Wiinii Mandeellaa Sirna cunqursaa Appaartaayidii akkamiin akka mo'atte

Wiinii Madikizeelaa Mandeellaa wayita haasawa ummataaf taasisan, bara 1986 magaalaa Kaagisoo keessatti Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Wiinii Madikizeelaa Mandeellaa wayita haasawa ummataaf taasisan, bara 1986 magaalaa Kaagisoo keessatti

Du'aan boqochuu qabsooftuu farra sirna appaartaayidii duranii Wiinii Madikizeelaa Mandeellaa booda sirni awwaalcha isaanii akkamiin yaadatama kan jedhurratti yaadonni falmisiisoon ka'aatti jiru.

Hawaasa isaan keessatti dhalatan dabalatee kutaaleen hawaasa durii ka'ee biyyicha keessa qubatee jiruun dhuunfatamanii argaman akka waan isaan qulqulluu ta'aniitti yaadachuu qabna jedhu.

Qaamoleen akka nama dhuunfaatti yaada kennanii fi kanneen ammallee olaantummaa warra adii tumsan ammoo hammeenyaa fi yakkamtuu ta'uu nama kanaatiin yaadanna jedhu.

Kutaan inni kaanimmoo haala walii galaa turtii siyaasa biyyattii keessatti taasisan kan waggoota kurna jahaa ilaalcha keessa galchuun yaadanna jedhu.

Dhugaan jiru garuu jedhu namoonni wayita yaada laatan Wiinii Madikizeelaa MAndeellaa qabsoo sirna appaartaayidii barbadeessuuf taasisaniin hedduu miidhamaniiru, akka warra jabanaa teessoorra bashannanii kompiyuutara duuba taa'uun Feesbuukii fi Tuwiitarii irratti qabsaa'aa miti kan isaan turan jedhaniiru. Wayita Neelsan Mandeellaa mana hidhaa suukanneessaa Rooban Aayilaanditti biraa hidhaman qabsoo keessattii fi maatiisaanii bulchuu keessatti roorroon itti hammaatee akka tures dubbatu namoonni.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Wiinii Madikizeelaa Mandeelaa walabummaa gurraachotaaf ga'ee olaanaa gumaachan

Quuqamtuun ofitti amantu Wiinii Mandeellaa wayita hidhaa turtetti firoottan ishee akka ishee hin dubbisnee fi dhalashee waliin akka wal hin arginellee dhorkamtee turte.

Bara 1969 kutaa dhiphoo keessatti qofaashee guyyoota 491 hidhamteetti. Kutaa sun kan qulqullina hin qabnee fi fayyaashee haalaan akka miidhes dubbatama.

Kutaan isheen turte kutaa hidhamtoonni haalaan itti dararaman guddichatti dhiyaatee argama. Lakkoobsa addaa hidhamtootaa kan 1323/69 jedhamuun beekamuu fi kutaa isheen itti kitaaba mata duree Guyyoota 491 jedhu itti barreessite ,booda hidhaa fi dararaan qabsoo dubartoota duubatti akka hin deebisne kan barsiiseedha.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Madikizeelaa MAndeelaa kitaaba mata duree Guyyoota 491 jedhuun mana hidhaatti barreesan

Warri adiin yeroo sana qabsooshee dura dhaabbachuu dadhabnaan magaalaa daldalaa kan taate Johaanisbargi keessaa baasanii magaalaa giddu gala biyyaarraa fagoo taate Biraabdifoorti kan yeroo sana Ooranji Firii Isteet jedhamtutti godaansisan.

Achitti ummata waliin dubbachuu dhorkamtee turtus,guyyaa guyyaan mana poostaa deemuun dararaa sirni appaartaayidii geessisaa turte addunyaatti beeksisaa turte.

Amajii bara 1985 Senaatarri US yerosii Edward Kennedy bakka isheen itti godaansifamte Biraandifoortitti daawwatanii turan.

Kunimmoo dubartii gurraattii Afriikaa sagalee gurraachotaa addunyaaf dhageessisan keessaa adda duree akka taatu ishee taasiseera.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Kilabni kubbaa miilaa Afriikaa Kibbaa yakka suukanneessaa raawwateera jedhamuun himatameera

Seenaa Wiinii Mandeellaa keessatti ajjeefamuun daa'ima waggaa 14 kan Kilaba kubbaa miilaa keessa ture waan dagatamuu miti. Namni kun warra appaartaayidiitiif basaasaa turte jedhamuun galaafatame.

Du'a ishee booda, sirna appaartaayidiitiin kan falmanii fi paartii morkattootaa keessaa kan ta'an Mosiuoa Lekota ,''namni sirna appaartaayidii jalatti homaa hin dalagin dogoggoras uumuu hin danda'u,'' jedhan

Goomannaan namaa fi gidiraan mana hidhaa walitti ida'amee kanarraan akka ishee ga'es dubbatamaatti jira

Afriikaan Kibbaa addunyaarratti yakkoota dhala namaarratti raawwataman hedduu keessummeessuun beekamti,laalaa appaartaayidiis qabdi. Warra miidhaman yaadachuunii fi kadhachuufiidhaan akka sirni awwaalcha Wiinii Madikizeelaa Mandeellaa raawwatamus beekameera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan