Waraana Itiyoo-Eritiraa waggoota 20'n duuba

Loltoota Itoophiyaa Image copyright STRINGER

Caamsaa 6 barri 2018 waggaa 20ffaa waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa itti eegaledha. Waraanni kun gaafa yaadatamu akkamiin akka eegaleefi goolabame qofa osoo hin taane wantoota yaadataman hedduutu jira.

Ka'umsi waraanichaafi badii lubbuu dhaqqabe akkasumas kasaraa hawaas-diinagdee fi waraanaa mudateen wal-qabatee gaaffilee hedduutu ka'a.

Kunis haala biyyotni lamaan har'a keessa jiran waliin hidhata cimaa qaba.

Ministirri muummee haaraa Itoophiyaa waamicha nagaa Eertiraaf taasisan dabalatee hariiroon har'a biyyoota lamaan gidduu jiru kallattiin waraanicha waliin wal-qabata.

Yaadannoo Asmaraa

Sababa waraana kanaatiin lammiileen Itoophiyaa Eertiraa keessaa akka bahan waan dirqamaniif maatiin isaa gara Itoophiyaatti yoo baqatan Maatiwoos reefu xobbee ture.

Maatiin isaa waggoota soddomaa oliif Asmaraa keessa jiraatan. Isa dabalatee obbolaan isaa torba dhalatanii kan guddatanis achuma Asmaraa keessa naannoo Kombolooloo jedhamutti.

Image copyright AFP

Waraanichi hadhaafi ilmoo, abbaa warraafi haadha warraa dabalatee gargar bahumsa maatii daran hamaa ta'e fideen yaadatama.

Namoonni hedduunis magaalaafi biyya takkaahuu arganii hin beekne keessatti jireenya akka haaraatti akka eegalan dirqamanii jiru.

Maatiwoosifi maatiin isaa jalqaba yoo dhufan magaalaa Addigiraat adaadaa isaanii bira ture an qubatan.

"Wanti hundi daran ulfaataa ture. Waraanichi goolabamaa ture, baruumsa erga adda kunnee bubbullee turre. Qabeenya keenya muraasa gurguruuf yaalii goonee turre, jireenya akka haaraatti eegaluun cimaadha," jedha.

Loogni Asmaraafi Addigiraatitti dubbatamu gargar waan ta'eef afaanillee rakkoo akka ture dubbata.

Akkawoon isa guddiste dhiyeenya hanga boqotuutti Asmaraa jiraachaa akka turte kan dubbatu Maatiwoos firaaf hiriyootaan gargar cituun hagam akka ulfaataa ta'e ibsuuf jechootatu hanqata.

Yaadannoo Finfinnee

Maqaan isaa akka eeramu kan feeneefi wayita ammaa biyya Ingiliiz kan jiraatu namni lammii Eertiraa sababa waraanichaan Itoophiyaa keessaa akka bahu dirqame tokko akkuma Maatiwoos dararaa irra gahe dubbata.

Maatiin isaa wayita Itoophiyaa bahan nama ganna 16 ture.

"Yeroo gara garaa ture kan baane, namni gariin ni hidhame kaan ammo marsaa duraan deeman. Aniifi obboleettiin koo dhumarratti hafne," jedha.

Akki inniifi obboleettiin isaa gara Eertiraa deeman ulfaataa akka ture yaadata. Ijoollummaa waan qabaniif qabeenya maatii isaanii gurguruus ta'e bakka bu'ummaan namatti dabarsuu hin dandeenye, kunis rakkoo hawaasummaaf akka isaan saaxile dubbata.

Eelli rakkinichi isaan irratti uume hanga yoona jiraatullee "biyyan keessatti dhaladhe waan ta'eef biyyoota lamaaniifu miira wal fakkaataan qaba," jedha.

Hiriyootaa isaa durii waliin marsaalee hawaasaa irratti wal-arganii akka haasa'aniifi nagaan biyyoota lamaan gidduutti bu'ee wal arguuf hawwii guddaa akka qaban dubbata.

Waraanaan dura

Eertiraan walabummaa ishee goonfachuun duuba, biyyoonni lamaan hariiroo gaarii qabaatu jedhamee eegamaa ture.

Kanaafis gama mootummoota lamaaniin hojiileen tokko tokko hojjetamaa akka turan yeroos ajajaa humna waraanaa Itoophiyaa kan turan Meejar Jeneraal Abbebe Takilehayimaanot ni yaadatu.

Wanti yaadame kana waan tureef daangaa irra waraanni ture lakkoofsaan daran xiqqaa akka ture dubbatu.

"Walta'iinsa waraanaafi diinagdee gaarii ni qabaanna jennee yaadna turre. Garuu mootummaan Eertiraa dhimmi daangaa sababa godhachuun Itoophiyaa weerare. Dhimma daangaaf komishinii dhaabnee turre, dubbichi garuu dhimmi daangaa osoo hin taane kan diinagdee ture," jedhu.

Diinagdeen Eertira kan Itoophiyaa irratti kan hirkate ture, sana mootummaan Itoophiyaa akka itti fufu hin feene kan jedhan Meejar Jeneraal Abbeben, sun mootummaa Eertiraa mufachiise jedhu.

Akka duubdeebiittis qarshii mataa ishee maxxansiisuufi daldalli Itoophiyaa waliin taasiftu doolaaraan akka ta'u murteessuun Eertiraa dubbicha daran hammeesse jechuun dubbatu.

Wareegama

Waraanichi akkuma eegaleen Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii hunda irra dargaggoon onnee guutuun ture gara dirree waraanaatti kan qajeele.

Umurii ganna 18tiin dirree waraanaa kan deeme Eefraataan, murtee dhumaa irra kan gahe halleellaa boombii mana barumsaa Ayidar jedhamurra gaheen aare ta'uu dubbata.

Amma duubatti deebi'ee waraanicha gaafa yaadatu waanuma gatii hin qabneef haarsaan guddaan kafalamuu isaatti gaabbii akka qabu dubbata.

Image copyright MARCO LONGARI

"Erga Baadimmee of harkatti galfannee booda gadhiisaa baha gaafa jedhamnu, ani yeroo lammataaf rukutamee hospitaalan ture. Loltoonni madoo ta'anii hospitaala turan miira gaarii hin qaban ture, booda ajajoota isaanii erganii akka tasgabbeessan taasisan. Loltoonni hedduunis hiriyoota isaanii wareegaman yaadatanii boo'u turan" jedha.

Dirree waraanaa irrattis dhuka'aa lafa keessa awwaalame irra ejjetanii of wareeguun warra kaaniif hanga karaa banuutti haarsaan dargaggeessi kafale daran olaanaa ta'uu adda waraanaa shanii olirratti argamuun gabaasaa kan turan gaazexeessaa Mangistuu Abbebe ni dubbatu.

Weelliftoonnifi aartiistonni hedduun qaamaan adda waraanaa deemuun gumaachi isaan godhanis olaanaa ta'uu dubbatu.

Gazexeessummaafi adda waraanaa

Dhaabbata pireesii keessa hojjetaa turan irra baatii lama lamaan gara adda waraanaa deemani gabaasuun dirqama ture jedhu gaazexeessaa Mangistuun.

Haa ta'u garuu waraanicha bilisaan akka gabaasan dhorkamanii akka turan dubbatu.

Image copyright ALEXANDER JOE

"Odeeffannoon waraanichaan wal-qabatu yeroos dubbi himtuu mootummaa kan turan gama aadde Solome Taaddese qofa baha ture. Nuyi kan gabaasnu uummanni loltootaaf deeggarsa gochaa jiraachuufi wantoota akkasii qifa ture," jedhu.

Waraana gabaasuuf fedhii qabaatanillee gaazexeessitooti sadi isaan waliin bahan wareegamuun soda guddaa akka isaan keessatti uumee ture dubbatu.

Gaazexeessitoota wareegaman sadan keessa tokko bultii dhaabuuf qophii irra akka tures ni yaadatu.

"Dogoggoroota"

Waggoota 20'n duuba, osoon kun akkana ta'e silaa…wanti jettan jiraa gaaffi jedhuuf yoo deebisan Meejar Jeneraal Abbebeen, "diina daangaa kee weeraruu dhufe ofirraa deebisuun sirrii ture," jedhu.

Haa ta'u malee waraanichi mootummaan Eertiraa nagaa uummata Itoophiyaaf rakkoo akka hin taanetti, rakkoon daangaas deebi'ee akka hin kaanetti goolabamuu qaba ture jedhu.

Waraanichi akkasiin goolabameera osoo ta'e wanti har'a arginu kun hin jiraatu ture jedhu.

Waraanicha booda waliigalteen biyootni lamaan Aljersitti walii mallatteessan dogoggora isa lammataati jedhu Meehar Jeneraal Abbeben.

Itoophiyaan waraanicha injifattee osoo jirtu akka waan injifatamtee fedhii ishee dabarsitee kan itti kennitedhas jedhu.

Waamichi nageenyaa dursitoonni biyyaa Itoophiyaa Eertiraaf taasisan sirrii ta'us garuu of eeggannoon ta'uu qaba jedhu.

Haala mootummaa Eertiraafi fedhii isaa osoo hin xiinxaliin nageenya qofa barbaaduun rakkoo fiduu danda'a soda jedhus qabu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata