Dhuguma waliigalteen daldala daangaa malee Afriikaa Itoophiyaaf bu'aa qabaataa?

Dhuguma daldala danqa malee Itoophiyaa ni fayyadaa? Image copyright Getty Images

Itoophiyaa dabalatee oggantoonniifi bakka buutoonni biyyoota Afrikaa 44 magaalaa guddittii Ruwaandaa Kigaaliitti walgahuun waliigaltee danqaa malee walitti daldaluu mallatteessaniiru.

Waliigalteen ji'oota jahan dhufan keessa hojiirra akka oluu eeggamu kunis lammiilee afriikaa biiliyoona 1.2 ta'an fayyadamtootaa taasisuun guddina dinagdee biyyootaatif akka gummaachu himamaa jira.

Haa ta'u malee, Eritiraa, Afriikaa Kibbaafi Naayijeeriyaa dabalatee biyyoonni 10 waliigaltee kan hinmallatteessine.

Alchaa gamtaa awurooppaa qabachuun socho'uuf yaadaa kan jiru ardii kuun, jijjirraan daldalaa daangaa malee biyyoota jidduutti akka gaggeefamuuf akka gargaaru, akkasumas ashuuraa warra mi'a galchan irratti kaa'amu hir'isuun sochii danqaa maleee walitti daldaluu akka jajjabeessu oggeessoonni diinadgee ni dubbatu.

Haaluma kanaanis Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afriikaa 44 ni fayyadaa jechuun waliigalticha mallatteesan illeen, oggeessoonni ardichaa garuu biyyoonni hundi sadarkaa dinagdee walfakkaataa irratti waan hinargamneefu hojiirra olmaan waliigaltichaatti danqaa ta'uu akka hinollee himu.

Oggeessoota yaada kanatti amanan keessaayis, Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa damee daldala idil-addunyaa kan ta'an Pirofesar Fisahaa Tsiyoon Mangistu dhimma kanarratti BBCn dubbiseera. Isaanis waliigalticha mallatteessuun dura dhimmooti xinxalamuu qaban akka jiran himu.

''Waluumagalattis dandeettii gabaa Itoophiyaa ta'e kan Afriikaa osoon hincimsiin, walitti daldaluuf jiddu gala gabaa hundeessuun bu'aansaa eenyuuf?'' jechuun gaafatu hayyuun kun. Waligalticha irraatti mormii akka hinqabaannee kan himan hayyuun kun, garuu waliigaltichaan dura dhimmoon raawwatamu mala hedduun jiraachusaa dubbatu.

''Fakkeenyaaf attamiin hojiirra olchuuf deemuu? Kan biraa haa hafuutii visaa biyyoota afriikaa argachuun mataansaa hangam rakkiisaadha. Haala kanaan yoom hojiirra ola kan jedhuu baayyee rakkiisaadha. Gama biraatinis fedhii biyya keenyaatiin wali bira qabnee ilaaluu qabna. Akka kiyyaatti waliigalteewwan akkasii osoo himallatteeffamin dura, dhuguma invastimantii, dinagdee fi uummata biyya keenyaa ni fayyada jechuun gaafatamu qabaata. Oggantoonni kan biyya keenyaaf hin hojjanne yoo ta'ees hinfudhannu jechuu qabaatu. Madaallii ta'u kan qabaatu dhaloota amma jiruufi kan dhufuuf gummaacha gaarii qabaataa kan jedhu ta'u qaba'' jedhu hayyuun kun.

Image copyright Getty Images

Bu'aan daldala danqaa malee kun bu'aan inni omishtoota Itoophiyaatiif qabaatu maaliinni? jechuun gaaffii dhiyaateefis: ''Inumayyuu miidhaa isaatu caala jedhu Piroofeesar Fissihaa Tsiyoon.

Fakkeenya yoo eeranis, ''Anaafi Haayilee Gabrasilaaseetiin wal dorgomaa osoo naan jettee, eenyuu akka moo'atu beekamaadha. Warri walitti daldaluuf deemnu kunis teknoolijii, kaappitaalaan, bulchiinsaa nu caalu yoo ta'ee, gara biyya keenyaa yoo dhufan battalatti gabaa keessaa akka nu baasan gaaffii tokkko hinqabu.

Kun ammoo guddina itti fufiinsa qabuuf gufuudha. Kanaafuu nuti abbootii qabeenyaa biyyaa keessatiif deeggarsa gochuun jabeessuun gahoomsuu qabna jedha'' jechuu saada isaanii himaniiru.

Dura taa'aan Komishiniin gamtaa afriikaa kan ammaa, Musaa Faakii Maayaamaat gama isaanitiin waliigalticha ''qormaata gaarii'' jechuun dhiibuu fxaan bahiinsaa fi ija jabummaa akka horannuuf nu gargaara jedhaniiru.

Akkasumas waliigalticha hojiirra olchuuf biyyoti garaa garummaa siyaasaa saanii dhiphisuu qabaatu jechuun hubachiisaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata