Qubsuma koo 33: Swidiin biyya tekinoolojiin haala qilleensaa rakkisaa jireenyaaf mijeeffatte

Rattaa Daargee Image copyright Rattaa Daargee
Goodayyaa suuraa Swiidiin biyya nagaa, dimokratooftuufi jireenya namaaf mijattuudha

Rattaa Daargee Shuuramoon jedhama. Abbaa warraafi abbaa ijoollee lamaati. Yeroo ammaa biyya Siwiidiin magaalaa Bonnees keessan jiraadha. Magaalaan Boonnes magaalaa guddittii Istookolmirraa deemsa sa'aa lamaa fagaattee argamti.

Biyyakootti ijoollummaa kiyyaan nama qabeenya horateen ture. Daldala bunaa hojjechuun, buna biteen gara gabaa biyyoolessaa Finfinneetti dhiheessaan ture. Jabaadhee itti cichee hojjechuun konkoolaataa dhuunfaa kiyyaas qaban ture.

Calmaatti guddachuufis tattaaffilee gurguddoon gochaa turus, dhiibbaa Oromummaan utuu walirra hincitiin narra gahuun akkan daangeefamu ta'e. Kanarra kan ka'e hojii, jireenyaafi qabeenyaan qabu dhiisee akkan miliqu ta'uun jalqaba gara biyya Sudaanitti baqadhe.

Sudaan keessattis dhiibbaa, gidiraafi ari'atamni bifa adda addaan Oromootarra gaha. Baay'een moora baqataa keessa dirqiin akka jiraatan godhamu. Rakkoon achi jiurummoo daran jabaadha.

Ani magaala Kaartuum keessa jiraachaa turuyyuu, rakkoo hedduu keessa darbeera. Jaabaadhee utuun hin nuuffiin yeroo baay'eef UNHCR jala deemaa turuun boodarra dhimmi kiyya UNHCR'iin fudhatama argatee gara biyya sadaffaa Siwiidinitti qubbachiifame.

Waa'ee Sudaan rakkoolee narra gahan qofan hima miti, haadha warraan baay'ee jaaladhuufi haadha ijoollee kiyya lamaanii Iskadaar Caalaa achitti argachuu kiyyaaf yaadanno gaarii ta'ees nan qaba jechuudha. Egaa waggoota shanan darbaniif Siwiidiin biyya qubsumakoo godhadheen keessa jiraachaa jira.

Image copyright Rattaa Daargee
Goodayyaa suuraa Haadha warraa Obbo Rattaa Aadde Iskadaar Caalaafi Ijoollee isaanii lamaan

Biyya Siwiidiinii biyya Itoophiyaarra waanti adda ishee godhu hedduutu jiru. Keessattuu biyya kanatti mirgi namaa qofa utuu hinta'iin mirgi waan hundumaa seeraan eegamaafi hojiirra kan oolu ta'usaati.

Biyya kanatti dimookraasiifi mirgi namoomaa bakka olaanaa qabu. Namni yaadasaa akka barbaadetti ibsachuuf hindaangeffamu.

Kan dhala nama hafnaan bineensa daggalaafi muka bosonaafille mirga kaa'ameefitu jira. Doktooraan utuu hinilaalamin muknille hin muramu. Dimshaashumatti kabajaa hagas guddatu uumama maraaf qabu jechuudha.

Aadaan nyaataa Siwiidiin keenyarraa baay'ee adda. Haa ta'u malee gosa nyaataa hedduu jiran keessaa kanan guddisee jaaladhu nyaata Toofees ykn Shaatbullaa jedhamuufi foon daakamaarraa kan hoojjetamuudha. Shaatbullaan kanatti ittoon adda addaa itti dabalamuun nyaatama.

Image copyright Rattaa Daargee
Goodayyaa suuraa Nyaanni Toofees ykn Shaatbullaa jedhamu kun foon daakameerra kan hojjetamuudha

Biyyakoorraa namasaa laga, gaara, muka dabalatee waan hundaan yaada. Keessattuu maatii, firoottaniifi hiriyootakoos baay'een yaada. Haala waliin jireenyaa biyya keenya jirus guddaan yaada. Biyya kana jireenyi qofaa jiraatama, walgaafachuufi walibirmachuun hinjiru.

Magaalaa kana keessatti bakki yeroo baay'ee jaalanuu fi deemnee itti bashanannu inni guddaan 'Siimaa' ykn 'bakka bishaan itti daakan' dha. Innis bakka daakaa bishaaniin walqabatee, bakka ispoortii addaa addaa fi waanti mucaa namaaf mijataa ta'e hundi kan keessatti argamuudha.

Giddugaleessi akkanaa magaalaa guddaadha hanga xiqqootti ganda hundaa keessatti kan argamu wayita ta'u, gannaa fi boona akka tajaajiluu ta'e kan hojjetameedha.

Image copyright Rattaa Daargee
Goodayyaa suuraa Siimaa ykn bakka bishaan itti daakaan jedhamuun kan beekamuu kun bakka ispoortii adda addaas of keessa qaba

Magaalaa ykn biyyan keessa jiraadhu kana keessatti utuun angoo guddaa tokko qabaadhe, waantan biyya kana keessatti jijjiru barbaadu keessaa inni hangafa seera dhiraa fi dhiira akkasumas dhalaa fi dhalaa akka walfuudhan hayyamu sana haquudha.

Akkan biyya kana dhufeen rakkoo gudda kan natti ta'e ture afaansaanii wal'aaluudha. Ana qofa osoo hinta'in biyya kamiiyyu namoonni dhufan hundi rakko walfakkaataatu isaan qunnama.

Afaan kana baruunis baay'ee ulfaatadha. Amma garu hanga abarbaachisa ta'e baradhe xumuruun leenjii oggummaa gargaarsa fayya fudhadhee hojii jalqabaan jira.

Gara Swiidiin biyya nagaa fi haala jireenyaa mijaawaa qabdu dhufuu kiyyaan waan baay'ee argadheera. Kana hundumaa caalaattis eebba fi gammachuu guddaa kan naaf ta'an daa'imman lama godhadheerra.

Maqaan mucaankoo hangafaa Kennawaaq wayita jedhamu isheen durbaa ammoo Meelaalaa jedhamti.

Image copyright Rattaa Daargee
Goodayyaa suuraa ''Kennawaaq fi Meelaalaa Swiidiinittan godhadhe''

Utuu humni asi na bute biyya na buusu danda'u jiraate maatii kiyyaa waliin Oromiyaatti of arguun barbaada. Keessattuu dhiha Oromiyaa magaala xiqqo Ashii jedhamtu keessatti. Maatii kiyyaa fi maatii hadhawarraakoo walitti fiduun ijoollee kiyyaas biyya agarsiisuun fedha.

Odeessa Qubsuma Koo kutaa itti aanu argachuuf:

Lammii Itiyoophiyaa Kaataaloniyaa foxxoqxuurraa

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata