Buufatni doonii Barbaraa Gaanfa Afriikaa keessatti waldiddaa haaraa uumaa?

Buufata Doonii Barbaraa Image copyright James Jeffrey

Itoophiyaan buufata doonii Barbaraa kan bulchu dhaaba biyya Dubaay kan ta'e Dii Pii Woorlid waliin qooda dhibbeentaa 19 qooddatti.

Waliigalteen kun biyyattiin buufaticha misoomsitee daldala ala-ergii fi meeshaalee gara biyya keessaa galchuuf itti fayyadamti jedha.

Marii walitti fufiinsaan yeroo dheeraaf mootummaa Somaalilaand fi Dii Pii Woorlid waliin taasifameen qooda dhibbeenta 19 kana argachuu akka dandeesse yeroos Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa obbo Ahimad Shidee dubbatanii turan.

Kuni garuu mootummaa Somaaliyaa waan gammachiise hin fakkaatu. Walabummaan keenya tuqameera jechuun paarlaamaan biyyatti waliigalticha yoo kuffisu, paarlaamaan mootummaa Somaalilaand ammoo battaluma sana raggaasisee jira.

Waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand akkuma waliigaltee daldalaa kaaniitti ilaalamuu qaba malee walabummaa biyyaa waliin kan wal qabatu miti jedhu ogeessi dipiloomasii Obbo Daade Dastaa.

"Kuni Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennuu jechuu miti, walabummaa Somaaliyaas hin dhiibu" jedhu.

Waa'ee mirga buufata doonii qabaachuu Itoophiyaa irratti "Wadab Kan Eenyuuti?" kitaaba jedhu afaan Amaaraan kan barreessan nami siyaasaa Dr. Yaaqoob Hayilamaariyaam buufata doonii Barbaraa irraa qooda dhibbeentaa 19 qabaachuun Itoophiyaa rakkoo buufata doonii dhabuu biyyatti yoo salphise malee waan furu miti jedhu.

Akka isaan jedhanitti rakkoon buufata dooniin wal qabatu Itoophiyaan qabdu kan furamu yoo biyyattiin buufata doonii Asab harkatti galfatte qofa.

Fedhii biyyootni arabaa akka Masirii buufataalee doonii Jibuutii fi Barbaraa fayyadamuuf qabanifi sochii jiddugala waraanaa dhaabuuf taasisaa jiran ilaalcha keessa galchuun, Itoophiyaan buufata Barbaraa keessa qooda dhibbeentaa 19 argachuuf murteessuun ishee murtee sirriidhas jedhu.

Komiin walabummaa ishee waliin wal-qabsiiftee Somaaliyaan kaasaa jirtu dudduubas harki biyyoota kanneeni jiraachuu hin oolu shakkii jedhu qabu.

Image copyright James Jeffrey

Dr. Yaaqoob akka yaadanitti furmaanni isaa Eritraa waliin nagaa uumaanii waliin haasa'uudha.

Eertiraan Itoophiyaa waliin bara 1952 keessa yeroo federeshiniin walitti makamte '' Itoophiyaaf mirgi galaana bira gahuu/fayyadamu kennuun ture,'' jedha ragaan Mootummoota Gamtoomanii.

Akka Dr. Yaaqoob jedhanitti, mirga Itoophiyaan Asab irratti qabdu kan dhabsiise dogoggora ADWUI waan ta'eef, mirga buufata doonii qabaachuun keenyaa mirkaneeffamuu qaba jedhu.

Itti dabaluunis buufata doonii dhabuun dinagdeerratti qofa utuu hin ta'iin nageenya biyya tokkoofillee balaa guddaa qaba. Kanaafu Itoophiyaan nageenya ishee mirkaneeffachuuf Eertiraa waliin haasa'uun buufata doonii Asab ilaalchisee waligalte tokkorra gahuutu irra jiraataa jedhu.

Obbo Daaden ammo biyyoota Arabaa buufatawwan doonii bulchuurratti bobba'an Itoophiyaan of eegannoon hordofuun akka isheerra jiru hubachiisu.

''Dhabbileen kun sochiilee siyaasaa irra bilisa ta'e qabatanii dhufuuf dhiisuun isaanii of eegannoon ilaalamu qabaa, naannoo kana keessattis ta'e biyyoota Arabaa gidduutti dhiibbaan Masiriin qabdu salphaa miti,'' jechuun Masirii waliin walitti dhuffenyi Itoophiyaan qabdu gutummaa guutuutti faayidaa walii kennu irratti kan hin hundeeffamiin ta'u yaadachiisuun dubbatu.

Jibuutiin karaa Itoophiyaan meeshaa biyya alaarra itti galchituu fi kan biyya keessa ittiin gara alaatti erguuf itti fayyadamtu ishee gudditti taatus, filanno gara biroos qabaachuun akka ishee barbaachisu amanamaadha kan jedhan Obbo Daaden ''dhugumatti gara fuulduraattis Jibuutiin Itoophiyaaf karaa meeshaa alaa ittiin galchiituu fi isa biyya keessa ittiin baaftu taate itti fufuunshee kan hin ooleedha,'' jedhu.

''Haa ta'u malee Itoophiyaan buufata doonii Jibuutii qofatti fayyadamuu hindandeessu. Buufanni doonii Barbaaraas naannoo Kibbaa fi Dhihaa Kibba biyyattiitti argamaniif faayidaa tarsiimoo guddaa qaba'' jechuunis yaada isaanii cimsaniiru.

Image copyright James Jeffrey
Goodayyaa suuraa Daandiin buufata doonii Barbaraa hanga daangaa Itoophiyaatti jiru suphaa barbaada

Kanarraa kan ka'es sababa buufata doonii barbaachuun Itoophiyaa fi Jibuutii gidduutti waldhabdeen dhalatu akkuma hanga har'aatti ta'a ture mareen hiikamuu qabaa jechuun Obbo Daaden amanu.

Akkaata fayyadamuu buufata doonii ilaalchiisee waldhabdeen dhalatan haala yeroo waliin kan dhufan waan ta'aniif walirratti ka'uu kan fidu ta'u akka hin dandeenyes ni amanu.

Irra caalaan bulchiinsa buufata doonii Barbaara kan kubbaaniyaa Dubaay ta'uus, komiin miseensoota paarlaamaa Somaaliyaa garuu hirmaannaa Itoophiyaa irratti kan xiyyeefate ture.

Kunis biyyatti humna waraanaa ishee achitti erguun gartuu Alshabaabii waliin falmii goodha jirtu Itoophiyaa mufachisuun isaa waan hafu miti.

Waligalteen fayyadama buufata doonii Baarbaara guddisuuf fayyadu Itoophiyaan fi Somaalilaand gidduutti kan mallateefame bara 2008 keessa ture.

Kunis biyyattiin meeshaa daldalaa gara alaatti ergamu %30 karaa sana baasuuf karoorfatte turte. Haa ta'u malee meeshaan daldalaa biyyattiin gara biyya alaatti ergitu keessa %97 kan ta'u hanga ammaatti karaa Jibuutii ergama jiraachuun ni beekama.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan