Suuraawwan torbee kanaa: Caamsaa 17 hanga 24, 2018
Filannoo suuraawwan dadansaa lammiilee Afrikaa torbee kanaa Afrikaa fi addunyaa mara irraa

Madda suuraa, AFP
Masaraa aadaa Tanowura at el-Gurii, Kaayirootti, wandaboo halluu hedduu shubbisaaf ta'u uffachuun, lammii Gibxii shubbisa agarsiisu.
Madda suuraa, EPA
Feestivaala de La madinaa, magaala guddittii Tuniiziyaa Tuniisitti, gartuun Siiriyaa, muuziiqaa dhiyeessaniiru.
Madda suuraa, AFP
Teessumni moototaa, kan mootummaa Dahomey amma Beeniin jedhamtu, godambaa magaala guddittii Faransaay, Paaris keessatti argama. Yeroo bittaa kolonii keessa mi'oota fudhataman akka deebi'an Beenin gaafachaa jirti
Madda suuraa, AFP
Deeggaraan kubbaa miillaa lammii Seneegal kun, gartuun Waancaa Adduunyaa, Raashiyaa amma beeksiisamuutti alaabaa biyyiitti faarsa.
Madda suuraa, Reuters
Jooseef Afraane, lammii Gaanaa, cidha moototaa hirmaachuuf Yunaaytid Kiingdam, Wiindsooritti argame.
Madda suuraa, Reuters
Naayiroobi, magaala guddittii Keeniyaa keessatti, moodeelli uffata cidhaa Hoteela Wiindisoor Goolf eend Kawuuntirii Kilaabiitti agarsiiste.
Madda suuraa, EPA
Afrikaa Kibbaa, Keep Taawon keessatti, godoo dubarrii cidha Meegan Maarkiliifi Ilma moototaa Haarii do'attu.
Madda suuraa, AFP
Nama kitaaba seenaa lammiii Iyivooriitiin barreefame fi waggaa kudhan keessatti sababii lolaan Riipbiliika Diimokiraatawaa Koongootti du'uu namootaa 60,000 odeessu dubbisu
Madda suuraa, AFP
Soomaaliyaa magaalaa Moqaadishoo keessatti nama miiya manaa lolaa jalaa baasaa jiru
Madda suuraa, Reuters
Namni kuni immoo gaariisaa oofachaa lolaa jalaa gara magaalaatti deemaa jira
Madda suuraa, Reuters
Kaayirootti mucaa qilleensa ho'aa irraa of qabbaneessuuf bishaan keessatti of cuuphe
Madda suuraa, AFP
Leegoositti, namoota jilbeefachuun namoota fi lubootaa miidhamaniif kadhannaa taasisan
Madda suuraa, AFP
Moodeela Taanzaaniyaa Miriiyaam Odemba festivaala fiilmii Kaan irratti yeroo filmiin Za Waayild Piir Tirii agarsiifame.
Suuraawwan kuni AFP, Getty Images, Reuters fi EPA irraa argaman