Qubsuma koo 26፡ 'Yeroon dahumsaa koo tibban jireenyakootti rakkina cimaa itti argeedha'

Istookholm tibba cabbiitti Image copyright Sofia

Soofiyaan jedhama. Gara Siwiidiin kanan dhufe gaa'ilaan yoo ta'u, ergan dhufees waggoota shan gutuufan deema. Gaa'ila dhaabachuun boodas ijollee lama godhadheera.

Haalli jireenyaa asii aadaan irraa dhufeefi walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa keenyaan adda waan ta'eef, jalqabarratti qo'ummaan rakkachuun haala jireenyaa itti baruu wallaaleen ture.

Ollaan ni yaadda. Waggoota shaniif appaartimantii tokkicha irraan jiraadhe garuu maqaa ollaa kiyyaa tokkolleen hinbeeku.

Safara Jimmaa jedhamuun beekamuufi kan Finfinnee naannawa Embaasii Holaandi darbee argamutti ani kanan guddadhe. Walitti dhufeenyi ollaa baayyee cimaadha. Mana barnootaati yoo galu haati kiyya mana hinjirtu yoo ta'e ollaa dhaqeen laaqana nyaadha ture.

Ani yoon asi dhufu abbaan warraa kiyya waggoota 30f biyyana jiraatee jira. Daa'imummaa isaatii kaasee asi waan jiraatee fi aadaafi haala jireenya isaan waan bareef yoon ani biyya yaaduufi qo'ummaa kiyya naaf hinhubatu ture.

Ijoolleen kiyya kan dhalatan asuma Siwiidiinitti. Yeroo dahumsaafi tibba garaatti baadhutti waan lama argeera. Hordoffiin ulfaafi tajaajilli wallaansaa baay'ee gaariidha. Gama biraatiin ammoo haatii kiyya akka na arrastuuf fiduuf yaalee naaf osoo hinmirkanaa'iin hafeera.

Yeroon araasummaa kiyyaa haala rakkisaa, jireenya kootti dabarse yoo ta'u, kunuunsa mana araasii argachuuf akkuman dhara'eetti darbeera. Asitti araasii, kununsa araasiif taasifamuufi kunuunfanu kan jedhu hinbeekamu.

Haatii abbaa warraa kiyyaa hayyama hojii fudhachuun na kunuunsuu yaaltee ture. Namoota nagaafatanis turan. Garuu akka biyyaa sana hinturre.

Finfinneefi Istookholm

Maagaaloonni kunneen waan isaan walfakkeessu omaa hinqaban. Baay'ee garaa garas. Garuu yoo guyyaa Jimaataa masjiida mana kootti dhihoo jiru tokko dhaqutti, haalliin naannoo sanatti arguus masjiidawwan Anawaar kan Markaatoofi isa Piyaasaa sana na yaadachisa.

Lammiilee Itoophiyaa baay'een yoo jiraachu baatan illeen waliin sagaduun haala biyyaa sana na yaadachiisa.

Keessattu yeroon qophiiwwan akka hawaasa Itoophiyaanotaa akkasumas Islaamtoota masjiidatti argamuun caalaa gara biyyaa yaada.

Image copyright Sofia

Buddeenaafi nyaata biyya kanaa

Xiyyaarri humni qilleensaa Itoophiyaa guyyaa guyyaan gara Istookolmitti ni balalii'a. Kanaafuu, guyyaa hunda buddeena bitachuu ni dandeenya. Garuu guyyaa ayyaanaa dafee dhumuu danda'a.

Kanaafuu yeroo baayyee nyaata biyyaa argachuuf hinrakkadhu. Garuu ani nyaata biyya kanatti argaman hunda nyaachu nan danda'a. Torbaniitti ala lama garuu nyaata biyyaa soorana. Nyaata Itoophiyaa yoo hinqabaannees nyaanni asitti baay'inaan nyaatamu dinicha daakamaafi qurxummiin mana kiyya ni jiraata.

Nyaata isaanii kana itti gammadeen sooradha.

Image copyright Sofia

Yaaddoo biyyaa

Itoophiyaa irraa waan baay'een dhara'a. Hunda caalaa ammoo ollaafi maatii kiyyan yaada. Yeroo baay'ees saalooniin lafan taa'ee, yaadaan badee itti waa'ee maatiifi biyyaa yaadudha.

Alatti lafa xiqqoon ijoolleen itti xabataniifi mukeen natti mul'atu. Mukeen kunneenis waa'ee waqxii yaadachisuu. Keessatti tibba aduutti yoo ijoolleen achirra xabatan yoon argu ijoollummaafi safara kiyya na yaadachiisa.

Garaa garummaa aadaa

Haala argame hundaan aadaa keenyaan namoota gurguddaaf dursa kennuun barbaachiisaadha. Biyya kanatti garuu suuqii, manni qorichaa, lafa baabuurraa hindattu hiriira.

Jaarsooliin ni gammadu jedhee lafa taa'umsaa gadhiisuuf, ykn hiriir irratti yoon dursa kenneef, akka waan humna isaanii shakkitee ilaaluun fuula isaanii natti gorraacheessu turan.

Irra deddeebiin na mudannaan garaa garummaa aadaa jiru hubadhee dhiiseera. Ammas yoo ta'ee haala isaanii ilaaluufi fedha isaanii gaafachuun bakka teessumaa gadii dhiisaaf; akkasumas hiriira irratti dursan kennaaf.

Biyya kanatti haalli hundi kan fooyya'eefi kan guddateedha. Kun osoo fooyya'ee kana jedhu hinjiru. Garuu osoo haala jireenya isaanii irratti osoo jireenya hawaasummaa biyya keenyaa fakkaatu dabalanii gaariidha jedheen hawwa.

Image copyright Sofia
Goodayyaa suuraa ከመስጊድ መውጫ

Hawwii

Wayitan mucaa kiyya jalqabaa daheetti waanan qo'ummaa cimaa keessa tureef, balali'ee biyyaa galuu dadhabuu kiyyatti baayyeen gaddee ture. Dhugumattis yeroon sun kanan itti baay'ee namoota yaadeefi kanan baay'ee itti qorame ture.

Yeroo baay'ee kanan biyya dhaqu ta'ulleen, ayyaana Arafaatiif dhaqee hinbeeku. Osoo balalii'anii deemuun danda'amee ta'ee, kanan hawwu ayyaana Arafaatiif bobaa haadha kiyyaa keessatti ofi argu ture.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata