''Keessummaan jalqabaa Finfinneetti affeeramu Afrikaa irraa akka tahu barbaadama''

Obbo Mallas Alam, dubbii himaa waajjiira ministeera dhimma alaa Itoophiyaa

Pirezidantiin Ruwaandaafi dura taa'aan Gamtaa Afrikaa Pool Kaagaamee, har'arraa egalee guyyoota lamaaf Itoophiyaa daawwachuufi.

Dubbii himaan waajjira ministira dhimma alaa Obbo Mallas Alam ibsa har'a kennanin keessummaan jalqabaa Finfinneetti affeeramu Afrikaa irraa akka ta'u barbaadama jedhaniiru.

Kunis, Itoophiyaan obboolaa ishii Afrikaaf bakka addaa waan qabduufi walitti dhufeenya gaarii waan qabanif akka ta'e ibsani jiru.

Nagaa kabachiiftonni Itoophiyaa Ruwaandaa keessatti oolmaa guddaa oolaniiru kan jedhan Obbo Mallas, ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad miseensa nagaa kabachiiftuu ta'un gara Ruwaanda imaluu isaanii yaadachiisaniiru.

Biyyoota Sudaan fi Sa'udii Arabiyaan alatti Tanzaaniyaa, Zaambiyaa, Keeniyaa, akkasumas Liibiyaa irraa deeggarsi lammiileef taasifamee gara biyya isaanii akka galan ta'eera jedhan.

Lammiilee hiksisuun yaada dura ture ta'us ministirri muummee aangootti dhufuun isaanii akka saffisu gargaareera jechuun kan dubbatan.

Lammiilee 40,000 hojiin mirga isaani eegsisu taasifamuu isaa kan himan Obbi Mallas kanneen tibbana hiikaman keessaa kan waggaa 10 fi 12 hidhaman turani jedhaniiru.

Imalli ministirri muummee biyyoota garaa garaatti taasisaa jiran immoo ''Fedhii qofa osoo hintaane qorannoo irratti hundaa'e imala taaisfamudha,'' jechuun ibsa har'a kennanin dubbataniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata