Qubsuma Koo 27፡ 'Ergan buddeena nyaadhee waggaa dabarseera'

Dilaayit Getachaw Image copyright Delaite Getachew

Maqaan koo Dilaayiti Getachoon jedhama. Yeroof kanan jiraadhu biyya Vetinaam magaalaa Muyiney keessa.

Garana kanan dhufe itti yaadee hinturre. Dura gara Taayilaand deemuun ergan achi waggoota lamaaf jiraadheen booda Vetinaam dhihoo waan taateef dowwannaf garana kanan dhufe.

Jalqaba magaalaa guddoo Vetinaam Hanooyi jedhamtuun dowaadhe ture. Isaan boodas turtii muraasaan booda gara kana dhufe. Muyineyiin baay'een jaaladhee.

Lafan itti boqadhee keessa ammoo nama tola oltummaan tajaajilu waan isaan barbaachisuuf, achumatti tajaajilaa afuuf murteesseera. Amma ergan Muyineyi dhufee baatii jaha guuteera.

Image copyright Getty Images

Muyineyi Magaalaa Finfinnee waliin yoo dorgomsiifnu dhimmoota adda ta'an hedduun akka jiraatan natti dhagahama. Nyaata isaanitii kaasee hanga namoota isaanitti Vetinaam biyya baay'ee adda taateedha.

Haa ta'u amlee garuu dhimmi isaan walfakkeessu yoo jiraate, suqiiwwan xixiqqoofii isaan 'suqii-badartee' jennuun sun magaalaa Adaamaatiin wal natti fakkaatu.

Nyaata isaanii keessaa caalaa kanan jaaladhu ammoo, shorbaa ykn maraqii 'F' jedhamudha.

Ashaakiltiifi foon loonii ykn foon qurxummii walitti makuun kan hojatamu yoo ta'u, baay'een jaaladha. Garuu waan akka qociqocaa kan nama ho'isuu ykn gubu osoo qabaate caalaa mi'aawa jedheen yaada.

Image copyright Getty Images

Biyya kiyya Itoophiyaa baay'een yaada. Keessattu jalalliifi dharraan buddeenaaf qabu ibsuuf na rakkisa. Ergan buddeena nyaadhee waggaa dabarseera.

Manni nyaataa Itoophiyaa dhiheenyatti argamu jedhamu biyya Kaambodiyaa keessatti argama.

Buddeen yeroo hunda ijarra na deemaa jira.

Image copyright Delaite Getachew
Goodayyaa suuraa Kaampii Dilaayit keessa hojjattu

Ganama ganama irriibaa yoo ka'ee dunkaana keessa jiru irraa ala yoo ilaalu lafa magariisaafi mukeenitu natti mul'ata.

Anis lafa keessumaan itti simatamuufi bakka dunkaanni xixiqqoon dowwatotaaf kereefamu keessan hojadha.Isaanis 'kaampiingi' jedhuun.

Ani jireenya kiyyatti akkasiin dunkaana keessa jiraadhee hinbeekun ture. Haala jireenyaa addaa waan ta'eef namatti tola.

Ergan as dhufee kaasees kan na dinqisiise tokko yoo jiraate, adda bahee beekamu kiyyadha. Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessa kan sochootu yoo ta'ee addatti kan si ilaalu hinjiraatu.

Biyya Vetinaamitti garuu namoota afriikaa irraa dhufan baayyeen waan hinjirreefu hammeenyaaf osoo hintaane yeroon akka tasaa sitti ija baasan ni jara. Ilaalchi isaanii kunis na dinqa.

Fakkeenyaaf yoo biyya Taayilaandi jirutti biyyaa daawwattoonni hedduun jiran waan ta'eef waa'een nama badaa isaan hindhibu ture. Asi garu biyya lamiileen Itoophiyaa baayeen dhaqan waan hintaaneef yoo na argan ni dinqisiifatu.

Image copyright Delaite Getachew

Ani umamaan baay'ee deemuun jaaladha. Kanan hubachaa dhufees lammiilee Itoophiyaa hedduun akka eddoodhaa gara eddootti hin imalleedha. Waggoota sadan darbaniifis imala 'back camping' jedhamuun gochaa ture.

Kana jechuunis waggoota sadiif borsaa dugdatti baatamtu xiqqoo qofa qabaachuun biyyaa gara biyyaa socha'aa ture jechuudha. Hanga ammaattis lammiilee Itoophiyaa lama ykn sadii qofaadha kanan arge.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan