Lammii Faransaayii Afaan Amaaraatii sirbu

Liiyoon sirbaa osoo jiruu Image copyright Delphine Bertrand

Namoonni baayyeen wallisaa Leeyoonaariin maqaa waltajjii 'Liiyoo' jedhuun beekuun. Waltajjiiwwan adda addaa irratti sirbitoota bekamoo waliin xabateera.

Waa'ee muxannoosaa Itoophiyaa keessaafi attamiin akka afaan Amaaraa bare nutti himeera.

Yeroo jalqabaatiif gara Itoophiyaa kan dhufeesa wayita abbaansaa hojii waggoota torbaatiif garas dhufan ture. Maatiiisaa lammii Faransaayi yoo ta'an akkasumas kan barate mana barnootaa Faransaayi 'Lisee Gabra Maariyaam' kan Finfinneetti argamutti ta'uyyuu afaan Amaaraa barachuuf danqa itti hintaane.

Hojattoota mana itti gudaate keeessa turaniifi hiriyootasaa mana barnootaa waliin dubbachuun waljalaan barateera.

Abbaa isaasii ergama isaanii kan waggoota 7 xumuruun gara biyya biraatti darban illeen jaalallii Liyoon Afaan Amaaraafi biyyattiif qabu jalaa hinbannee.

Afaan barachuufis baayyee saffisaa ture Liyoon. Isaan booda akkuma barnoota isaa sadarkaa lammaafaa xumureen Yunvarsitii galuun Amaariffa barachuuf murteesse.

Seenaafi waa'ee afaan Amaaraa kan barate Liyoon digiriisaa lammaffaa qabatuyyuu afaanicha cimsee dubbachuuf waggoota 10 akka itti fudhate hima.

Image copyright Ledj Leo

Liiyoon waggoota 10n gara Itoophiyaatti kan deeddeebi'u yo o ta'u, muziqaan alattis waan baayyee hojata. Tibba miliniyeemiin Itoophiyaa galattee mana nyaasaa saaquun daldala eegale ture.

Kunis sababbii Itoophiyaa akka biyyasaatti lakkaa'uuf ta'u dubbata.

Afaan Amaaraa baruuf Itoophiyaa keessa yeroo dheeraaf jiraachu kan dubbatatu Liyoon, nama nyaataa bulchaa turee keessatti hojjattoota waliin afaan Amaaraa qofaan waliin dubbataa turuunsaa caalaa afaanicha akka cimfatu isa gargaaru amana. Kana malees gama muziqaatiinis gumaacha akka taasiseef hima.

Irra caalaa amaarifaa kan bare ijoollummaatti yoo hiriyota kiyya waliin wal arabsaa tureetti jechunis qoofaan yaadannoosaa nutti himeera.

''Mana jireenyaa naannoo Shoolaatti argamu gadi bahuun kan nuuf hinhayyamamne ta'ulleen ijoollee ollaa dhagahuun baay'ee baradheera. Ani ammoo yeroo kiyya baay'ee wardiyyaa waliinan dabarsa ture. Yoo inni raadiyoo dhaggeefatus jalaa hinbahuun ture,''

Erga yunivarsitii galee booda ammoo hiriyuutasaa waliin mana shubbisaa dhaquun nyaataafi dhugaatiin alattis sirbaa akka ture hima. Kanaafuu jedhan; ''Ani Itoophiyaa bahulleen Itoophiyaan ammas keessa kiyyaa hinbaane.''

Image copyright Ledj Leo

Amma Liyoon erga Itoophiyaadhaa bahee waggaa tokko guteera.

Magaalaa Faransaayi Paariis keessatti albamii muziqaa hojatuun alattis wantoota biraa raawwataa jira.

Biyya faransaayittis namoota Afaan Amaaraatii isa dubbisan hindhabne. Kana bira darbuunis namoota kitifoo affeeran akka jiran dubbatu.

Akka afaanichi jalaa hinbanneef jechas hiriyyoota isaa waliin kana midiyaalee ahawaasumaatti akka haasa'u dubbata. Akkasumas filmiifi viidiyoo afaan amaaraa ni hordofa.

Jalaala muziqaaf qabuus ''umamuumaan jadaloon keessa kiyy dadeebii'a. Yeroo baayyees durse walalootaasu naaf dhufa,'' jehdeera.

Muziqaan isaaf bakka adda qaba. 'Anaaf muziqaan nyaata,'' jedha.

Nyaata yoo soorannu ammoo akkuma gosa tokko qofa hinsoorannee sanas yoon muziqaa dhaggeefadhuus gosa garaa garaa dhaggeefachu natti tola, jedha.

Image copyright Victor De Castro

''Muziqaa reegee dhaggefachuun baay'ee natti tola. Addunyaan tunis biyyoota heddu qabdi. Akkasumas anis biyyota baayyee keessattin guddadhe waan ta'eef kana calaqisiisuuf kanan danda'u muziqaa kiyyaan qofa,'' jedha.

Gara fuula duraattis biyyaarra gara biyyaa deemuun muziqaa agarsiisuu karoora qabaachu dubbata.

Ammas waltajjiiwwan adda addaarratti muziqaa afaan Amaaraatiin xabachaa kan jir yoo ta'u, faranjiin kun eessaa fide afaan kana warri jedhan jiraachulleen ni dubbata.

''Walitti dhufeenyi Itoophiyaa wlii qabu yoomiyyuu adda hincitu. Bakka baayyeetti waanan guddadheef bakka tokko ta'uun naaf hinta'u,'' jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata