Jilli ADO Ministira Muummee waliin mariyatan

Aanga'oota ADO Ministira Muummee waliin yeroo mariyatan Image copyright Waajira Ministira Muummee
Goodayyaa suuraa Aanga'oota ADO Ministira Muummee waliin yeroo mariyatan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad har'a jila oggantoo Adda Dimokiraataawaa Oromoo (ADO) Roobii darbe biyya galee waliin mari'ataniiru.

Akka barreefama fuula Feesbuukii Waajira Ministeera Muummeerratti baheetti, oggantoonni ADO kun karaa nagaatiin marii-qajeelfannaa siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaachuuf walii galuu isaanii ifa gadhaniiru.

Gama lamaaniinu tokkummaa Itoophiyaa cimsuufi sirni dimokiraasii biyyattii hundee akka cimfatu irratti fulleeffachuun waliin hojjachuuf walii galaniiru.

Aanga'oonni ADO guyyaa kaleessaa yeroo biyya galan akka ibsanittis, haala jijjiirama biyya keessatti uumamaa jiruufi kaayyoo qabsoo karaa nagaa, kan yeroo waggaa jaha dura hundeeffaman lafa kaawwatan irratti hundaa'uun biyya galanii uummata waliin qabsaa'uuf yaalaa turuusaanii dubbataniiru.

Maree mootummaa waliin taasisaniin boodas sagantaa paartiisaanii akka beeksisan himanii, dhimmi guddaan irratti xiyyeeffatan garuu federeeshiniin amma jiru kun akka dimokiraataawaa ta'u hojjechuudhas jedhan.