Iboolaa: Hubannoo gabaabaa

Nama vaayirasii Iboolaan du'e wayita awwaalan Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Iboolaan dhukkuba vaayiresiitiin dhufudha.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Vaayirasii Iboolaa kan dhiyeenya Riippabliikaa Dimokiraatawaa Koongootti deebi'ee mullatee, ittisuufi talaalluutti jira.

Biyyooti Afriikaa hedduun waan tamsa'ina Iboolaa kana akka qopha'ani hordofan akeekkachiisee jira.

waan tamsa'ina vayirasii Iboolaatifi of eeggannoo biyyoonni gochuu qaban Dr. Asaffaa Simee BBC'tti himaniiru.

Iboolaan dhukkuba attamiiti?

Dr. Assaffaan Iboolaan maqaa laga Riippabliikaa Dimokiraatawaa Koongoo keessa jiru yeroo jalqabaatiif dhukkubni kun itti argamedha. Kanaaf, maqaan dhukkuba kanaa maqaa laga argame kanarraan moggaafame.

Iboolaan dhukkuba vaayiresiitiin dhufudha.

Mallattoo dhukkuba Iboolaa

Mallattoon gara jalqabaa dhukkuba kanaa gubaa qaamaa, qoonqoo kan madeessuudha jedhu Dr. Assaffaan.

Akka Dr. Assaffaan jedhanitti, mallattoon Iboolaa yoo turaa dhufe ammoo garaa kaasaafi deebisaa, akkasumas qaamarratti shiif waan jedhu mullachuudha. Kana waliin walqabatee qaamni keessaafi alaan dhiiguus danda'a jedhan Dr. Assaffaan.

Yeroo cimaa deemes, dhiigni bifa funuunaatiin karaa funyaaniifi karaa ulaa adda addaatiin ba'uu danda'a. Qaama keenya keessaa ammoo kaleefi turuun dhiiguurraa waan irraa hin hafneef salphaatti miidhamuu akka danda'anis ibsaniiru Dr. Assaffaan.

Namni tokko dhukkuba kanaan qabamee osoo irratti hin beekamiin ykn mallattoo hin argisiisiin torban sadii turuu danda'a.

Iboolaan attamiin daddarba?

Dhukkubi kun bineensota bosonaa akka jaldeessaa, weenniifi chimpaanziirraa namatti darbuu danda'a jedhan Dr. Assaffaan. Dhangalaan akka hancufa/gororaa, dhiigaafi dafqaa nama dhukkuba kanaan qabaman ykn bineensota heeraman kana keessaa ba'an nama xuqan nama fayyaatti darbuu danda'a.

Akkasumas, meeshaa namoonni dhibee kanaan qabaman itti fayyadaman nama qabuu danda'a.

Iboolaa attamiin ittisuun danda'ama?

Yeroo baayyee biyyoonni sakkatta'insaafi qorannoo ulaa garaa graa akka buufata xiyyaaraa irratti cimsanii taasisuun ittisu, jedhu Dr. Assaffaan. Kana gochuudhaan namoota dhibee kanaan qabaman dafanii addaan baasuudhaan hanga mirkaneeffatamutti tursiisuun ofirraa ittisuudha.

Yaalii talaallii dhibee kanaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa taasisaa jiru yaadatanii, talaalliin yoo nama dhukkuba kanaan qabame fayyisa osoo hin taane akka namoonni hin qabamneef dursee kan kenamudha jedhu Dr. Assaffaan.

Ta'us jedhan talaalliin Iboolaa baayyee irratti of abdannu hanga arr'aatti waan hin argamneef karaa dhukkubni kun ittiin darbu kana beeknee of eeggannoo cimaa gochuun akka nu barbaachusu himu.

Odeessa kana irratti dabalata