Seenaan huccuudhaanis ni dubbatama: 'Kan Seenaa Kiloozing'

Uffataa aadaa shawaa Image copyright Senakebeki Girma
Goodayyaa suuraa Uffatni aadaa yeroo sagantaan addaa jiru qofa osoo hin taane, guyyuu uffatamuu danda'a, diizaayinar Seenaakeebeekii Girmaa

Namni danuu uffata aadaa gaafa ayyaanaa, cidhaa fi qophiin addaa yoo jiraatu ittiin calaqqisee mul'achuuf malee, guyyuu uffatee waajjira deemuuf, mana barumsaa ooluufi lafa bashannanaafaa dhaquuf badaa maayii itti hin bahu.

Uffati aadaa fayyadama guyyaa guyyaaf akka ta'utti qixaa'uu dhabuun namooti huccuu isa kaan akka uffataniif sababii tokko dha.

Jalqabbii 'Kan Seenaa Kilooziingi'

Hundeessituun 'Kan Seenaa Kilooziing' Seenaakeebeekii Girmaa, ''Uffata dizaayin gochuun maal akka ta'e otoo hin barin dura ijoollummaa kootii kaasee yeroon taphadhus, yeroon mana barumsaa deemus huccuu 't-shirt' moofaatiin boorsaa mataa koo nan hojjedhan ture.'' jetti.

Dandeettii fi fedhii ganamumaa ishee keessa bule barnoota ogummaan deeggartee mana uffannaa aadaa 'kan Seenaa Kilooziingi' erga bantee waggaa tokko ta'eera.

Seenaa 'Kan Seenaa'

''Kan Seenaa kanin jedhe, jalqaba maqaa koo waan ta'eef, lammata immoo uffata keessa waan baayyee ibsuun danda'ama jedhee waanin yaadufi.''

Akkkuma warri barreessan barruu isaaniitiin yaada isaanii ibsatan, akkuma warri faarfatan yookiin sirban faaruu isaaniitiin yaada isaanii ibsatan anis uffata dizaayin godhu keessatti yaada koo fi aadaa koo ibsuu, seenaa koos himu waanin barbaaduuf 'Kan Seenaa' jedhee moggaase. jetti ogeettiin kun.

''Hojiiwwan koo hunda wal-qixa yoon jaaladheyyuu, uffannaan garbummaa Afrikaan keessa dabarte agarsiisu kaniin yeroo barumsa dizaayinii baradhu hojjedhe nan mararfadha.''

''Cancala wayyicharratti tolfame dabalatee, haalli wayyichi itti baqaqfameefi cittuun wayyaa bifa qeerransa fakkaatu irratti hodhame hundi, gadadoo Afrikaa yeroo garbumma sanaa yaadachiisa'' jechuun uffannaadhaan seenaan akka himamu nuuf ibsiti.

Image copyright Senakebeki Girma

Mucaa gaazexessituu fi taatuu Zinnaash Olaanii kan taate Seenaakeebeekii Girmaan, Finfinneetti dhalattee kan guddatte yoo ta'u, 'maqaa koo irraa kaasee waan koo jaaladhee akkan guddadhu, ofiishee wayyaa aadaa uffachaa kan natti agarsiisaa na guddise haadha kooti' jechuun oolmaa haatishee akka aadaashee beektu oolteef jajatti.

''Aadaa beeksisuun yeroo sagantaan addaa, cidhi, guyyaa dhalootaa fi eebbi yoo jiraatu qofa osoo hin taane yeroo hunda akka uffatamu waanin barbaaduuf, uffata guyyuu uffatamuu kan akka tii-shartii fa'i irratti halluun Oromoo yoo anceeffame fi mijataa ta'ee tolfame namni hundi ni uffata. Garuu, halluu isaa irraa kaanee kan Oromoo akka ta'e baruu dandeenya'' jetti.

'Mi'a dheedhii argachuufi halluu wal madaalchisanii otoo aadaa isaa hin gadhiisin akka salphaatti uffatamu gochuun rakkoolee mudatan keessaa akka ta'anis Seenaakeebeekiin ni dubbatti.

Image copyright Senakebeki Girma
Goodayyaa suuraa Aadaa beeksisuuf dirqama guyyaa ayyaanaa eeguun hin barbaachisu

Oromoon halluu akkami Jaalata?

''Namoonni yeroo baayyee calleefaallee gaafa filatan waan uffannaa isaanii wajjin deemu filatu''.

Haa ta'u malee aadaa keenya keessatti halluu nama hawwatu fi dafee ija namaa keessa galutu baayyata. Halluuwwan kan akka magariisaa fi keelloon immoo namoota baayyeen filatamoo dha akka ogeettii kanaatti.

Gara fulduraa namooti hubannoon isaan uffannaafi faashiniif qaban akka dabaluuf barsiisuu akka barbaadduu fi jilawwan garagaraa qopheessuun aadaa uffannaa hin tuqamiin kan godinaalee Oromiyaa adda addaa fi kan biyyattii hunda beeksisuu akka barbaaddus nutti himtee jirti.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan