Dheerina guyyaa fi sooma Ramadaanaa

Image copyright Rawdaa Asaffaa
Goodayyaa suuraa Rawdaa Asaffaa Kiristiyaanlaandi , daandii kiristiyaanlaandi IV

Soomi ramadaanaa aduun baatee hanga lixxutti. Aduu wayita lukkummoo Ifxara nyaatan.Garuummoo yeroo tokko tokko yoo aduun lixuu baattee turtewoo laata maaltu ta'a? Halkan utuu ifuu yoo dhumewoo ,utuu hin nyaatin hafuudhaa?

Namni Itoophiyaa aduu hoifataa guddate tokkoof kun liqimfamuu dhiisuu mala.Ittis hin murtaa'u, aduuma tokkotu addunyaa maraaf baha waan ta'eef.

Biyya Itoophiyaatti aduun 12tti baatee 12tth dhiiti. Muslimoonni Itoophiyaa sa'atii 24n jiran keessaa walakkaa soomee walakkaa nyaata, kanuma.

Goodayyaa suuraa Danaa biyyoota addunyaa soomni ramadaanaa keessatti soomamu

Kun garuu biyya hundatti hin hojjetu.

Addunyaarratti ummanni keenya hanga Aarkitikiitti faca'ee argama. Bakka aduun hin lixnefaatu jira.

Bilaadul Habash irraa kiilomeetiroota hedduu fagaatanii kan argaman muslimoota Itoophiyaa dhimmi kanarratti gaafanneerra.

Giriinlaandi, Aayilaandi, Chaayinaa, Raashiyaa gara Kaabaa, Suwiidiin gara Kaabaa, Fiinlaandi Kaabaa , Lixa Kanaadaa, Kibba Noorway,akkasumas giddu gala Awurooppaa kan jiraatan muraasa isaanii har'aaf isaniif dhiyeessina, mee obsaan dubbisaa.

''Guyyaatti sa'atii 21 soomna turre'' Rawdaa Asaffaa(Noorway)

Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Noorwayitti ogeettii Windows System dha. Noorwayiin waggaa 10 jiraadheera. Amma magaala Kiristiyaansaandi jedhamtun jiraadha.Osloorraa konkolaataadhaan fageenya sa'atii afuriiti.

Amma sa'atii 18 soomaa jirra.Sa'atiin nuti soomnu guyyaatti hanga daqiiqaa 6 waan dabaluuf dhuma ji'aarratti sa'atii 19 soomna jechuudha.

As Noorway gara Kibbaa kana jiraachuu koon dura Buudoo magaalaa jedhamtun jiraachaa ture.Sarara arkitikiirraa gara kallattii kaabaatti kan argamtu magaalaa xiqqoodha. Achi wayitan turetti sa'atii 21 soomna turre.

Buudootti wayita aduun lixxu arginee hin beeknu. Halkan keessaa sa'atii 10nitti aduu qaanqureetu ba'a. Faxirii fi sa'uuriin walirra bu'u.

Waxabajjii 21tti ammoo aduun gonkumaa utuu hin lixin guyyaan jijjiirama. Ergan magaalaa Buudootii ba'ee ammoo biiftuun waan hin lixneef warri magaalattii keessa jiraatan yeroo faxirii isaanii kan muslimoota ollaa waliin wal simsiisuun fayyadamaa jiraachuun dhagahe.

Faallaa kanaammoo wayita Arfaasaa Faranjootaa keessa sa'atiin soomamu ni gabaabbata. Biiftuun turtee waan baatuuf salaata subhii erga hojii seennee booda salaanna. Faxiriin ammoo guyyaa keessaa naannoo sa'atii sagalii ta'a.

Gabaabbachuunsaa natti hin tolu,baayyeedhuma nan gammachiisu, atrii ajiriinsaas akkasuma hir'ataa laata jedhee waan yaaduuf ta'a.

Haalli sooma ramadaanaa Itoophiyaa waan yaadamu hedduu qaba. Yuunivarsitii Finfinnee wayita jirrutti hiriyoota koo waliin wayita faxarru, sahuurii waliin wayita kaanu, taraawwii wayita wajjin salaannu kun hunduu natti yaadatama. Keessumaa ishee ramadaana kurnan xumuraatti masjiida Sheek Hojolee kan kutaa magaalaa Shogoleetti argamutti dabarsinu akka maleen yaada.

Image copyright Bkrii
Goodayyaa suuraa Bakrii fi Suuriyaa Firaankfarti keessatti

''Ramadaanni Kanaadaatti namatti hin tolu''Galmaa

Dhaladhee kanan guddadhe, Godina Booranaa Magaalaa Yaa'abal'ootti. Amma Kanaadaa Lixaan jiraadha- Edmantan-Alberta.

Biyyaa sa'atii 12 hanga 12tti soomta, asii ammoo sa'atii 2:50 ykn akka Itoophiyaatti 8:50 irraa eegaltee sa'atii sa'atii 10:00 ykn 4tti faxarta.Sa'atii 4 ykn shan qofaatu gidduu jira.

Asii wayita nuti faxarru, Itoophiyaadhaa salaata Taraawiih irra jiru. Nuti akkuma salaata Taraawiih xumurreen sooma guyyaa itti aanuu eegalla.

Ramadaana waggaa sagal soomeera, Kanaadaatti. Sa'atii 20 ol soomna. Asii waan hunda argattee bitatta garuu sitti hin tolu,akka kan Itoophiyaa siif hin ta'u. Itoophiyaatti ollaa qabda,maatii qabda, namoota wal jaallattu waliin jiraatta, as maaltu jira jetteeti.

Foonni asiillee akka kan Booranaa siif hin ta'u, bakka dhaloota koo Booranatti Ujii fi saanbuusaan nyaachaa turre yoomillee hin dagatamu.

''Lammiilee Eertiraa waliin faxarra''Bakrii fi Suuriyaa

Bakriin jedhama, haati warraa koo Suuriyaa jedhamti. Jarman magaalaa Firaankifarti keessa isheen waggaa 10 animmoo waggaa 6 jiraanneerra. Sooma ramadaanaa sa'atii 17/18 soomna.

Halkan sa'atii 10nitti kan soomuu eegallu sa'atii saditii nyaanna.

Si'a lamaan tokko yeroon wayita natti dheeratu sooma cabsadhee beeka. Dhukkubbiin garaachaa waan na eegaleef jechuudha.

Image copyright Bakrii
Goodayyaa suuraa Bakrii Nuurii daa'imman isaa lameen waliin salaatarratti

''Azaaniin biyya kootiin yaada''

Kolfeen jiraadhan ture, kolfeen gaaraan marfamtuudha.Biiftuun wayita baatee lixxu ni argita. Firaankifarti keessatti garuu wayitasheen baatii lixxu arginee hin beeknu.

Biyya kana Masjiidonni jiraatanis sagalee dhageessisuu hin dandeessu. Baayyee dhowwaadha. Jiraattonni si himatu. Azaaniin nama masjiida keessa jiru qofatti dhagahama.Hundinuu sagantaa waan qabuuf akkaataa sagantaatiin masjiida deemta malee akka biyya keenyaa azaanii eeguun hin jiru.Kanaafan azaaniin biyya kiyyaa yaada.

Image copyright Bekri
Goodayyaa suuraa Daa'ima xiqqaa Bakrii

"Sochii Masjiida Anwaar hin dagadhu"

Haati warraa Bakrii Suuriyaan gamasheetiin Jarmanitti yeroon soomaa dheeratus, garuu hin beela'u jetti. Sabani isaa jetti 'Asitii hojiidhaan dhiphadhee waanan ooluuf nyaata hin yaadadhu.'' Biyyattikkoo maal faxiriin hin ga'uu? Azaaniin hin jedhamuu? Jedhanii ala ala ilaalu, asii garuu yerootu natti ga'e jechuun dhiphatta.

Suuriyaan wayita ramadaana biyyaa yaadattu, sosochii masjiida Anwaar kaafti. Haalli faxirii, salaataa fi gurmuun namootaa ji'a kana guutuu iida fakkeessa jetti Suuriyaa Diinoo Firaankifarti irraa.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan