Qaccee sanyii busaa: dhukkubichi akkamiin lubbuu namootaa kan galaafatu ta'aa akka dhufe qorannoon mul'ise

Bookee busaa Image copyright Science Photo Library

Qorannoon qaccee sanyii busaa irratti gaggeefamees iccitii busaan akkamitti ilmaan namootaa ajjeesuu jalqabe qorannoon ifa baase.

Hojiin qorattoota Institiyuutii Welkaam Saangar magaalaa Kaambiriijitti argamuun durfamu, gosa busaa torba latiinsa maxxantuu busaa fiddu faana dhahuun wal dorgomsiisan.

Innis waggaa 50,000 dura maxxantoota kaan irraa damee tokkoon maquun adeemsa suutaan sanyii dhukkubaa balaafamaa ta'uu danda'uusaa ifa baaseera.

Argannoon kunis barruu 'Nature Microbiology' jedhamu keessatti maxxanfameera.

Maqinsi inni tokko, qacceen sanyii busaa seelii dhiiga diimaa namaa dhukkuba qabsiissutti geeddaramuu dha. Qacceewwan sanyii ajjeesoo ta'an kan qorattoonni kana dura:

''Qorannichi gulantaawwan walitti aanan kaahun maxxantuuwwan qaama namaa osoo hinseeniin akka turan, hiramaniifi bokee busaatiin akka daddarban'' akka ta'ee Dr Maat Beriimaan duree qorataan ibsaniiru.

Dhukkuba balaafamaa addunyaa

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti, namooti miiliyoona 200 ol ta'an waggaa waggaatti addunyaarratti dhukkuba busaan qabamu. Dhukkubichis bara 2016 keessa namoota walakkaa miliyoona ta'an kan ajjeesse yoo ta'u, kanneen keessaa baayyeen daa'imman waggaa shanii gadiiti.

Sanyiin maxxantuu sababii hubaatii fayyaa fidu Pilaasmoodiyam Faalasipaaram jedhama.

Sanyiin busaa dhaloota ilmaan namaa karaa bookee busaa dubartiitii hidduun erga faalanii booda ajjeessan yoo ta'u, sanyiin busaa kan biraa baayyeen immoo jaldeessa dhukkuba qabsiisu.

Image copyright Nil Rahola (IRD/CIRMF)
Goodayyaa suuraa Bineensoti kuni garuu sona saayinsaawaa dhiiga isaanii keessa jiruuf dhimma hin qaban.

Gaaboonitti kana qorachuuf qorattoonni tuuta sanyii jaldeessaa miidhamaniifi baraarfaman kunuunsan waliin hojjetu. Hakiimonnii beenladootaa samuuda dhiigaa fudhachuun fayyaa bineeldotaa mirkaneessu.

''Haala kanaan bineeldoti fayyaa qabeessa tahan, seen duubi isaanii maxxantuuwwan baayyee akka qabaachuu,'' BBC tti kan Dr Beerrimaan dha. Bineeldoti kuni garuu sona saayinsaawaa dhiiga isaanii keessa jiruuf dhimma hin qaban.

Saamudni dhiigaa kunneen kuni gulantaawwan qaccee sanyii mala ittiin seenaa adeemsa suutaan geeddarmuu faana bu'uu ni kennu.

''Seenaa maxxantoota kanaa qorachuuf haftee faana buunu hin qabnu.'' jedha Dr Beerrimaan.

Qaccee latinsa maatii sanyii busaa wal dorgomsiisuun akkuma maxxantuun adeemsa suutaan geeddarmtu qacceen sanyii immoo waljijjiiraa dhufuu akka faana bu'an baran garee isaa gargaareera.

Firoota dhihoo

Qorattoonni gosa busaa torba qo'atan-sadii kan Chimpaazii dhukkuba qabsiisan, sadii kan Gorillaa dhukkuba qabsiisanii fi gosa busaa nama ajjeestu.

Adeemsi suutaa Pilaasmoodiyam Faalasipaaramf fide waggaa 50,000 dura haa mul'atuyyuu malee sanyiin busaa ilmaan namaa ajjeestu garuu waggaa 3,000 hanga 4,000 ti kan geeddaramtee gosa kaan irraa akka adda baate saayintistoonni ifa baasaniiru.

''Babal'achuun ilma namaa ammyyaa, maxxantuun kuni ilma namaa qofaa akka miitu haala mijataa uumeera.'' jedhu Dr Beerrimaan.

Gosni dhukkubootaa sanyii tokko qaxxaamuruun akkamiin ilmaan namaa akka ajjeessuu jalqaban baruun baayyee barbaachisaa dha kan jedhan Piroofeesar Jaaneet Hemingwaay, Liivarpuulitti daariktara Tiroopikaal Meedisiniiti.

Waan uumame hubachuun gara fuulduraatti waanti wal fakkaataa akka hin uumamne ittisuu akka danda'an saayintistoota gargaara.

''Namoonni baayyee busaan dhukkuba namaa akka tahetti haa beekaniyyuu malee, dhukkubichi bineeldotarraa waggaa 50,000 dura gara dhukkuba nama ajjeessutti gara geeddarame'' jedhu piroofeesar Heemingweey.

''Sochiin maxxantuuwwanii amma jiran gara ilamaan namaatti godhan irratti tarkaanfii akka fudhannuufi carraa namaa namatti daddarbuu isaan tasumaa akka dhaaban gochuuf gargaara qorannoon kuni.''

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata