Israa'el karoora godaantota biyyoota Lixaatti erguf waligalte yeroof dhaabde

Godaantonni Afrikaa fuuldura Imbaasii Ruwaandaa biyya Israa'el argamutti mormii taasisan, Guraandhala 07, 2018

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa,

Dhimmi godaantotaa Israa'el keessatti dhimma waldhabdee ijoo ta'eera

Ministirri muummee Israa'el Beniyaamin Netaaniyaahu waliigaltee eejansii godaantotaa Biyyoota Gamtoomani (UN) waliin qaban yeroof adda kutuu isaanii ibsani.

Akka waliigaltee kanaatti Israa'el godaantota Afrikaa biyyoota Lixaatti erguf qixxuma sanaan immoo kaan biyyatti akka jiraatan eyyamuf turte.

Gama kaanin, dubbi himaan eejansii godaantota Mootummoota Gamtoomani BBC'tti akka dubbatanitti dhimma kana irratti mootummaa Israa'el biraa yaadni isaanitti dhiyaate hin jiru.

Waliigaltichi akka raawwate erga dubbatani booda karooricha suuta ilaaluu qabna jedhaniiru. Akka dubbii isaanitti taanaan jiraattoota Kibba Tel Aviv bakka godaantonni heddu jiraatan waliin mari'atu.

Yaadi isaanii kuni miseensotuma paartii isaanii keessaa mormi itti kaaseera.

Akka waligaltee ejansii baqattoota Mootummoota Gamtoomani (UN) waliin taasisanin godaantonni Afrikaa seeraan ala gara Israa'el seenaniifi koluu galtummaa fedhan 16,250 ta'an biyyoota Lixaatti akka qubsifaman ta'a.

Akka Netaaniyaahu jedhanin taanaan biyyoonni itti qubsiifaman Jarman, Xaaliyaanii fi Kaanaadaa fa'i.

Nama Israa'elitti godaane biyyoota Lixaatti akka qubatu ta'ef tokkof Israa'el nama biraa Israa'el jiruf 'yeroof akka jiratan' eeyyamti jechuun gaafa Wiixataa ibsa kennani ture.

Israa'el isa dura godaantota dhiiraa yoo fedhiin biyyaa bahuu dhaban gara biyyoota sadaffaa isaan simachuu dandeessutti akka ergan himani ture.

Haa ta'u malee, manni murtii olaanaa biyyatti murtii kana dhorkeera. Biyyoonni itti ergamanis Ugaandaa ykn Ruwaandaa ta'u danda'a jedhamaa ture.

Yaada isaanii fesbuukii irratti barreessanin Beniyaamin Netaaniyaahu akka jedhanitti waligalteen duraa Ruwaandaafi ugaandaatti erguuf jedhame Ruwaandaan waan diddef hafe.