Lammiileen Ameerikaa sadii Kooriyaa Kaabaati hiikaman Tiraampiifi Waaqa galateeffatan

Lammiilee Ameerikaa hiikaman sadan Image copyright Reuters / AFP
Goodayyaa suuraa Lammiilee Ameerikaa hiikaman sadan

Lammiileen Ameerikaa sadii guyyaa Roobii Kooriyaa Kaabaati hiikaman pirezidant Tiraampiifi ministira dhimma alaa Maayik Pompewoo galateeffatan.

Masaraan Yunaayitid Isteet akka himetti marii Tiraamp fi Kim Jong-un dura waan toltuu agarsiisuuf hiikaman.

Bakki mariin itti taasifamus guyyoota sadii gidduutti ni beekama jedhan Donaald Tiraamp.

Namoonni hiikaman sadii ibsa baasanin kanneen hiikamuu isaaniif gumaatan jedhan galateeffataniiru.

Namoonni sadan kunneen mootummaa farrisaniiru jedhamaniiti kaampii hojjettootaa keessa kan kaa'aman.

Kan isaan hiikamanis yeroo ministirri dhimma alaa Yunaayitid Isteet Maayik Pompewoo marii hoggantootaaf haala mijeessuuf Piyoongyaang jiranittidha.

''Waan isaan gad-lakkiseef Kim Jong-un nan galateeffadha,'' jedhan Donaald Tiraamp.

Namoota hiikaman kanas akka walargan pirezidantichi barreessaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata