Dhimmoota 10 ministira muummee haaraa irraa eegaman

Dhimmoota 10 ministira mummee haaraa irraa eegaman

Itoophiyaan waggoota sadan darbaniif mormii ummataatiin jeeqamaa turteetti. Paartiin biyya bulchuus mormiiwwan kanneen to'achuuf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhataa turuunsaa ni yaadatama.

Kanneen keessaayis oggantoota paartilee siyaasaa, gaazexessitootaa fi bilogaroota hidhaarraa hiikuun keessatti argamu. Haa ta'u malee, mormiin dhaabachuu waan hindandeenyeef minisitirri mummichaa duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalanyi aangoosaanii gadhiisaniiru.

Amma ammoo Dr Abiyi gara aangootti dhufaniiru. Garuu dura taa'aan Adda Dimokraatawa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) Dr Abiyi Ahimad, gara aangootti kan dhufan waqtii biyyattiin danqaawwan hedduu keessatti argamtutti. Kanaafuu tibba kanattis isaanii fi paartiisaanii irraa dhimmoota garaa garaa akka eegan, ooggantoonni paartilee siyaasaa mormitootaa fi jiraattoonni Dirree Daawaa, Hawaasaa, Waldiiyaa, Haroomayaa fi Affaar irraa dubbifne nutti himaniiru.

1. Labsii Yeroo Muddamaa kaasuu

Itoophiyaatti waggaa tokkoon dura mormiin eddoowwan garaa garaatti ka'uusaatiin walqabatee badiinsi qabeenyaafi lubbuu namootaa hedduurra qaqqabeera. Kanatti ansuunis labsiin yeroo muddamaa kan labsame yoo ta'u, haalli kan fooyya'e fakkaanaan kaafameera.

Haa ta'u malee, dhiheenya kanas labsichi irra deebiin labsameera. Kana irrattis mormiitoonni mirgoota namoomaa, oggantoonni paartilee siyaasaa dhuunfaa, Imbaasiiwwan biyyoota garaa garaa mormii labsicha irratti qaban ifatti ibsaniiru.

Hayyoonni fi qondaaltoonni siyaasaa nuti dubbifnees labsiin kun barbaachisaa miti jechuun amanu. Erga labsiichi labsamee asiis biyyattii keessatti nageenyaafi tasgabbii osoo hintaane, wayita jeequmsi umamuufi namoonni ajjeefaman mullatee jira kan jedhan qaamooleen kunneen, Ministirri mummee erga mudamanii booda hojiinsaanii jalqabaa labsii kana kaasu akka ta'u jechuun gaafatu.

Kanaafis ragaa yoo eeran, aangoo ministira muummeef kenname labsichi waan daangeessuuf mudamoon kun hojiisaanii haalaan hojachuuf duraan labsicha kaasu qaba jedhu.

2. Sirna Haqaa fooyyessuu

Itoophiyaatti olaantummaan seeraa babal'atee arguuf hundumtuu seera fuulduratti walqixa ta'uunsaanii mirkanaa'uu qabaata kan jedhan hayyoonniifi qondaaltoonni siyaasaa kunneen, kana taasisuuf ammoo manneen murtii, poolisii, manneen sirreessaa akkasumas qaamoleen haqaa kan biroo seeraafi heera mootummaa qofa hordofuun akka hojjatan taasisuu akka qabaatan ni gorsu.

Qaamoleen kunneenis dhimmoota ministira mummee kan irraa eegamu keessaa tokko sirna haqaa fooyyeessudha. Keessattuu manni murtii haalli dandeettii dhiibbaa tokko malee murte itti kennu danda'an umamuu akka qabaatu amanu.

3. Qaamoolee garaagaraa waliin marii taasisuu

Qabxiilee koreen hojii raawwachiftuu ADWUI walgahii guyyoota 17 booda kaa'ee keessaa tokko, waliigaltee biyyaalessaa fi sirna siyaasaa tasgabbaa'aa fooyyeessuuf, paartiilee siyaasaa karaa nagaatiin socho'an waliin mariifi waliigalteef waliin taa'udha.

Kanaafuu mariifi waliigaltee gaggeefamuun akka ce'umsi aangoon karaa nagaa taasisuun biyyattiin rakkina siyaasaa kana fakkaatu keessaa akka hingallee akka gargaaru cimsanii amanu. Cee'umsa gara dimokraasiitti taasifamuunis sirna mariifi kennanii fudhachuun irratti bu'uureffate murteessaa ta'uusaa ni dubbatu.

4. Hidhamtoota siyaasaa gadhiisuu

Itoophiyaa keessatti miseensotaafi ooggantoota paartilee mormituu, gaazexessitoota, bilogarootaafi mormitoota mirgoota namoomaarra hidhaafi dararaan irra deddeebiin yoo raawwatamu mul'achuusaa mormitoonni mirga namoomaa dubbifne ni himu. Kanneen hidhaa jala bahan hedduun ammoo, miidhaa irra gahu baqachuun jireenya godaansaatiin jiraachuuf filataniiru jechuunis ni himu.

Mormitoonni mirga namoomaafi hayyoonnis erga seerri farra shororkessummaa baheen asitti, haala qabiinsa mirga namoomaafi mormitoota mirga namoomaatiif biyyattii keessatti eddoon sochii dhiphachaa dhufuusaa dubbatu.

Kanaafuu hidhamtoota siyaasaafi xinsammuu (prisoners of conscience) guutummaatti gadhiisuun hojiiwwan gurguddoo ministira muummee haaraa eeggatan keessatti argamu jedhu.

5. Fooyya'insa Mirgoota Namoomaafi Dimookraasii

Hayyoonni kunneenis mormiiwwan uummataa waggootaaf taasifamaa turan keessatti gaaffiiwwan kabajamuu mirgoota namoomaafi dimokraasii dhiyaachaa turuu dubbatu.

Kanaafuu, ministirri haaraan gaaffiiwwan ummataan ka'aniif deebii kennuuf waadaa kan galan yoo ta'e, keewwatoota heera mootummaa bilisaan socho'uu paartilee mormitootaafi dhaabbilee sivilii, akkasumas waltajjii yaadni bilisaan itti ibsatamu argachuu deeggaran akka kabajamaniif haala mijeessuun hojii manaa olaanadhas jedhu.

6. Raayyaa ittisaafi tika keessatti ittigaafatamumaa babal'isuu

Angaawoonni paartilee siyaasaafi hayyoonni dubbifne akka jedhanitti dhaabbileen raayyaa ittisa biyyaa, nageenyaafi baraasaa itti gaafatamtummaa isaan heera mootumaafi paarlaamaaf qaban mirkanneessuun akkasumas haaluma heerri motummaa biyyattii ajajuun hirmaannaa saboota dhaabbilee kanneen keessa jiranii mirkanneessuu akkasumas hojii manaa cimaadha jedhu.

7. Heera Mootummaa Kabajuufi Kabachiisuu

Ministirri mummichaa haaraan osoo aadaafi qajeelfamoota ADWUIn hindanqamiin aangoo heerri mootummaa kennuuf osoo itti hindabaliiniifi hin hir'isiin yoo itti fayyadame, jijjiirama fiduun isa hin dhibu kan jedhan hayyoonniifi aangawoonni paartilee siyaasaa, gama aangoo federaalaafi naannoolee ilaaluun sirna haqaa sirreessuuf, mirga namoomaa kabachiisuuf ta'e dhimmoota biraatiif heera mootummaa irratti akka xiyyeeffatuuf hubachisaniiru.

Kana malees biyyattii tasgabbeessuuf, sirni dimokraasii ittiin ogganamtu rakkinaaf waan saaxilee waan ta'eef kana sirreessuunis hojii biraa ta'uu himu.

8. Hirmaannaa Hayyootaa Cimsuu

Dr. Abiyyi kan baratan ta'uunsaanii, hayyoonni dhimma biyya isaanii keessatti kallattiin hirmaattoota akka taasisuu danda'an amanu hayyoonni.

Hayyoota hirmaannaa siyaasaa keessatti hibeekamne kaabineesaaniifi iddoo hirmaachisuun, waliin hojjachuu barbaachisa kan jedhan hayyoonni kunneen, minisitirri muummee haaraan hojiisaanii yoo eegalan waadaa galaniifi tarkaanfiiwwan fudhatan ni agarra jedhanii eegu.

9. Itoophiyaa waltajjii Idil-addunyaatti olkaasuu

Dabalataanis haalawwan ministirri kun ittiin walitti dhufeenya addunyaafi naannawa baha Afriikaa ittii qabatanis karaawwan itti qoraman kan biraatis jedhameera.

Ittaansuunis dura ta'aa haaraan kun hojiiwwan nageenyaafi tasgabbii mirkanneessuu Itoophiyaan biyyoota garaa garaa waliin qabdu mirkanneessuu qabaatu. Dhaggeettiin naannicha keessatti qabduus akka itti fufuuf hojjachuus ni barbaachisas jedhaniiru.

10. Dargaggootaaf carraa hojii babal'isuu

Dargaggoonni naannoolee Oromiyaa, Amaaraafi Uummattoota Kibbaatti argaman akka dubbatanitti, Dr Abiy dargaggotaaf xiyyeeffannaa ni kenna jechuun abdatu. Hojii dhabiinsa biyyattii keessa jiru sirreessuuf tarkaanfii ni fudhatu jechuun eegu.

Hojii dhabiinsa jiru sirreessuuf tarkaanfiiwwan siyaasaa adda addaa akka fudhatan kan eegan dargaggoonni kunneenis, rakkoolee bulchiinsa nagaa, walqixa fayyadamuu, nageenyaafi tasgabbii mirkanneessuun yoo danda'ame hojii dhabummaan salphaatti hir'achuu danda'a jedhu.

Yaada dargaggootaa kana hayyoonnis itti waliigalu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata