Hidhamtoota manneen sirreessaa naannooleefi federaalaa hindubbatamineef

Mana hidhaa Image copyright INTI OCON

Hidhamtootni siyaasaa hedduun tibbana mana sirreessaatii gadhiifamaa jiraatan iyyuu namootni hedduun sababa shoroorkeessummaafi jeequmsaatiin himataman hedduun mana hidhaa jiraachuu maatii fi abukaatotni isaanii BBC'tti himaniiru.

Namootni kunneen namoota beekamoo tahuu dhabuunsaanii akka waa'een saanii hingaafatamne taasiseera jedhu maatiin.

Dhaabbilee akka Adda Bilisummaa Oromoofi Ginbot 7 waliin walitti dhufeenya qabdu jedhamuun kan himatamanii ammayyuu hin gadhiifamne heddutu jiru.

Obboleessa hogganaa olaanaa ABO duraanii Nadhii Gammadaa kan ta'e Amaan Usmaan ''Nadhii qofa osoo hin taane bara 1984 manaa kan fudhatame obboleessi keenya biraa eessa akka jiru hinbeeknu jedha. Yeroo sana umuriinsaa waggaa 26 ture. Inni akka Nadhii waan hin beekamneef nurraa kan hafe namni waa'eesaa kaasee beeku hi jiru '' jechuun dubbata.

Abukaatoo hidhamtoota ta'uun kan tajaajilaan obbo Heenook Akiliiluu hidhamtooti waa'eesaanii hinbeekne baay'eetu jiru jedhu.

Keessumaa namootni bara 2006 dura hidhaman baay'ee akka jiraniifi isaan ilaalchisuunis odeeffannoo walitti qabuun qaama dhimmisaa ilaaluuf akka dabarsan himu.

Odeeffannicha akkamiin walitti qabuu danda'an?

Ragaalee kanneenis karaa miidiyaalee garaa garaafi karaa odeefannoo uummanni argachuu danda'uun argachuuf yaalii taasisuu isaan kan dubbatan abukaatichi, deebiin argatanis ''kan baay'ee nama gaddisiisudha'' jedhaniiru.

'Abbaan warraa koo akka bahetti hafe. Mucaan koo haala akkasiin hidhamee hafe amma eessa akka jiru hin beeku'' kan jedhan baay'ee ta'u hdubbatu.

Akka isaan jedhanittis, namootni beekamoon, kanneen biyya alaa jiraatan abbaan warraasaanii, mucaansaanii kan jalaa hidhaman hedduun odeeffannoo erganiiruufi.

Kanneen himannisaanii Finfinneetti ilaalamu qofa osoo hintaane, kanneen dhaddacha naannawaan dhimmisaanii ilaalamaa baay'een jiru jechuun odeeffannoon isa gahuu BBC'tti himaniiru.

Haa tahu malee kanneen himannaa yakka biraatiin himataman waan jiraachu malaniif, shororkeessumman hidhaman jechuuf qulqulleefachuun ni barbaachisa kan jedhan abukaatichi, kana qulleefachuu yaalaa akka jiran himaniiru.

Ragaan eenyutu yakka maaliin hidhame? Waggaa meeqaaf hidhame? Eessatti hidhame? Waggaa meeqatu isa hafa? jedhu guutummaattihinjiru. Eessa akka jiran hinbeekamu jechuun dhimmichi walxaxaa ta'u ibsaniiru.

Sadarkaa naannooleefi federaalaatti hidhamtoonni baay'ee jiraachu kan dubbatan abukaatichi haallis ''isaan du'an jedhaman jiraachuu, kanneen jiru jedhaman du'uu '' isaanii haalli itti adda hin baanetu jira jedhu.

"Haa tahu malee ragaa harka keenyarra jiru qaama dhimmisaa ilaallatuuf dhiyeessineera. Kanneen qulqulleessaa jiru akka hiikamaniif hojachaa jirra'' jechuu dabalanii himaniiru.

Dhimma hidhamtoota hinbeekamnee...

Hidhamtoonni hmannaan wal fakkaataan irratti banamee garuu tokko hiikamee tokko hinhiikamiin hafu heera mootummaattis ta'e, akka qajeelfama adunyaatti sirrii miti jedhu obbo Heenook.

Dubbii himaa Abbaa Alaangee Waliigalaa kan ta'an obbo Tasfaayeen gama isaanitiin, ''gaaffichi ragaalee hinda sirriitti beeku dhaabuu irra kan ka'ee ta'u mala jechuun eegala.

Haaluma waadaa mootummaangaleefi gaaffii uummataatiin, dhiheenyatti namoota shororkeessummaan himatama 137 himannaan isaanii addaan citeera. Akkasumas sirreefamtoota yakka garaa garaatiin himataman 576 gadhiifamusaaanii ibsaniiru.

"Hidhamtootni kunneenis isaan seera biyyittii darbuun yakkamtota jedhamanfi turtii nama sirreessaa isanitiin kan gaabban'' ta'u kan himan oggeessii kun isaan keessaa 18 dubartoota daa'imma qabachuun mana hidhaa turan ta'u himaniiru.

Dubartootni kunneen yakkamtootra ta'aniyyuu miidhamni ijoolleesaanii irratti dhufu yaadamuun haala addaan akka gadhiifaman dubbatu obbo Tasfaayeen.

Sirna aangoofi dhiifama gochuu Abbaa Alangaaf kennameen gaaffii uummataafi fedha mootummaa bu'uureffachuun sirreeffamtootaaf murtoon dhiifama gochuu darbeera jedhan.

"Hidhamtootni labsii muddamaa fi jeequmsa waliin wal qabatee hidhamaniifi maatiin isanii hordofuu hin andeenye baay'een jiraachuunsaanii na yaaddessera'' jedhu obbo Heenook. Gara fuulduraatti komishiniin tokko hundaa'ee akka hordofamu hin godhamu yoo ta'e sadarkaa nama dhuunfaatti karaa bittinaa'aan hojjechuun rakkisaadha jedha.

Gara fuulduraattis namootni dhimmisaanii ilaalamee himanni isaanii adda cituu danda'u akka jiraatan himaniiru.