Walwaraansi Itiyoo-Ertiraa yoo yaadatamu

Loltuuwwan Image copyright STRINGER

Walwaraansa waggoota lamaaf gaggeeffameen namoonni kuma hedduun lakkaaman du'aafi hir'ina qaamaatiif saaxilamaniiru.

Oggantoonni biyyoota lamaanii ALA bara 2002tti Aljeersi irratti waliigalteerra yoo gahan iyyuu, loltoonni isaanii garuu wal waraanuuf daangaarratti ija walitti baasuun argamu.

Walwaraansi hanga har'aatti dhuma dhabe kunis waggoota 20 dura maaltu kaasee? Abdiin waldiddaa kana dhaabuu maaltu jira?

'Miidhaa waldiiddaa warra kaaniif'

Waraanni ALA Caamsaa 28 bara 1990 magaalaa daangaa xiqqoo Baadimmee jedhamtuun eegalame.

Magaalattiinis qabeenyaa addaa qabaachu baattulleen, biyyoonni lamaanu akka bulchiinsa isaanii jala taatuuf fedhii olaanaa qabu ture.

Haaluma wal waraansichi babal'ataa adeemeenis buqqa'iinsa namoota hedduutiif sababa ta'eera.

''Wal waraansi kunis maatiiwwan biyyoota lamaan keessa jiran diigeera,'' jedha jiraataan Addigiraati Kaasaahun Waldagiyoorgiis.

"Nuti daangaa ce'uun gaa'eelaan walitti hidhamne turre. Amma garuu gaa'ilaafis ta'e bo'ichaaf daangaa qaxxaamuruun wal argu hindandeenyu,'' kan jedhu ammo jiraataa magaalaa Zaalaambasaa kan ta'e Asgadoom Tawoldati.

"Gama Ertiraatiin maatii mandara Sarihaa keessa jiraattu ture. Intalli durbaasaanii lammii Itoophiyaatti herumuun asi jiraatti turte. Walwaraansaan booda duutee maatiinshee awwaalcha irratti argamu waan hindandeenyeef, daangaa gama tulluu irra dhaabbatanii sirna awwaalcha ishee hordofuuf dirqamaniiru.''

Dhiibbaan walwaraansichii maatii qofa irratti hinturre. Jireenya namoota daangaa irratti hojii daldalaa irratti boba'an irrattis dhiibbaa taasiseera.

Kifloom Gabramadihiin jiraataa mandara gara Ertiraatti aantu keessaa ta'ees "waraanaan dura sochiin daldalaa baay'ee ho'aa ture,'' jedha.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Dubartii erga waraanni Zaala Ambassaa darbee booda qe'eesaaniitti deebiyan, bara 2001

Murtee Komishinii Daangaa

Walwaraansichi kan dhaabate Waxabajjii bara 1992 ture. Haa ta'u malee komishiiniin dangaa Itoophiyaafi Ertiraa hundeefame hanga waliigaltee nageenyaa mallattaa'uutti baatii dabalataa jaha barbaachisee ture.

Waligaltichiis walitti bu'insicha yeroo dhumaatiif dhaabuuf yaadame ture kan raawwatame. Haa ta'u malee, murtee baatiiwwan 18 booda komishinichaan keennameen lafti waldiddaa Baadimana Ertiraaf waan murtoofteef gama Itoophiyaatii fudhatama osoo hinargatiin hafeera.

Akkasumas Ertiraanis gama isheetiin osoo murtichi hojiitti hinhikamiin jaallee ishee duraa waliin marii eegaluuf didde.

Biyyoonni lamaanu ejjannoo qaban irraa socho'u diduun abdiin nagaa busuu hojiirra osoo hinoliin amma gahameera.

Haala kallatiinis ta'e karaa riphee loltoota biyyoonni deegaranitiin walitti bu'iinsi daangaa itti fufeera. Baadimme lafti waldhabdees hanga ammaatti to'annoo Itoophiyaa jalatti argamti.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Yeroo waliigaltee Aljersi Pirezedaanti Isaayyaassiif Ministira Muummee Duraanii Mallas

Imala galaanaa balaafamaa

Sababii "eddoowwan Itoophiyaa humnaan qabamanii jiranitiif jecha" humna waraanaa olaanaa walitti fufiinsa qabu akka barbaachisu Eritraan ni dubbatti. Kanaaf jechas humna raayyaashee cimfachuuf, tajaajila loltummaa biyyaalessaa dirqamaa adeemsiisaa jirti.

Ta'uyyuu ammoo tajaajila loltummaa biyyaalessaa baatii 18f dirqamaan gaggeeffamu kana yeroo hinmurtoofneef turuu danda'a.

Dargaggoonni tajaajila kana keessatti hirmaachuu hinbarbaannees carraan qaban biyya gadhiisanii godaanuudha.

Dargaggoonni haala kanaan baqatanis wayita ammaa kanatti buufatawwan baqattootaa Itoophiyaafi Suudaan keessatti argaman dhiphisaniiru. Yookaan ammoo lubbusaanii balaaf saaxiluun gammoojii Sahaaraa fi galaana Meditiriyaaniyaan qaxxaamuruun Awuroppaa galuuf yaalii taasisu.

Baayyeen isaanii galaanaan nyaatamanii kan hafan ykn miidhaa dalaaloota namoota daddabarsaniitiin kan hubaman yoo ta'eyyuu, namoota gara Awuroppaatti qaxxaamuruuf yaalan keessaa lakkoofsa olaanaa qabatu.

Tartiiboota Taatewwanii (ALI)

  • Caamsaa 16 bara 1985 Ertiraan bilisummaashee labsite
  • Ebla 28 bara 1990 Walwaraansi daangaa eegalame
  • Waxabajjii 11 bara 1992 Waliigalteen walwaraansa dhaabuuf mallattaa'ee
  • Muddee 03 bara 193 Waliigaltee nageenyaa Aljersi mallattaa'ee
  • Ebla 05 bara 1994 Komshiiniin daangaa Itiyoo-Ertiraa murtee ol iyyannoo hinqabne beeksise.

Eritraanis walididdaa Itoophiyaa waliin qabdu irratti heerri mootummaa hojiirra akka hinollee gochuuf pireesiiwwan dhunfaa dhorkuufi mormiitoota miidhuuf akka sababaatti itt fayyadamte jirti.

Tarkaanfii motummaan Ertiraa gama kanaan fudhateenis bara 1993tti gaazexoota dhuunfaafi gaazexessitoota hedduu hidheera. Baruma sanattis qondaaltoota mootummaa adeemsa wal waraansa sana qeeqan hiidhaniiru. Hanga har'aatis hidhamtoonni kunneen eessa buuteen isaanii hinbeekamu.

Ertiraatti hidhamtoonni siyaasaa mana murteetti kan hindhiyeefamne yoo ta'u, firoonni akka gaafataniifis hineeyyamamu. Hidhamtoota aangoota motummaas 'nageenya biyyaa' balaarratti kufisuun himata.

Motummoota gamtoomanitti komishiniin mirga namoomaa, Ertiraan yakkoota mirga namoomaa dabalatee sarbama mirgoota cimaa hedduun himata.

Itoophiyaanis Eritiraa miidhaa mirga namoomaatiin kan himattu yoo ta'u, wayita ammaa kanattis isa caalaa haala tasgabbii dhabiinsa biyya keessaatiin yaadda'aa jirti.

Image copyright AFP
Goodayyaa suuraa Naannawa daangaa Itiyophiyaa fi Ertiraa

"Ummanni gama lamaanii nagaa barbaada. Wayita ammaa kanattis oggantoonni waa'ee nageenyaa yoo dubbatan dhagahuun gaariidha,'' jedha lammiin Ertiraa Kifloom.

"Ummanni dhiibbaa taasisuun walitti dhufeenyi ture akka deebi'u akka taasisu nan amana.''

Haaluma walfakkaatunis lammiin Ertiraa daangaa qaxxaamuruun Itoophiyaa keessa jiraatu Kaasaahun Waldagorgiis "daandiin gara Asmaraa geessu hanga dhumaatti cufamee akka hinhafne nan amana,'' jedha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata