Gamoo Girenfell: kanneen nama of biraa dhaban garee qorattootaatti dubbachuufi

Ibiddi gamoo Girenfell qabatee ture lubbuu namoota 72 galaafatee ture
Namoonni ibidda gamoo Girenfell irratti ka'een maatifi jaala isaanii dhaban garee qorattootaatti dubbachuuf carraa qabu jedhame.
Gareen kuni torban lamaaf dubbii namoota kanaa ni dhaggeeffata. Yeroon nama tokkof qabames daangaa hin qabu.
Gareen qorattootaa du'a namota 72'f sababa tahe ni hordofa.
Namoonni sababa ibidda kanaan nama of biraa dhabanii jiran viidiyoo nama of biraa dhabanillee agarsiisuu danda'u.
Gorsaan olaanaa garee qorattootaa Richaard Milleet, adeemsi kuni ''eenyuf akka hojjennu akkasumas sababa kana goonuuf'' akka baran gargaara jedhu.
Gareen qorattootaa namootaafi dhaabbilee akkasumas jarreen ragaa bahan irraa ragaa walitti qaba.
Nami maatii namoota miidhamanii sadi bakka bu'an, Baaristar Kiyeraan Michel akka jedhanitti yeroo kana eegaa turan.
''Kuni jalqabbiidha. Akkamin wanti kuni akka dhalatee baruuf deebii barbaanna. Hanga jarri kana raawwatan gaafatamanitti hin boqonnu.''
Kuusaa suuraa, Abidda Kaaba Kaalifoorniyaa suuraadhaan yoo mil'atu
Fakkiin Kaalifoorniyaa abiddi Kawuntii Waayinii duguugee gubeen; yoo xiqqaatee namoonni 10 du'aniiru.