Kitaaba Ormaaniyaa: 'Addunyaa Haarawaa' kalaqamte

Kitaabolee garagaraa Image copyright FEDHASA TADESE

Fedhasaa Taaddasaa Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaa Afaan Oromoo fi barreessaa kitaaboolee asoosamaa garagaraati. Asoosama mataduree 'Numaaniyaa: Falaasama Argannoo Ardii Haarawaa' jedhu bara 2015 barreessee maxxansiseera.

Dhiyeenya kana ammoo gara Afaan Amaaraatti jijjiiruun 'Ormaaniyaa' jechuun kan maxxansiise yoo ta'u, BBC waliin turtii taasiseera.

Jecha Numaaniyaa jedhu ibsuun eegale. ''Jechi kun jecha hawaasa keenya keessa kan jirudha. Jechoota 'numaan' fi 'yaa' irraa ijaarame. Namoonni 'nan dhufa yaa, na eegi' jechuun haasa'u. Kanaafuu Numaaniyaan, numatu waan kana raawwata jechudha.''

''Dhugaa addunyaa amma jirru keessatti ta'aa jiruufi waa'ee addunyaa haaraa uumuun barreesse,'' jedha. 'Addunyaan haarawaa' sana keessatti ammoo wantoota dhorkaa malee raawwatan gurra dubbistootaa qaqqabsiisuu akka kaayyeffatee ka'es nutti himeera.

''Addunyaa har'a keessa jirru keessa cunqursaa, saamicha, hidhaa fi ajjechaatu jira. Isa kana dubbii qolaatiin addunyaa haaraa kalaqe Ormaaniyaa keessa mul'isuudha,'' kan jedhu Feedhasaan, ''Ormaaniyaa keessa namni tisiisa tahee, baallee baasee barrisuu danda'a.'' jedha.

Biyyi kalaqamte kun baay'ee cunqurfamtuudha. Qabeenya qabduun miidhamti. Yeeyyiitu hoolota keessa jira. Bifa kamiin yeeyyii fi hoolaa adda baasuun akka danda'amu kitaaba kana keessatti akka ibses dubbata.

Numaaniyaarraa Ormaaniyaatti

Image copyright FEDHASA TADESE

Dhiyeenya kana ammoo asoosama kana, gargaarsa Obbo Haabtaamuu Addunyaatiin gara Afaan Amaaraatti hiikuun moggaasa 'Ormaaniyaa' jedhu itti kennaniiru. Maaliif? ''Kitaaba kana keessa Numaaniyaa fi Ormaaniyaan deemsa walmadaalu ofkeessaa qabu. Ormaaniyaan maqaa biyyaa waan taheef, salphaatti Afaan Amaaraa warra dubbisaniif akka galuuf,'' akka tahes dubbateera Fedhasaan.

Kitaaba baay'inaan barreessuurra, kitaaba tokko gara afaan garagaraattii jijjiirruu akka filatu ibseera. ''Sababni isaa afaan adda addaatti jijjiiramaa ammuma deemu, dhaloota adda addaa keessatti dhibbaa uuma,'' jedhee akka amanus nutti himeera.

Isa jalqabaa?

Akka jecha barreessaa kanaatti, kitaabni kun ''Hanga ani dubbisee argetti asoosamoota Afaan Amaaraatti hiikame isa jalqabaati. Tarii jiraachuu danda'a.''

Faayidaa Ogbarruu

Image copyright FEDHASA TADESE

Addunyaa kanarra qabsoo jireenyaa, siyaasaafi diingdeetu nu mudata kan jedhu Fedhasaan, namni dubbisu akkamitti akka qabsaa'uufi sabasaa akka gaggeessu beeka jedha.

Afaan Oromootiin dhiyeenya kanaa as kitaabileen xiinsammuu, asoosamoota, saayinsii, seenaa, gaggeessummaa, fi dhimmoonni adda addaa barreeffamanii jiru. ''Kitaabilee kanneen dubbisuun namoonni gara barbaadaniitti hiikkachuun hojiirra oolchuu danda'u,'' jedha.

Kana malees ogbarruu Oromoo baroota darban keessatti barreeffaman wayita ilaallu, wantoota har'a ta'aa jiran kitaabilee kaleessa barreeffaman keessatti argina jechuun nutti himeera.

''Sababa Numaaniyaan Afaan Amaaraatti akka hiikamuuf taasise keessaa inni tokko, wantoota ani kitaaba kana keessatti waggoota shan dura barreesseetu, Oromiyaa keessatti gochaan mul'achaa jiru,'' jedha barreessaan kun.

Jireenya keessa gufuu nu mudatan keessa qaarinee galma gahuuf dubbisuun akka barbaachisuus cimsee dubbata.

Aadaa dubbisuu

Bara 2005 ALI irraa jalqabee magaalaa Naqamteetti mana kitaabaa hundeessuunis aadaan dubbisuu akka dagaagu hojjachaa jira Feedhasaan. ''Magaalaa Naqamtee keessa manni kitaabaa kitaaboleen Afaan Oromoo itti gurguraman kana dura hin jiru ture,'' kan jedhu barreessaan kun, ''Yeroo ammaa garuu namoota kitaaba naanneessuun bakkeetti gurguran dabalatee, manneen kitaabaa biroos banamuun dorgommiin magaalattii keessa cimeera,'' jedha.

Faayidaa gama diinagdeetiin qabus wayita dubbatu, ''Sooromuuf miti kan hojjenne. Kan hojjechaa turre, uummanni keenya akka dubbisuu baru ture. Kanaanis baay'ee milkoofne. Magaalaa Naqamtee keessa dubbistoota kumaatamaan lakka'aman horanneerra,'' jedha.

Barreessitoonni kitaabolee Afaan Oromoos, kitaabasaanii gara magaalaa Naqamtee geessuun achitti akka gurguratanis BBC'tti himeera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata