Manneen hidhaafi fayyaa: Hidhamtoota qoricha furmaata yeroon wallaanaman

Hidhamtoota duraanii keessaa Caaltuu Taakkalaa Image copyright Ethio Tube

Komiiwwan hidhamtoonni Itoophiyaa manneen hidhaa garaa garaatti argaman dhiyeessan keessaa tokko wallaansa gahaa argachu dhabuun, dhimma muummee ta'uusaa hidhamtoonni duraafi gabaasaan oolmaa mana murtii ni himu.

Akka namoonni BBCn dubbise jedhanitti, iyyannoon sadarkaa tokkooffaatti dhiyaatu beellamni dheerachuu yoo ta'u, wallaansa gahaa dhabuun kan biraati.

Obbo Baqqalaa Garbaa ittaanaa dura taa'aan Kongrasii Federaalistii Oromoo wayita hidhaarra turanitti, wallaansa ijaa argachuuf iyyata dhiyeeffachaa turuun isaanii ni yaadatama. Kana malees abbaan qabeenyaa hosipitaala Addis Kaardiyaak Dr. Fiqiruu Maaruu hanga yeroo dhiheenyaatti dhabiinsa wallaansaa ilaalchisee iyyataa turan.

Akkasumas gaazexeessaa Tamasgan Dassaalanyi dhukkubbii dugdaa cimaa mudatee tureef wallaansaa osoo hinargatiin turuusaa obboleessi isaa Taarikuu Dassaalanyi himeera.

Dhabiinsi wallaansaa kunis kan hidhamtoota siyaasaa qofa akka hintaane himama.

Wallaansi sirrii maaf dhibee?

Caaltuu Taakkala waggootaan dura sababii siyaasaatiin hidhamuun mana hidhaa erga galteen booda, adabbiin waggaa 12 itti murtaa'ee ture. Erga waggoota saddeetiifi guyyoota 45f mana hidhaa turteen boodas hidhaa baatee jirti.

Yeroo lammaffaaf goolii uumtummaan erga hidhamteen booda dhiifama mootummaa hidhamtoota siyaasaatiif taasiseen himannaanshee adda cituun baatee jirti.

ALI 2001 wayita mana hidhaa Maakalaawii turte gara Qaalittiitti yoo dabarfamtu, wallaansa argachuu akka barbaaddu gaafachuushee himti.

''Maa'ikalaawiitti gurra koo rukutamee waanin tureef ni dhiiga, baay'ees na dhukkuba ture,'' kan jettu Caaltuun, hidhamtoota siyaasaa irratti kan cimu ta'uyyuu, hidhamaan kamuu buufata fayyaa ykn hospitaala geeffamee wallaansa argachuun baay'ee cimaa ta'uu himti.

Akka isheen jettuttis dhukkubbii amma fa'e cimaan qabaatamuyyuu, hidhamtoonni akka qoricha yeroof fooyyeessu akka fudhatan taasifamu malee haala salphaatti rifaraaliin hin barreeffamuuf.

Isheenis yeroo hedduu qoricha yeroof fooyyeessu fudhachuu furmaata waan dhabdeef, irra deebiin gaafachuun dhumarratti hospitaala Yekkaatit 12tti akka wallaanamtu taasifamu yaadatti.

"Hidhamtoota umurii gutuu ykn du'aa ammoo mana hidhaatii bahuun hospitaala mootummaatti wallaanamuun kan yaadamu miti. Rifaraalii barreesu ni sodaatu,'' jetti.

Rifaraaliin barreeffamus poolisiin waliin deemuu ykn konkolaataan hinjiru sababii jedhuun osoo hindeemne hafu. Yoo dhaqanis poolisiin waliin akka seenu akka taasifamus ni dubbatti. Kunis bilisummaan akka isaanitti hindhagahamne fi hakimootas haalaan akka hinwallaanne taasisa.

Hidhamaan Nimoonaa Xilaahun jedhamuufi kaansarii dhukkubsatu tokkoos konkolaataa ykn poolisiin hinjiru jedhamuun wallaansa isaa keemoterapppii fudhatu jalaa adda ciccitaa ture ni yaadatti. ''Haalaan kemoteraappi fudhachuu dhisuunsaa du'asaa akka saffisiiseen amana.''

"Hidhamtoonni hakimii ispeshaalistiin akka ilaalaman jedhaman carraan mana yaalaa geessamuu isaanii baayyee gadaanaadha. Sababiinsaas poolisiin ykn konkolaataan hinjiru," kan jedhuudha.

Dahumsaaf salphaadhumatti rifaraaliin kan barreefamu yoo ta'u, tibba hordoffii dahumsa duraatti garuu sababiin walfakkaatu akka eeramu ni dubbatti.

Kilinika mana sirreessaa Qaallitiitti wallaanamuun rakkina qabaachuu baatus, ogeeyyiin jiranis gahumsa ogummaa gahaa akka hinqabne dubbatti.

Fakkeenyaaf "dhukkubbiin ilkaanii kan yeroo namaaf hinkennine illeen achumatti yaalama. Wallaansa yeroof fooyyeessu akka fudhatan taasifamu. Isaan booda kan gara wallaansa sirriitti dabarfaman,'' jetti.

Keessattuu dubartoonni rakkina gadameessaatiif hakima biratti dhiyaatan poolisii waliin galuun, bilisummaa namootaarratti dhiibbaa qabaachuu dubbatti Caaltuun. Yoo hidhamaa umurii guutuu ta'an ammoo poolisiin kutaa baqaqsanii wallaanuu akka galu dubbatti.

"Amoksaa"

Image copyright Getachew Shiferaw

Muuxxannoo mana hidhaa kan qabuufi oolmaa mana murtii gabaasuun kan beekamu Geetaachoo Shifarraaw, hidhamtooti wallaansa argachuun rakkisaa ta'uu hima.

Walumaagalattis hirinni qorichaafi wallaansaa jiraatus, hidhamtoota siyaasaatiif wallaansa argachuun rakkisaadha jedha.

"Maa'ikalaawii, Qaalittii, Ziwaayifi Qilinxoon ture. Bakka hundumaa wallaansi gaariin hinjiru,'' jedha.

Wayita Qiliinxoorraa gara Ziwaayitti dabarfameetti hakimoonni nama dhukkubsadhe jedhu ija keessa ilaaluun qoricha ajajaafii akka turan ni yaadata.

Akka inni jedhuttis, yoo qoricha yeroof fooyyeessuu alatti Amiksaasiliinii kannama jedhu. Kanaafis hidhamtoonni ''amoksaa'' jechuun waamu yoo mana yaalaa deeman.

"Namni muraasni erga ol seenee boodas har'aaf gahee,'' jechuun deebiisu.

Akka Geetachoon jedhutti, rakkini hirina nyaataafi walirratti baayyatanii rafuun mataansaa dhukkubbiif saaxila hidhamtoota.

Seeraafi haala qabatamaa hojiirra olu

Hidhamtoonni attamiin keessumeefamuu akka qabaatan ilaalchisee haaluma seeraatiin hojatamu qabaatulleen garuu dhugaan jiruu kan seera irra taa'een adda ta'usaa abukaatoon hidhamtoota seeraa hedduu kan ta'an Obbo Henook Akliilu ni dubbatu.

Abbukaatoo Henook akka jedhaniitti, yeroo hedduu akka wallaanaman kan taasifamu buufatawwan fayyaa manneen sirreessaa keessatti argamanitti waan ta'eef yeroo baayyee kan kennamuuf ammo kan yeroof itti fursiisu malee wallansa gahaa miti.

"Mana sirreessatiin alatti kan ergaman erga baayyee turanii booda wan ta'eef rakkinni fayyaa haala salphaatti wallaanamu sadarkaa cimarra gaha. Haala kanaan fayyaan hidhamtoota heddu sadarkaa hamaarra gahuun kan du'an jiru'' jedha Henook.

Akka inni jedhuttis, hidhamaa sororkeessummaan shakkaman akka wallaansa barbaatan yoo dubbatan, ati shororkeessummaan kan hidhamteedha jedhamuun akka loogiin irra gaha.

Dhimma kanarratti bulchiinsa menneen sirreessaa dubbisuuf bilbillu illeen deebii argachu hindandeenye. Garuu dhimmicharratti qaamni yaada nuuf kennu yoo jiraate ni keessumeessina.

Odeessa kana irratti dabalata