Xaafii abbaatti deebisuuf qabsoo eegalame

Qonnaan bulaa oomisha xaafii dhahaa jiru Image copyright Getty Images

Mootummaan bakki argama xaafii Itoophiyaa osoo ta'e jiru dhaabbata Nezarlaand biyyoota Awurooppaa shanitti mirga abbummaa galmeessise mana murtii ijibbaataa idila-addunyaatti himachuuf akka ta'e beeksiseera.

Mootummaan kan kana gochuuf yaadees waldhabde uumame furuuf yaaluus milkaa'uu waan hin dandenyeefi.

Xaafiin akkamitti harka Itooophiyaati bahe?

Bara 2004 Institiyuutiin qabeenya uumamaa Itoophiyaa fi Insititiyuutiin qorannoo qonnaa dhaabbata Nezaerlaand 'Health and Performance Food International (HPFI)' waliin waligaltee taasise.

Waligaltee kanaan kaampaanichi sanyii xaafii garaa garaa fayyadamuun keekii, kuukisii fi kanneen biroo oomishuun akka gabaaf dhiyyeessu fi waan irraa buufate ammoo Itoophiyaaf akka qoodu waligalamee ture.

Akka qorannoo tokko tokkootti beekumsa oomishaa fi abbummaan sanyii xaafii oomishtoota Itoophiyaaf tahee akka itti fufu walii galticha irra taa'eera.

Gama kaanin, sanyii xaafii biyyaa fuudhame irraa sanyiin haaraan argamu garuu kan Itoophiyaa fi kaampaanii Nezerlaand akka tahu walii galameera.

Ta'us kaampaaniin kun waligaltee Itoophiyaa waliin qabu addaan kutuun abbaa qabeenyummaa xaafii biyya Nezarlaand, Xaaliyaanii, Ingilizii, Xaaliyaan, Oostiriyaa fi Jarman keessatti fudhate.

Booda garuu kasaaraa keessa galuusaa beeksisuun mirga abbaa qabeenyummaa xaafii kanaa dhaabbata biraa 'Vennootschap Onder Firma(VOF)' jedhamuuf dabarse.

Mirga abbummaa dhiyeessii daakuu xaafii harka Itoophiyaa irraa bahe deebisuuf yaaliin karaa marii fi dippiloomaasii taasifamaa ture hin milkoofne.

Milkaa'uu dhabuu kanas guyyoota muraasaan dura ministirri Saayinsiifi Teekinoloojii obbo Geetaahun Makuriyaa mana maree bakka bu'oota uummataaf ibsanii ture.

Xaafii abbaatti deebiisuuf filannoon filmaata hin qabne dhimmicha gara mana murtiitti geessuun kaampaanii Nezarlaandi kana mana murtii haqaa idila addunyaarratti himachuuf sochiin jalqabamuu himaniiru.

Dhaddachi eessa ta'a?

Haa ta'u malee, Afrikaatti gorsituun Mana Murtii Ijibbaata Addunyaa Liyyuu Taammiruu mootummaan dhimmi kana karaa mana murtiin xumuruu yoo barbaade waan lama hubachuu qabu jechuun dubbatti.

Inni tokko kaampaaniin Itoophiyaa waliin waligaltee mallatteesse hojii dhaabuu isaati jechuun himti. Dhaabbata cufamee fi hinjirre himachuun rakkoo guddaa ta'u himti.

Gama biraan immoo, mootummaan Itoophiyaa dhimma kana gara mana murtiitti geessa jedhu aangoo fi hojii mana murtii ijibbaataa hubachuu qaba jetti.

Liyyuun akka dubbattutti taanaan manni murtii ijibbaata miidhaa ilaaluufi murteessuu malee mirga abbummaa dhorkuuf aangoo hin qabu.

Dhaabbanni mirga abbummaa dhaabbata Nezerlaandif kenne dhaabbata Awuroppaa (EPO) jedhamudha.

Kanaafuu, dhaabbata kanatti iyyachuun barbaachaasisaa akka ta'e himti.

Itoophiyaan mana murtii ijibbaataatti muuxannoo qabaattus rakkoo sharafa biyya alaa qabduuniifi nami dhimma xaafii beeku biyyarraa filachuu qabu jechuun gorsiti.

Image copyright Getty Images

Hagam irra-aanuun danda'ama?

Akkatti mootummaan himata banu wanti beekamu jiraachuu baatus dhimmi kana irratti waan sadii jiru jedhan yunivarsitii Finfinnetti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr. Biruuk Haayilee.

Akka waligalteetti kaffaltin Nezerlaand Itoophiyaaf kanfaluu dhabuu isaa, abbummaa bu'aa xaafii qopheessuu irratti argameefi abbummaa dhaabatichi sanyii xaafi haaraa irraa argatedha.

''Akkitii xaafiin qophaa'u beekumsa duruu biyyatti keessa ture ta'u isaa mirkaneessuun isa dhaabbatichi qophii midhaan xaafii irratti abbummaa argate irra-aanuun danda'ama,'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee, sanyii Itoophiyaa irraa fudhatan irraa sanyii haaraa argatan irratti garuu milkaa'uu dhabuu dandeenya jedhu.

''Sababni isaas akka seera Awuroppaatti qorannoodhaan sanyii haaraa argaman eegumsi hin taasifamuufi waan jedhu hinjiru.''

Mana maree daldalaa Finfinneetti daarektarri dhaabbata mana murtii ijibbaataa Obbo Yohaannis W/Gabri'el Itoophiyaan abbummaa deebifachuu abdii hinqabdu jedhu.

Sababni isaan kaa'an kan kaanirraa adda.

'Himata guddaa fi waldhahaa dhiisaati, dhimmi kan biraayyuu abbaa alanagaa hordofu hinjirretti kuni waan ta'u hin dandeenye,'' jechuun himu.

Waggoota dheeraaf biyya Iswizarlaand yunivarsitii Barnitti xaafii irratti qorannoo taasisaa kan jiran Dr. Zarihuun Taaddala, waan kampaaniin Nezerlaand godhe waggaa lama dura godhe mormuun mallattoo walitti qabaa turuu isaanii yaadatu.

Yeroo baay'ee abbumma adhabuun rakkoo kan seenu dhaabbilee barnootaa osoo hintaane dhababilee dhuunfaafi miti-mootummaa waliin gaafa waligalteen raawwatedha jedhaniiru.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata