Guutuu Abarraa: Baandii Gadaa deebisnee ijaaruuf jirra

Guutuu Abarraa sirbaa Image copyright Gutu Abera

Miseensoota Baandii Gadaa durii keessaa Tottobaa Margoo fi Hirphaa Gaanfuree fi miseensota haaraa dabalachuun baandiicha deebisanii ijaaruuf hojjachaa akka jiran artistiin Oromoo biyya Noorweey jiraatu Guutuun Abarraan BBC'tti hime.

Guutuu Abarraa Galataa- Oromiyaa, Wallagga Lixaa, Magaalaa Mandii keessatti dhalatee guddate.

Erga waggaa saddeetti as ammoo biyya Awurooppaa Noorweey, Magaalaa Bergen keessa jiraata.

Sababni gara Noorweey deemusaas waan maatiin isaa baqattummaan biyya sana keessa jiraniif, isaan waliin jiraachuuf achi dhaqusaa BBC'tti himeera.

Ijoollummaadhaa qabee fedhii muuziqaa akka qabu kan dubbatu Guutuun, carraa muuziqaa hojjechuu kan argate garuu biyya Noorweey erga dhufeen boodadha.

''Norweeyitti, muuziqaa Oromoo gara waltajjii addunyaatti fiduudhaaf yaalii gochuun jalqabe,'' jedha. Kanumaanis baandii aadaa garagaraa walitti dabaluun muuziqaa hojjetu, Fargespill jedhamu keessa miseensa tahe.

Haaluma kanaanis sirboota Afaan Oromoo fi sirboota biyyoota dhihaa walitti makuun waltajjiirratti dhiyeessuu jalqabe.

''Sirba Oromiyaa bal'oo'' jedhutu namoota baayyeen wal na barsiise. Kanumaanis carraa mootii fi giiftii Noorweey biratti affeerameera,'' jechuunis nutti himeera.

Guutuun sirba Oromiyaa bal'oo jedhu kana miseensota baandichaa Afaan Oromoo hin beekne leenjisuun, sirba kana waltajjii garagaraa irratti dhiheessuu danda'eera.

Maatii Moototaa Noorweey

Bara 2015 keessa mana mootii Norweeyitti sirba Afaan Oromoo akkan sirbuuf kan affeerame Guutuun, ''Giiftiin biyyattii [Sooniyaanis] Afaan maalii akka tahee na gaafatanii Afaan Oromoo akka tahees itti himeera,'' jedha.

Qophiin kunis TV biyya Noorweey keessa argamanitti tamsa'eera.

Image copyright Gutu Abera

Artistoota biyya biroo waliin taphachuu

Sirboota Afaan Oromoo namoota biyya biraa afaanicha hinbeekne barsiisuun ni ulfaata kan jedhu Guutuun, baay'ee ulfaataa tahuus barsiisuun ni danda'ama jedha.

''Isaan waliin sirbuu danda'uun koo, sirbi Afaan Oromoo sadarkaa addunyaatti, sirboota biyyoota biroo waliin makamee akka hojjatamuu danda'u agarsiisa.''

Kana malees aartiin Afaan Oromoo miidhamaa ture kan jedhu Guutuun, akkasitti sadarakaa olaanaatti hojjachuu danda'uun koo hedduu na gammachiisa,'' jedheera.

Meeshaan kee Miidiyaa taphachiisuu hin danda'u
Guutuu Abarraa: Baandii Gadaaa deebisnee ijaaruuf jirra

Danqaalee mudatan

Rakkoon inni guddaan biyya hambaatti gama muuziqaatiin artiistii tokko mudatu, kaka'umsa [inspiration] akka tahe dubbata.

Kanas wayita ibsu, ''Osoo Oromiyaa jiraattee, manaa baatee wayita qilleensa biyyaa hafuura fudhattu, waan isaan dhaggeeffatan beekta. Biyya hambaatti fooliin ati fudhattu, foolii biraati. Waan gurri kees dhaggeeffatu waan addaati. Osoo hin jaallatiin handhuura irraa fagaachaa deemta,'' jedha.

Danqaan inni biraan ammoo, ''Afaan Oromoo guyya guyyaan itti hin fayyadamnu waan taheef, walaloo sirnaan barreessunillee ni ulfaata,'' jedheera.

Baandii Gadaaa deebisanii ijaaruu?

Miseensoota Baandii Gadaa durii keessaa Tottoobaa Margoo fi Hirphaa Gaanfuree, akkasumas miseensota haaraa dabaluun baandii kana deebisanii ijaaruuf hojjachaa akka jiranis Guutuun BBCtti himeera.

Baandii kanas Baandii Gadaa Bergen jedhanii akka moggaasanis dubbateera.

Muuziqaan Oromoo 1990'oota keessa ture sadarkaan isaa olaanaa ture kan jedhu Guutuun, artistoonni wayita sana turan biyyaa baqatanii waan bahaniif, sadarkaan muuziqaa Afaan Oromoos akka miidhamu godhee jira jedha.

Kaayyoon baandii kanaas, aartiin Oromoo lammata deebi'ee akka inni dhalatu gargaaruufis akka ta'e dubbateera.

Baandiin kanaanis biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa keessa naanna'uun muuziqaa dhiyeessuuf akka kaayyeeffatanis Guutuun nutti himeera.

''Carraa kanaanis uummanni akka kana baru gochuu koottis nan gammada,'' jedheera.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata