Hinditti kaansariin maaliif irra caalaa dubartoota miidha?

Dubartiin Indiyaa kaanseeriin dhukkubsattu kun guyyaa kabajaa dubartoota adduunyaarratti wayita argamte. Mumbaay, Bitootteessa 08, 2018. Image copyright AFP

Kaansarii ilaalchisee waanti biyya Hindii keessatti ta'aa jiru kunis, doktoroota sadarkaa adduunyaatti kaansarii yaalaniif (onkoolojistootaaf) qorumsa ta'eera.

Hindiin wagga waggaan dhukkubsatoota haara kaansariin qabaman miliyoona 1.5 qabdus, biyyoota dinagdeen guddatan kan akka Ameerikaa waliin wayita madalaamtu kaansariin ammayyuu xiqqaadha.

Hindiitti namoota 100,000 keessaa kan gara 100 ta'an wayita qabaman, Ameerikaatti garu hanga namoota 300 ga'utu qabamaa jira.

Kun tari ibsuuf salphaa ta'uu danda'a: irra caalaan jiraattoota lammiilee Hindii umurii xiqqaa (ijoollee) dha.

Akkuma namoonni dulloomaa dhufaniin carraan kaansariin qabamuu isaanii ammoo dabala. Haa ta'u malee, lubbuun turuun isaaniimmoo baay'ee gadi bu'aadha - guyyaa dhukkubichaan qabamau isaanii beekameerraa jalqabee yoo baay'ate, harka sadii keessa tokkotu waggaa shan darbee jiraachuu danda'a.

Waantii ibsuuf rakkisaa ta'u garuu, akka qoranno dhihoo maxxanfamee tokkootti, maaliif Hindii keessatti kaansariin warra dhiiraa caalaa dubartoota irratti mul'ata isa jedhuudha.

Addunyaarratti dhiirri kaansariin qabamuun %25'n warra dhalaa kan caalan wayita ta'u Hindii keessatti garuu dhugaan jiru kun faallaa ta'eera.

Haalaan dabaluusaa

Akkana jedhamuus dubartoota caalaatti kan Hindii keessatti kan kaansariin du'an warra dhiiraati.

Kunis sababa kaansariin harmaa, foodda gadameessaa, ovaarii fi gadameessaa dubartoota qabatuu Hindiitti %70 ol ta'us, yaaliin fayyaa carraa lubbuun turuu kennaaf.

Dhiiroonni Hindii garuu hamma kan ta'eef carraa lubbuun jiraachuu xiqqoo kan qabu kaansarii tamboo gargaaramuun walqabatan yeroo baay'ee qabamu.

Tamboo xuxuu irraa kan dhufu kansarii sombaa fi tamboo alanfachuurraa kan dhufu kansarii afaan keessaan gidirfamu.

Hindiitti dubartoota kaansarii dhukkubsatan keessa %27 kaansarii harmaatiin qabamu. Kunis waggoota ja'an darban keessa haalaan dabalaa akka dhufe oggeeyyin kaansarii ni dubbatu.

Kaansariin harmaa- akkasumas kan ovaarii baay'inaan dubartoota ganna 45-50 jiran kan qabu wayita ta'u, kan Hindii kun kan biyyoota gali guddaa qaban fi dubartoota ganna 60 ol ta'an kan qabu irra waggaa 10 ol dursee kan mudatuudha. Kunis tarii sanyii (genetic) fi haala nannoo irra ta'u mala.

Image copyright AFP

Qorannooleen akka agarsiisanitti, sanyiin bala dhukkuba kaansariin qabamuu dachaa afurii hanga sadeetiitti dabalu danda'a. Kanaafi maatiin tokkoo tokko keessatti kansarii harmaan kan qabaman kan baay'atan.

Haa ta'u malee kaansarii harmaa Hindiitti mudatan keessaa %10 qofatu sanyiin walitti hidhata qabu. Kanaafu, sababa kaansarii kana addaan baasuuf qorannoo warra hafan hedduurratti gochuun hagas faayida qabeessa miti.

Akkasumas ammoo akka naannootti garagarummaan ni jira.

Fakkeenyaaf, kaansariin harmaa irra caalaa naannoo magaalaa gudditti Delitti argama. Sababa kanaas maal akka ta'e ogeeyyiin sirritti hinbeekan.

Isaanis waan baay'ee osoo hintaane dabaluu hubannoofi guddachuu wallaansa dhukkuba kana qofa tilmaamuurraa kan hafe sirritti kan beekan hinqaban.

Barreeessa qorannoo kana keessa isa tokko kan ta'aniifi Giddu-galeessa Ittisa fi Qorannoo Kaansarii biyyoleessatti daarektara kan ta'an Dr. Raavii Mehrootraa haalawwan balaa kanaaf nama saaxiluun dhukkubi kun akka heddumaatu gochuun beekaman keessaa - nyaata cooma qabu nyaachuu, heeruma ykn fudhaaf turuu, fudiina garmalee, sirriitti harma hosiisuu dhiisuu dhimmoota naanawa magaalatti akka sababaatti ka'an keessaayi.

''Haa ta'u malee, maaliif dubartoonni hedduun akka kaansarii harmaa himatan hanga ammaatti waanti beeknu hinjiru,'' jedhu Dr Mehrootraan.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Hindiin tarsiimoo ittisa kaansarii uummta isheetiif hojatu qabaachu feeti

Hindiin sagantaa to'anno kaansarii bara 1976 eegaltus, baajatni ramadameef gaha hinturre.

Haa ta'u malee, mootummaan kaansarii afaanii, harmaa fi foddaa gadameessa (cervical ) ilaalchisee aanaalee 700 biyyatti keessa jiran keessaa 165 keessatti kaffaltii malee dhukkuboota kanneen adda baasuu irratti hojjechuuf sagantaa akka qaban bekameera.

''Waanti siratan tokko tokkos jiru. Haa ta'u malee, ammallee daandii fagootu nu eeggata. Gufuulee jiran furmaata itti gochuufis karaa dheeraatu nu eegata'','' jedhu Dr Meehrootraan.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata