Obbo Leencoo Lataa: ''Lafa Baddannoo jedhamu dhaqeetu hinbeeku''

Obbo Leencoo Lataa

Siyaasa Itoophiyaa keessa waggoota hedduuf kan turaniifi hundeessaa dhaabbata Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) kan turan Obbo Leencoo Lataa gaaffiiwwan ummata Oromoo kaasuudhaan kanneen duree keessaa ta'uun Isaanii ni himamaaf.

Wayita ADWUI Finfinnee to'atee turettis adeemsa hundeessa mootummaa ce'umsaa keessattis hirmaatanii jiru. Haa ta'u malee, baroota dheeraaf baqannaarra kan turan Obbo Leencoon, waggoota sadiin dura dhaaba Adda Dimokiraatawaa Oromoo(ADO) jedhu hundeessaniiru.

Amma ammoo aangoo qabachuu ministira mummee Dr. Abiyiin walqabatee waamichaa dhaabbilee siyaasaa hundaaf taasifameen, siyaasa biyyatti keessatti hirmaachuuf gara biyyaa deebi'aniiru.

Hirmaannaa siyaasaa gara fuuladuraa fi gaaffiiwwan ABO'tin walqabatee isaan irratti kaafama ilaalchisuun BBC'tti waan himan qabu.

Jaarsummaa mootummaa Itoophiyaa waliin taasisaa jirtan attamiin deemaa jira?

Obbo Leencoo: Mariin jalqabbiirratti argama. Jijiirama ammaan tana taasifamaa jirurratti ciminniifi dadhabbinni jiru maal akka fakkaatuufi nutis maal gumaachu akka dandeenyu irratti mari'ataa jirra. Mariichis ganaa sadarkaa jalqabaarratti waan argamuuf ganaa waan bal'aan hinkaane.

Nuti waggoota dheeraadhaaf biyya kana irraa loogamnee biyya hambaa jiraachaa waan turreef, akkasumas wayita biyya biraa tureetti jijjiramoonni hedduun Itoophiyaatti waan ta'aniifu kana hubachuuf yaalaa jirra. Dura isa hubannu malee gumaacha gaarii taasisuu waan hindandeenyeefu.

Mariin mootummaa waliin taasiftan haala gaariin yoo isiiniif deeme maal gochuu yaaddu?

Obbo Leencoo: Akka dhaaba Adda Dimookiraatawaa Oromootti siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuu barbaanna. Haaluma hojimaata jiruutiin galmaa'uun waajjira banachu barbaanna. Dhimmoota kanneen irratti marii taasifnee jirra. Haalli jirus kan nama jajjabeessuudha. Hirmaachuufis qophaa'oodha.

Siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota kudhanii oliif akka nama hirmaateetti gumaati keessan maaliidha?

Obboo Leencoo: Hangasii miti. Inni guddaadha jedhu hundeessuu ABO keessatti hirmaachu kiyya. Dhaabichis haala Oromoo geeddaruu keessatti gumaata olaanaa qaba. Booda keessa haalli akka nuti barbaannee nuuf hintaane malee, boqonnaa haaraa saaqee ture.

Amma gara boqonnaa itti aanutti darbuuf maaltu barbaachisa kan jedhu irratti xiyyeeffanna. Waa'ee seenaa Itoophiyaa darbe irratti baay'ee waliin hinmorminu. Bu'aansaa hinfayyadu waan ta'eefu.

Duddubee keessa yoo ilaaltan dhimmi itti gaabbitan jiraa laata?

Obbo Leencoo: Bara ce'umsa sirna Atse Haayilasillaaseetii gara Dargiitti ani dargaggeessan ture. Anis ta'e hiriiyyoonni kiyya dogongorri raawwatan ture. Akkasuma yoo Dargiirraa gara ADWUI'tti ceenuus tarkaanfii abshaalummaafi ogummaan guutame raawwachuun osoo nurra jiraatu, miiraan wanti raawwannee ture.

Kun hundis Itoophiyaan siyaasaa hiyyeettii ta'ushee mul'isa. Baran ani barataa tures ta'e bara Dargiitti siyaasni yakka ture. Siyaasni seera qabeessa kan ta'e waggoota 27'n darbaniidha. Innis yoo ta'e akka aadaa siyaasaa dimokiraatawaa ta'ee cimfannuuf hangas mara kan gargaare natti hinfakkaatu.

Kun akka irra hindeebineef aadaa siyaasa dimokiraasii ijaaru irratti hojatamu qabaata. Qofaa keenya kan hojannu osoo hintaanee dhaabbilee siyaasaa kan biraa dabalatee hawaasa hunda hirmaachisuu qabaata. Akka abbaan irrummaa hin mooneef irratti qabsaa'u barbaachisa.

ABO'n ajjeechaa Baddannootti raawwatameen walqabatee maqaansaa ni ka'a. Qaamoonni isatu raawwate jedhan waan jiraniif mee deebiin keessan maali?

Obbo Leencoo: Seenaa Itoophiyaa keessatti dhimmi nama gaddisiisu dhimmoota bu'aa siyaasaatiif ka'aniifi gaaffii haqaa deebisuuf haalli itti qoratamee dhiyaatu hinjiru. Piroppaagaandaa moo? ykn gaaffii haaqaatii kan jedhu adda baasuun hindanda'amu.

Duraan dursee ani bakka Baddannoo jedhamu dhaqeeyyuu hinbeeku. Raayyaa bakka sana turees hin ajajne.

Lammaffaa qorannoon qaama bilisa ta'een gaggeeffame hinturre. Dhimmoota akkasii callifnee afarsuurra qorannoo gaggeessuun murtee osoo kennameefi ni wayya. Dhimma akkasiitin wal himachuurra akka irra hindeebineef irratti xiyyeeffachuu wayya.

Ajjeechaan sun qoratamee kan ABO waliin walqabatu osoo ta'ee dhiifama gaafachuuf qophaa'oodhaa?

Obbo Leencoo: Karaa sirrii ta'een qoratamee ragaan nurratti kan dhiyaatu yoo ta'e, yeroo sanatti aanga'oota ABO keessaa tokko waanan tureefu murtee seeraa kammiiyyu nan fudhadha.

Haala waggoota sadaniifi kan baatiiwwan lamaan asii Itoophiyaa keessatti mul'atu akkamiin madaaltu?

Obbo LeencooŠć° Kun umurii kiyya keessatti carraa sadaffaadha. Haalli siyaasa ce'umsa bara Atsee Haayilasillaaseetii gara Dargiitti ture dimookiraatawaa hinturre. Jalqabbii dimokiraasii ture akka kufuuf humnoonni gumaatan hedduu turan.

Yeroo Dargii irra gara ADWUI tti ce'umsi taasifamuus waadaa barreeffamaan taasifnee ture. Sababiiwwan adda addaatiin akka barbaannee osoo hinta'iin hafeera. Dimookiraasiin dhugaa osoo hojiirra hin ooliin karaatti hafeera.

Amma garuu dogongorri raawwatamu hinqabaatu. Kun carraa dhumaa ta'u mala. Qaamoleen dhimmi isaa isaan ilaalatuufi hawaasni hundi wal ta'uun dimookiraasii dhugaa taasisuu qabna.

Waggoota darban keessa eenyummaan baay'ee babal'atee walqabatee buqqa'uun lammiileetiif gumaata taasisuu isaa ni dubbatama. Kanneen ammoo cimuun enyummaa gaariidha jedhanis hindhabaman. Haala kana attamiin ilaaltu?

Obbo Leencoo: Eenyummaan akkasumaan kan dhufe miti. Sababii mataasaa qaba. Eenyummaa mormuun dura sababiinsaa maaliidha jechuun qorachuun barbaachisaa ta'a. Akka dhuunfaa kiyyatti rakkinni namoota enyummaa soodaatan naaf gala. Garuu hanga isaani hinsodaadhu.

Hubachuu kan qabaannu Oromoo, Afaar, Guraagee ta'ee ykn nama sanyii garaa garaa qabaachuun lammii Itoophiyaa ta'u yoo danda'e, Itoophiyaanummaan ammoo haala eenyummaa sabaa mul'isuun erga caasseefamee, hundumtuu yoo Itoophiyaa ilaalu ofiisaa ilaalu yoo danda'ee, Itoophiyaan biyyaa taati.

Eenyummaa cimsuun akkuma ijjannoo siyaasaa kammiiyyuu balaa qabaachu danda'a; gargaaruus ni danda'a.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata