Mangistuufi yaadanoo Koloneel Axnaafuu

Fulbaana ALI 2/1967 kabaja ayaana waraaqsaa - bitaarraa gara mirgaatti ajajjaa kumaa Mangsituu Haayilamaariyaa, Birgaada janaraal Tafarii Bantii fi ajajjaa kumaa Atinaafu Abaata Image copyright Surafel Atnafu
Goodayyaa suuraa Fulbaana ALI 2/1967 kabaja ayaana waraaqsaa - bitaarraa gara mirgaatti ajajjaa kumaa Mangsituu Haayilamaariyaa, Birgaada janaraal Tafarii Bantii fi ajajjaa kumaa Atinaafu Abaata

Koloneel Mangistuun sirna Dargii kunuunsanii guddisuu malu, garuu hin dhalle. Haatiifi abbaan Dargii Koloneel Axinaafuudha. Haata'u malee, Dargiin uumaasaa deebiisee liqimsuuf ganna shan caalaa itti hin fudhanne.

Sadaasa 3 bara 1970 A. l. I guyyaa sanbataa koloneel Axinaafuun ajjeefaman. 'Warraaqsi ilmooshee nyaatti' jedhame.

Dhumni hin bareeduu ta'eeti malee, Mangeefi Axinaafuun ollaa turan. Haadhooliin warraa jaraas Wubaanchiifi Asnaaqach waliin buna dhuganiiru. Ijoolleen isaanis waliin kubbaa dhiitaa, taphachaa turan.

Mangeen nama ija isaanii, ollaa isaaniifi yeroo xiqqoof haa ta'uyyuu malee hogganaa isaanii turan irratti akka tasaa 'yoo garaa jabaatan' gaddi cimaa tahe. Ilmi koloneel Axinaafuu Suraafeel, haati warraa Mangee du'a gahii abbaa isaanii akka dhufan ni dubbatu. ''Nan yaadadha haati koo Wubaanchiidhaan 'dhirsi kee dhirsa koo ajjeese! jechaanii wal hammatanii boo'aa turan,'' jedhu.

Ofii erga ajjeechaa koloneel Axinaafuun booda ijoolleen attamiin jiraatan? Ijoollee saddeet keessaa 5ffaa kan tahe Suraafeel ''Mangeen abbaa keenya erga ajjeesiseen booda akka qodaa cabaatti gadi baasanii nu darbatan'' jechuun seenaa burjaajii maatii himuun jalqabu.

''Obbolaan koo lamaan aariidhaan du'an''

Suraafeel Axinaafuun jedhama. Ilma 5ffaa koloneel Axinaafuuti. Amma aniyyuu ijoollee shaniin qaba. Konkolaachisummaanin of jiraachisa.

Ijoolleen Axinaafuu nuti saddeeti. Amma lubbuun kan jirru garuu shanan. Dutii obboloota keenyaa lama du'a abbaa keenyaatiin wal qabata. Abbaan keenyi kan ajjeefame guyyaa 10ffaa obbolaan koo Raashiyaa deemanitti ture.

Hangafni hangafa koo Solomoon Axinaafuu jedhama. Du'a abbaa keenyaa Raashiyaadhumatti dhagahee. Achumaanis dhukkubsataa sammuu tahe. As dhufee hospitaala Amaanu'elitti baayyee yaalame. Haati keenyis baayyee itti dadhabde garuu homaa ta'uu hin dandeenye.

Du'a abbaa keenyaatti baayyee aara ture. Fakkeenyaaf lafumaa ka'ee lafoo hanga Goojjamfaatti deema ture. Boodas osuuma baayyee hin turiin of ajjeese.

Hangafni hunda keenyaa Doktar Makibab Axinaafuu jedhama. Innis akkuma waa'ee ajjeechaa abbaa keenyaatti baayyee aara ture. Raashiyaatti barnoota wal'aansaa bartee erga deebi'ee booda, Hoosaa'inaatti hospitaala Haayilamaariyaam hojjeta ture. Hospitaala maqaa nama abbaasaa ajjeesseen moggaafame keessatti hojjechuu yaadi mee.

Hosaa'inaatti namni doktar Makibabiin hin beekne jira jechuun nama dhiba. Hakiima jaalatamaa ture. Du'a abbaa keenyatti garuu baayyee aara ture. Anis abbaan keenyi waan itti amanu hojjetee darbeera, nuti jireenya mataa keenyaa jiraachuu qabna' isaanin jedha ture.

Obboloonni koo Solomooniifi Doktar Makibab yeroo abbaan keenya waraana 4ffa Nageellee ture dhalatan. Warri hafne garuu asuma Meshuwaalakiyaa mooraa waraana 4ffaatti dhalanne.

Ijoollee Mangee waliin guddanne

Yeroo abbaan keenya Mangee Harar kutaa waraanaa 3ffaa waamsisu mana keenaya ture kan boqote. Kutaawwan waraanaattti bilbilee bakka buutota waamaa, Dargiidhaan kan waliitti qabe abbaa koo dha.

Dubbiin kan dhufe boodarra ture malee ollaadhuma taanee jiraachaa turre. Wubaanchii fi haati koo Asnaaqach buna dhugaa oolu.

Nutimmoo sanbataa fi Dilbata waliin kubbaa dhiitaa oolla ture. Hundumti keenyi mana barumsaa Falaga Yoordaanoosa jedhamutti baranna turre. Falaga Yoordaanos mana barumsaa dhuunfaa ture. Ji'atti birrii jaha kaffalama ture. Mucaa dubaraa Mangee waliin turre.

Mangistuun yeroo abbaa koo ajjeesuuf yaadu, 'koottu masaraatti galla' jennaan abbaan koo 'ani kutaa waraanaa 4ffaa hin gadhiisu' jedhe. Yeroos inni eegumsa hin qabu ,homaa hin qabu ture. Konkolaachisaa obbo Efireem jedhaman qofa qaba ture. Masaraa mootummaatti kan hin galle ijumaa inni hin barbaannef qofa ture.

Image copyright Surafel Atnafu
Goodayyaa suuraa Koloneel Axinaafuufi haadha warrasaanii Aaddee Asnaaqach Kebada ijoolleesaanii Saamsoon, Teediroos, Suraafeeel, Geetaahun, Makbibiifi Salamoon waliin

Jecha ijibbaataa Koloneel Axinaafuu

Alaabaa 'Itiyoophiyaa Haa dursitu' jedhu godinootaaf kan kenne, milishaa kan ijaare abbaa koo ture. Iddoo deeme hundatti yaadannoo qabachuu muxannoo qaba ture. Baruullee yaadannoo, suuraa fi kaasseeta baayyee dhiisee darbe. Haa ta'u maleee, Sanbata isa ajjeesanii gaafa Dilbataa dhufanii waan baayyee fudhatan. Kunneen attamiin akka hafan hinbeeku.

Fakkeenyaaf yaadannoo guyyaa 20/10/1969 A.L.I barreesseen ''yeroof yoon qofaa koo hafeyyuu dhugaa hordofuufi dubbachuun amantii koo yeroo maraati'' jedha.

Tafarii Bantiinfaa, koloneel shaambal Moogas, letenaal koloneel Daani'eel Asfaawufi warra biroonis wallaggaa loltuu eebbisiisuu deemaniiti akka ajjeefaman bilbilaan kan itti himame.

Yaadannoon gaafa 27/5/69 A.L.I ganama osoo Gimbiidhaa deebi'u barreesse arganneera. Siin dubbisa.

''Yoon ajjeefameef' jedha matadureensaa. Namoota sanyiin qoodaniifi dheebuu aangoo qabaniin yoon ajjeefame deebi'eera, maqaa uummata Itoophiyaa dhugaaf cunqurfameen ilaa kunoo jecha ijibaataa koo haqaan nan mirkaneessa."

Amma yeroon yaadu isaan wajjin dabalanii yoo na ajjeesan jedheeti kana dubbate.

Yaadannooma sanarratti...''Yaa uummata cunqurfamaa Itoophiyaa! Ani asiin si gaheera, kanarra of bilisoomsi,'' jedha.

Waan tokko tokkoon galmeesse hunda nuuf dhiiseeti darbe. Galmee yaadannoo mootummaa keessa otoo taa'ee, mootummaa kana booda dhufuuf barumsa taha jedheen yaada.

Waanuma yaadannoo dhuunfaa kanarratti argadhen siif dubbisa.

''Waan nuti itti deemnu warraaqsa jijjiramati, namni dogoggoraan qabeenyi koo dhaalameera jedhu yoo jiraateef mana murtii haa deemu, namni miidhames yoo jiraate nutti otoo hin taane mana murtiitti haa himu. Namni kamiyyuu murtoo mana murtiitiin alatti akka hin ajjeefamnen yaadachiisa,'' qalama diimaatiin ture kan barreesse.

Image copyright Surafel Atnafu
Goodayyaa suuraa Koloneel Axinaafuu Mohaamer Gadaafii waliin (1970 A.L.I)

Axinaafuu sa'aatittii sanarratti

A.L.I 'tti Sadaasa 3/1970 guyyaa Sanbataarra ture, nan yaadadha. Callisee taa'ee barreessa ture. Guyyoota sadiif manaaa hin baane ture. Ani utaalloon na qabee jennaan mana ooluukoo nan yaadadha. Calliseetuma taa'ee barreessaa ooluusaa nan yaadadha. Kamisa, Jimaataafi Sanbata mana oolee barreessaa ture.

Sanbata barii yeroo ba'u nan yaadadha. Dafee laandirooverii keessa hin galle. Konkolaachisaan isaa Obbo Efireem jiru ture. Calliseema Berendaarra dhaabbate. Ani kubbaakoo qabadheen isa bira dhaabadhe. Mataakoo qaqqabaa, haadhakeetiin, "...nagaatti jedhi egaa yoon dhufuu baadheef ijoolleekoo adaraa" jechuun itti dubbate. Konkolaataasaa keessa osoo hin seeniin dura hunda keenya nu waamee nu dhudhungate.

Xiqqoo turtee haatikoo bilbila waajiraatiin irra deddeebite yeroo bilbiltuuf kaasee, "Jira, nagaakooti" jedhee deebisaaf ture. Xiqqoo turtee yeroo deebistee bilbiltu loltuun biraa bilbilicha kaasee, "Axinaafuun hin jiru, kanaan booda bilbiluun hin danda'amu galgala TV'tiin hordofiin," ittiin jedhe.

Beekameera. Galgala TV'tiin "Warreen Warraaqasa duubatti deebisuudhaaf yaalan, kanaafi sana..." jechuun dubbatan. Boo'icha jalqabne. Haati warraa Mangistuu Wubaanchii Bishaw ganama boo'ichaaf dhufte. Haadhakoo ni jaallatti turte. Boo'uu jalqabde. Haatikoos ishee ofitti hammattee, "Abbaa manaakoo abbaa manaakeeti ajjeese"jechuudhaan walqabatanii boo'an.

Image copyright Surafel Atnafu
Goodayyaa suuraa Xalayaa Kumalaa Fiqirasillaasee Wagdarras tarkaanfii warraaqsaa Koloneel Mangistuu H/Maariyam Koloneel Axinaafuu irraatti fudhatame ittiin mirkaneessan (ኅA.L.I Sadaasa 4, 1970)

Reeffasaa barbaacha

Bakka nuti hin deemiin hin jiru ture. Nama nuti hin gaafatiin hin turre.

Bara A.L.I 1985 natti fakkaata barruun Saalem jedhamu natti fakkaata, Dabalaa Dhinsaa arka isaanii ol qabanii, "Kanan ajjeeses kanan ajjeesise hin qabu" kan jedhu bitadhee osoon dubbisaa jiruu dhumarratti "Namni fayyuma du'e jira jettanii yaadduu?" jedhee gaafate.

Yeroo gaaffii kana deebisanitti, "Axinaafuun na gaddisiisa. Nan yaadadha, laaqanaaf yeroo ba'uuf jennutti 'al takkaa kanan dubbadhu qabaa obbolaankoo taa'aa jedhee waraqaa tokko baasee haasaa taasise. 'Guyyaan kaampii guyyaan itti gallu haa murtaa'u, sirna dinagdee walmakaa haa taasifnu, Sooshaalizimiin sirna hin taanedha' jedhee dubbate. Inni nama Itoophiyaa fayyadu ture, akkasumaan du'e jedheen kanan yaadu isa jedheen yaada jedhe. Anis Karchallee deemee isa argeen ture.

"Ilmaasaatii naan jedhan. "Eyyee!" yeroon jedhu baayyee isaan ajaa'ibe.

Image copyright Surafel Atnafu
Goodayyaa suuraa Koloneel Axinaafuun Pirezedaantii Sudaan duraanii Abuul Gaasim waliin

"Asittidha kan kophee loltummaasaa waliin awwaalaman"

Gaafa ajjeefamu yeroo manaa ba'u qarshiin dhibbi lama kiisii isaa keessa turte. Qubeelaa gaa'elaafi qubeelaa kan biraa godhatee ture. Qubeelaa sanaafi qarshii sana keessaa 100 fudhatanii haadhakoof deebisan. Qarshiin dhibbi tokko ambifatan kan rasaasaa natti fakkaata.

Eessatti akka awwaalan baruudhaaf baayyeen dhama'e.

Erga ADWUI'n galee aniifi haatikoo reeffa isaa barbaacha gara Wiingeet deemne.

Kan nuti Wingeetiin deemnes, barruu 'Misikir' jedhurratti Axinaafuudhaan Mangeen ofiima isaayyu Winget deemee awwaaleera kan jedhu dubbisne. Yeroo reeffi warra Goolii Diimaa jumilaadhaan ba'e nutis carraa keenya yaalla jennee deemne.

Namni mooraa sana eegaa ture tokko "Ani yeroo isaan Koloneel Axinaafuu awwaalan nan yaadadha jedhee' asi kanatti kophee loltummaasaa waliin awwaalan jedhee nutti agarsiise. Egaa mallattoon biraa hin jiru, attamitti beekuu dandae...? Namichas amanuu ddhabne. Ittuma dhiisne.

Kan fedhe ta'us kun isaaf hin malu ture.

Jaalala ijoollee isa du'eefi 'ajjeesee'

Suraafel akka BBC'tti himetti, obboleessi isaa quxisuun intala Mangisuu waliin waliif bilbilu ture. Yeroo dheeraadhaafis waliin haasa'aa turu. Toora miidiyaa hawwaasummaa irrattis hiriyyootadha. Ta'us garuu turtii keessa garaatu hammate, keessattuu abbaan ishee abbaa isaa ajjeesuu yeroo yaadutti jechuudha.

Suraafel dabalatee akka ragaa ba'etti intalli Mangistuu Haraaree abbaa ishee bira deemtee yeroo Landanitti deebitu oboleessa isaatti akkas jechuun itti himte.

"Abbaankoo waan raawwate hundumaatti al takkaallee gaabbeera kan jedhu dhaga'ee hin beeku. Haata'u malee garuu, du'a abbaa keessanii Axinaafuu isa gaddisiisa. ' Isa ergan of cinaatii dhabeedha waantonni hundaa kan yaratan' jechuu isaa dhageera." jette.