Reeffaan mormiin Riippablika Jiddu-gala Afrikaa keessaatti taasifame akka UNtti olola ture

Dubartii Boossuu fi konkolaataa waraanaa UN Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Namootni kan ajjeefaman UNfi garee hidhattootaa jidhutti walitti bu'iinsa ka'eeni jedhu mormitoonni

Mormiitoonni waajjira mummee Riippablika Giddugala Afrikaa (RGA) fuuldura reefa kaa'uun, olola gaggeessuuf itti fayyadamani jedha Mootummaan Gamtoomanii (UN).

''Namootni tokko tokko, ummata nagaa ajjeestaniittu jechuuf reeffa fayyadamaa jiru" jechuun dubbi himaan UN BBC'tti himaniiru.

Roobii darbe hiriirtonni jeequmsi kun haadhaabbatu jechuun reeffa 17 gamoo UN dura naqaniiru.

Reeffiichis kan namoota nagaa walitti bu'iinsa loltoota UNfi garee hidhattotaa jidhutti ta'een ajjeefamanidha jedhu.

UN garuu, namootni sun hidhattoota yakkamoo, looltoota mootummaafi naga-egsistoota irratti akeekkatanidha jedha.

"Naga-eegsiistoota kenyaatti yemmu dhukaasan, nutis deebisne dhuukasne. Reeffi kun bu'aa walitti bu'iinsa kanaati," jedheera agabaasaan 'UN' Viladmiir Monteriyoo.

"Olola ta'eef namootni tokko tokko reeffa kunneeniin fayyadamuu isaani nibalaalleffanna'' jechuun itti dabalaniiru.

Looltootni UN sochii kana Dilbata kan jalqaban, hidhatoota naannoo PK5 Banguyii meeshaa waraanaa hiikkachisuufi.

Fakkeessa jiraattota eegna jedhuun, Riphee loltootni Islaamummaa leellisan naannoo kana buufatani jiru.

Obbo Monteriyoon akka BBC'tti himanitii, UN mormitoonni jiraatanillee sochii isaa akka itti fufudha.

Booda irratti looltootni UNfi dhaabbatni Fannoo Dimaa gandichaa reeffa achi naqame ture kaasaniiru.