Somaaliyaa Al-shabaab: bu'uura nagaa eegsiftootaarra haleellaan qaqqabe

Madda suuraa, AFP
Loltoonni Gamtaa Afriikaa gutuu ardii keessaa kan babahaniidha
Milishoonni Islaamaa bakka nagaa eegsiftoonni Gamtaa Afrikaa (AU) Somaaliyaa argaman irratti halleellaa qawweefi boombii saaqan.
Loltoonni Al Shabaab buufata isaaniin ala naannoo magaalaa Bulaamaarar kan Kibba-lixa Moqaadishoo argamtutti konkolaataa lamarratti bombii dhosaniiru.
Jiraattonni naannichaas dhukaasa qawwee sa'aatii sadii oliif gaggeefame dhagahu isaanii himaniiru.
Haaleellaa kanaanis namoonni meeqa akka du'an beekuun hindanda'amne.
Haa ta'u malee, gareen lamaanuu garuu loltoonni gamtaa Afriikaafi kan Somaaliyaa wayita bakka bu'uura ykn buufata isaanii irraa ittisaa turanitti namoonni baayyeen ajjjeefamusaanii himaniiru.
Dubbii himaan Ministeera dhimma biyya keessaa Somaaliyaa Abdulaziiz Ali Ibraahim Xildhibaab BBC'tti akka himanitti, milishoonni Al shabaab 20 ol ta'an ajjeefamaniiru.
''Gara bu'uura qaqqabu hindandeenye,'' jedheera. ''Dhootuuwwaniifi meeshaalee waraanaa hedduus qabneerra.''
Gamtaan Afrikaa dhaabbata biyyoonni ardichaa 54 miseensa ta'aniifi kan galma isaas nagaafi badhaadhina ardii gutuutti buusuu ta'eedha.
Waggoota dhihoon as, bakkeewwan magaalaa Somaaliyaa hedduu to'annaa milishoota Islaamaa jalaa bahaaniiru.
Garuu irra deddeebbiin magaalaa Moqaadishoo keessatti bombii dhoosuufi nagaa eegsiftoota irratti halleellaa raawwatu.
Dho'iinsa bombii Moqaadishootti gaheen namoonni 350 ol du'an
Dho'iinsi bombii guyyaa Sanbataa Maagaala guddoo Mogaadishuutti raawwatamee, balaa cimaa waggoota 10 keessatti Somaaliyaa muddatu jedhameera.