Xiinxaltoonni haasawa Ministira Mummichaa attamin ilaalu?

Madda suuraa, Getty Images
Ministira Mummichaa Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad
Ministirri Muumichaa Dr. Abiyyi mudamaa saaniirratti taasisaniifi kan warra duraarra baayyee gabaabaafi gariidha haasawaa jedhameen dhimmoota hedduu kaasaniiru.
Aangoo nagan walharkaa fuudhuun dogoggora darberraa barachuun fuula duratti tarkaanfii fudhatamu qaban jechuun eegaluun, Itoophiyaan kan hundaa waan taateef hundi dhimmasheerratti qooda akka qabu dubbataniiru.
Nagaafi tokkummaan waliin jiraachuuf dhimmoota bu'uura ta'an akka dhimmoota dimokiraasii, bilisummaa, mirga namoomaafi haqaa waantoota irratti hojjetamuu qaban kessaa kanneen ijoo akka ta'an kaasaniiru. Dhimmoota dargaggoo fi dubartootaaf mata dureewwan haasichaan caqafaman keessaayi.
Haata'u malee haayyoonni waa'ee haasawaa kana maal jedhuu laata?
Yunvasristi Finfinneetti barsiisaa oggantaa kan ta'an Dr Huseen Kadiirri haasawaan Dr Abiyyii kunis walomaa, tokkummaa, kan miira dhiifamaafi jijjiramaa ofi keessaa kan qabuudha jedhaniiru. Keessattu jalqaba kana irraa kaasuun 'ani hundumaaf ogganaadha' jechuun uummattoota hunda ija tokkoon ilaaluun isaanii natti toleeras jedhaniiru.
Akkasumas haala nageenya biyyatti fooyyeessuuf qaamoolee hunda waliin marii taasisuuf qophii ta'usaanii murteessa yoo ta'u, kan hojiirra olchuun ammoo dhimma filannoo qabu osoo hintaane dirqamadha jedhaniiru Dr Huseen.
Dubbii dhiifama gaafannaa
Gaaffilee mirgaafi dinagdee gaafachuun walqabatee namoota lubbuun isaanii darbee, kan qabeenyi isaanii manca'eefi lammiilee dararamni irra ga'e amananii lammata kun akka hin uumamneef nan tumsa jechuun isaanii akka nama biyya bulchuu tokkootti yaada qalbii nama hawwatudha jedhu Yunvarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Sirna Federaalizimii fi Oggansaa Obbo Tasfaayee Jimaa.
Haata'u garuu, muxannoo duraatiin waanta dubbatamuufi barreeffame hojiitti jijjiiruun rakkoo biyyattii keessatti mul'atudha jedhu.
Kana malees jecha Dr Abiyi malaammaltummaa ilaalchisuun tokko dafqee kan biraan saamee biyya ijaaruu waan hin dandeenyeef, lammileen mootummaa waliin hojjechuu qabu jedhan irratti, namoonni hannaafi sobaan qabeenya saamanii hortana rafanii waan hinbulleef tarkaanfii fudhachuun barbaachisaadha jedhu Obbo Tasfaayeen.
"Haalli mormitoota siyaasaa itti ilaallu jijjiiramuu qaba…"
Gaazexeessaafi Hundeessaan OPride Waashingtan DC irraa, Mohammad Adeemoos haasawaa jalqabaa Dr. Abiyi kanarratti yoo ibsan, "mormitoota siyaasaa akki itti ilaallu jijjiiramuu qaba. Ga'ee dargaggoonni biyya keessatti qaban, akkasumas namoota biyyarraa baqatanii jiran waliin hojjechuu akka qaban waan kaaseef gaariidha."
Haasawa kana keessaa waanti hafe baayyee ta'ulleen haala rakkoo hamaa biyya amma keessa jirtuuf haasawaa gaariidha jedhu Obbo Mohaammed.
"Qabsoo Oromootiin gara aangootti dhufe …"
Xinxalaa Siyaasaa Obbo Girmaa Guutamaas Noorwayirraa yaaduma Obbo Mohaammed jedhan kana akka qooddatan himanii, namni kunu gara aangootti dhufuun isaa waan guddaadha jedhu. Namni kun qabso Oromootiin gara aangootti dhufe. Kanaaf, namoonni kanarraa gammachuu hedduu qabu.
Haa ta'u malee, haawaan isaa haaluma waliigalaatti kan namoota heddu gammachiisuuf taasifamee fakkaata, jedhaniiru. Fakkeenyaaf waa'ee labsii yeroo muddamaa cinsee dubbachu isaaf wayya ture jedhaniiru.
Obbo Mohaammad Muummichi Ministiraa waa'ee ijaarsa dimokiraasiifi mirgoota namoomaa wayita kaasanitti, osoo waa'ee labsii yeroo muddamaa dubbatanii gaarii ture jedhaniiru
"Waanta ani irraa hubadhe, nama tasgabbeessu, sodaa jiru qabbaneessuu akkasumas warra Oromoorraa shakkii qabu nurraa garagaluu danda'u jedhu tasgabeessuurratti kan fuulleffate fakkaata. Kanaanis milkaa'ee jira.
Obbo Girmaanis gama isaanitiin, "namoota hunda gammachiisuuf kan yaalan fakkaata. Kan ajjeessellees, kan du'elleen walumatti qabuun galateeffate,'' jedhaniiru. Osoo ammoo dhimmi murteessaa akka Labsii Yeroo Muddamaa kaasee gaarii tures jedhu. Dhimma akkasii kana irratti osoo jabinaan dubbataniiru ta'ee gaarii ta'a ture jedhu.
Irra caalaan haasaa isaanii sabboonummaa Itoophiyaa kan agarsiisu ta'u himu Obbo Girmaan. Waan kana irra deddeebiyee dubbachuun ammo shakkii jiru qulqulleessuuf ta'us garuu, dhimmuma sabboonummaa Itoophiyaa qofaarratti xiyyeeffachuun isaanii xiqqoo isaan mufachiisus ni dubbatu.
Waliigalattis osoo kun itti dabalame gaarii ture jedhanilleen, haasaan Muumicha Ministiraa haarawaan taasisan gaarii ta'uu ibsanii, hojiitti jijjiiramuusaa akka fedhan dubbatu xiinxaltoonni kunneen.

''Haasaan Ministira Mummichaa kan abdii nutti horeedha''
Dr Abiyi Ahimad erga kalleessa Ministira Mummee biyyattii ta'uun mana mareetiin raggaasifamanii boodas yeroo jalaqabaatiif haasawa ministirummaa taasisaniiru. Haasaawa isaanii kana ilaalchisees yaada namoota garaa garaa nutti himan kunooti.