Dr. Abiy Ahimad ministira muummee Itoophiyaa ta'uun muudaman

Madda suuraa, FBC
Ministrira muummichaa Dr Abiyyi Ahimad fi Haayilamaariyaam Dassaalanyi
Dr. Abiy Ahimad Ministira mummee Itoophiyaa ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataatiin erga raggaasifaman booda haasawa taasisaniin, cee'uumsi aangoo kun carraa boqonnaa seenaa biraa waan ta'eef miira ittigaafatamummaa olaanaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.
Kanaan duras seenaa biyyattii keessa carraawwan boqonnaa siyaasaa haaraa eegaluu argamanii turan hedduusaanitu haalaan fayyadamu osoo hindanda'amne nu harkaa bahaniiru, jedhaniiru.
Waqtiin kunis yeroo itti dogongora keenya darbeerraa barachuun biyya keenya gara sadarkaa fooyya'aatti itti geessinudhas jedhan.
Akkuma milkaa'inni hedduun ture, qaawwi atattamaan furamuu qabaatan baay'een akka jiran ni amanna kan jedhan Dr. Abiy Ahimad, uummanni Itoophiyaa uummata seenaa qabudha jedhan.
Yaadaan waldhabuun abaarsa miti. Garaa garummaan yaadaa akkuma jiruutti waldhaggeeffachuufi kaayyoorratti hundaa'uun waliigaluun yoo danda'amees garaagarummaan yaadaa eebba nuuf fida. Yaada waldiddaa keessaa falli ni argama. Wal ta'umsi humna. Yeroo tokko taanu ni cimna. Tokkummaan biyya waan ijaaruuf rakkoon hinfurre hin jiraatu, waan biyya ijaarruufuu,'' jedhaniiru Dr Abiyi.
Haa ta'u malee, yaadni kiyya qofti fudhatamu malee du'een argama jechuun, biyya bira dabrees, maatii diiga, kan jedhan Dr Abiyyi, Itoophiyaan biyya hunda keenyaa waan taateef sirna ijaarsa dimokraasii sagaleen hunda keenyaa itti dhagahamu cimsinee itti fufna jedhan.
Akkasumas, ''Nuti warra bilisummaafi dimokraasii argachui qabnuudha. Kanaafuu biyya kamiyyuu caalaa gaaffiin dimokraasii gaaffii jiraachuu akka ta'eetti amanna,'' jechuun ijjannoo barbaachisummaa dimokraasii irratti qaban kan ibsan.
Demookraasiin nuuf wanta haaraa miti, sirna Gadaan bulaa turre
''Dimokiraasiin bilisummaa malee hin yaadamu. Bilisummaan kan dhalootan argatan malee kennaa mootummaan ummataaf kennu miti. Heerri keenyas mirgoota kanneeniif beekkamtii kan kenne yoo ta'u, keessumaa mirgoonni namoomaafi dimookiraasii keessumaa mirga yaada ofii ibsachuufi gurmaa'uu akka heera biyya keenyaatti kabajamuu qabu. Hirmaannaan lammiilees mirkanaa'uu qaba. ''
Motummaan tajaajilaa ummataati, kanaafuu ummannis tajaajilaa isaa filachuuf, gaafachuufi qeequuf mirga guutuu qaba jedhaniiru Dr Abiyyi.
Keessattuu hirmaannaa dargaggootaa malee biyyattii eessayyu gahuu akka hindandeenye ni hubanna jedhan Dr Abiyi, ''Itoophiyaa biyyaa dargaggootatti abdii uumtu malee kan abdii kutachiiftu akka hintaaneef kan danda'ame hunda hojachuuf waadaa galla,'' jedhaniiru.
Akkasumas gaaffiin dargaggootaa kan dinagdee fi fayyadamummaa qofa osoo hin taane, gaaffii dimookiraasii fi haqaatis jennee amanna jedhaniiru. Kana galmaan gahuu irrattis hanqinni ture jedhan.
''Biyyi keenya guddina diinagdee galmeessaa akka turte beekamus, fedhii dhaloota haaraa jijjiiramaa jiru hanga barbaadame garaa gahaa hin turre. Kunis ummanni keenya akka ijibbaatu godheera. ''
Kana malees lammilee seerri biyyattii hunda keenyaa haala walqixaan ta'een kan ilaalu ta'u qabaatas kan jedhan ministirichi, kan mirkanneessuf ammoo fooyya'insa barbaachisaa taasisuudhaan hir'inoota jiran gutuuf ni hojjana jedhaniiru.
Lammiileen qe'ee isaanirraa buqqa'an ilalachisees dhimmi akkasii lammata akka hin mudanne ni hojjenna jedhan. Lammiilee biyya alaa jiran koottaa biyya misoomsaa jedhaniiru.
Waggoota muraasa darban keessaa haala cimina dhabiinsa dimookiraasii biyyattiin walqabateen badiinsii lubbuu lammiileefi qabeenyaarra qaqqabe ture salphaa hinturre. Kanas hundi keenyaa hambisu kan qabnuufi nurra ture.
Haala kana keessatti falmattoota mirgaa, namoota siyaasaa fi dargaggoota guddattoota jijjirama barbaachafa jecha karaatti hafan akkasumas maatiifi namoota sababa kanaaf gaddaafi miidhaa qaamaaf saaxilamanif dhiifama onneerraa maddeen gaafadha. Akkasumas kabachiiftoota nageenyaa adeemsa keessa aarsaa kanfalanif kabajaa fi dinqisifannaa qabu ibsuu barbaada, jedhaniiru. Rakkoolee umamaniif furmaata kennuun ummata keenya akka gammachifnuuf waadaan gala, jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyya ambaatti argamtan hundi onneerraa dhiifama walii taasisuun miira walitai'nsa biyyaaleessatiin gara boqonnaa ifaatti waliin akka socha'aniifis waamicha taasisaniiru.
Oggantoonni paartilee siyaasa dorgomtootaanis, paartilee ADWUIn alatti argaman kan ilaalu akka mormiitootaa osoo hintaane akka dorgomtootaatti, akka diinaatti osoo hintaanee akka obbooleessaatti, walitti qabaa lammii biyya jaalatuufi yaada filannoo qaba jechuu dhufeetti jedhaniiru.
Madda suuraa, Addisu Arega
Kanaafuu paartilee siyaasaa yaalii domokiraasii cimsuun dirree yaandi bal'inaan itti kessumeefamu mijeessuu keessatti motummaa waliin akka hojataniif waamicha taasisaniiru.
''Walidiiddaan Eritiraa waliin waggoota dheeraaf ture akka hiikamu ni barbaanna. Waldiddaa ummattoota biyyoota lamaanii bu'aa qofa osoo hintaane dhiigaan illeen walitti hidhama qaban jiddu jiruu karaa mariitiin hiikuuf ni hojjana. Mootummaan Eritiraas tarkaaffii walfakkaatu akka fudhatuuf waamicha kiyyan taasisaaaf,'' jedhaniiru.
Gama kaanin, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu ibsa baaseen, filannoo Dr. Abiy akka simatuufi riiformii dimookiraasii fi dinagdee mootummaan saffisaan raawwatuuf jedhu akka deeggaran akkasumas labsii yeroo muddamaa hinkaasa jedhanii akka yaadan ibseera.