessuuf kan walii gala ta'eeyyuu, kunis yoo hojin eegalamutti baayyee salphaadha. Erga mallatton gugeen qoondaaltoonni hundi gara biyyaa erga deebii'anii booda garuu, waliigaltee sana attamiin atatamaan hojiitti geeddaruun danda'amaa? Lafarratti jijjirama kan fidu hoo yoom? Hanga daldaltoonni miishaasaanii gara naannoo daldala bilisaatti sochoosan, labsiin daangaa malee jedhuun waraqaarra taa'ees waan xiqqoo qofa kan hojattu ta'a.

Waliigaltee naannoo daldala bilisaa jalatti biyyoonni afriikaa mallatteesan hundi ashuraa daldalaa hiriisuufi kotaan meeshaalee walii galchuun daldala afriikaa jirruu cimsuuf kan jedhuudha.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa ... Keeptaawon keessatti kaafee daldaluu...

Dhuguma dubbachuuf, haalli kunis waltajjii waliigaltee dinadgee waliin hojachuuf dandeessisu kan jalaqabaati. Waltajjiin itti aanuu gamtaawwan maamltootaa kan biyyoonni hundi biyyoota biraa waliin ashuraa walfakkaatu akka qabaataniif ykn waliin ashuuraa akka hinqabaannee gargaarudha.

Kanaafuu gabaan bakka meeshaaleen, tajaajjilliwwaniifi humni namootaa waliin biyyoota jidduutti socha'uun walitti dhufeenye isaan biyyoota addunyaa waliin qaban daangaa daldala waliinii qofa ta'a. Walita'iinsii gara fuladuraa ammoo tokkommaa siyaasaafi maallaqa tokkotti fayyadamu ta'a.

Gaaffii Guddaa

Kana hundeeesuufis Gamtaa aworoppaa wal waraana addunyaa lammaffaatti aansee waggoota 50 ol itti fudhate.Walta'insii muraasni duraanu Afriikaa keessa jira;- fakkeenyaaf Hawaasa Afriikaa Bahaa fi Gamtaa Ashuraa Afriikaa Kibbaa.

Biyyoonni afriikaa baayyeen waliin osoo hintaanee biyyoota afriikaan alaa waliin daldalaa waan jiraniif, kun mataansaa rakkoo guddaa tibba kanaati. Dhugumattis, daldalli afriikaa waliinii kan walii gala keessaa haka 16 kan haguugu yoo ta'u, Eshiyaa waliin %51 fi awurooppaa waliin %70 haguuga. Rakkinni biraa bal'ina ardii afriikaa waliin waqabatuudha.

Kunis bal'ina dachee qofa osoo hintaanee baayyina biyyoota waliigalticha mallatteessanii jechuudha. Yoo waliigalteen Awuroppaa bara 1950tti eegalu biyyoota jaha qofatu keessatti hirmaate ture.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa ... hojjattoota ijaarsaa Daakaar keessatti

Waggoota 60 booda garuu, Gamtaan awuroppaa mseensoota 54 qaba. Kanaafu walii ta'insiifi hojiirra olamaan murteessaadha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan