Dhibee daa'imman rakkoo xiinsammuuf saaxilaa jiru

hooqxoo Image copyright WHO

Hongee waggoota 30 booda Itoophiyaatti mudaterraa kan ka'e hanqina bishaanii biyyattii keessatti uumameen dhibeen hooqxoo naannolee Tigraayi, Uummattoota Kibbaa fi Amaaraa keessatti dhiyeenya kana mudateera.

Baratee Doktara ta'uuf hawwii fi mul'ata kan qabu Balaay Mangistuu, halkan hirriba dhabaa guyyaa barachuuf akka rakkataa jiru dubbata.

'Bishaan xuraawaatti bu'ee jennaan harka koo na hoossisuu jalqabe. Haati koo maallaqa ittiin mana yaalaa na geessitu waan hin qabneef yaala hin arganne' kan jedhu barataa Balaay, dhibeen kun rakkoo hawaasummaa biroof akka isa saaxile dubbata.

"Barsiistuun dhibee Kanaan qabamuu koo wayita argitu warra biraatti darba jechuun kophaa koo na teechifte."

"Barattoonnis harka qabanii nagaa na hin gaafatan, isaan waliin taphachuu hin dandeenye. Nutti hin siqiin, nutti dabarsitaa jedhanii narraa fagaatu'' jedha barataan kun.

Dhibeen kun irra jireessaan daa'imman miidhaa jira.

Dhibee Kanaan bara darbe ummanni kibbaa harki 5.5 qabameera.

Onkolooleesa bara 2015 hanga Bitootessa bara 2016 keessa mallattooleen dhukkuba kanaa tokko tokko ummattoota naannoo Tigraayi kuma 27 irratti mul'atee turuusaa qorannoon UNICEF mul'iseera.

Baruma kana naannoo Amaaraattis namoonni kuma 373 dhibee kanaaf saaxilamaniiru jedha ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Bara kanammoo qorannoo Kolleejjiin Fayyaa Yuuniversitii Gondar Aanaa Daabbati keessatti qorateen, manneen barnootaa aanaa kanaa keessatti barattoota baratan keessaa harki 10 saaxilamoodha jedha.

Daa'imman ol adeemoon dhibee xiinsammuusaanii miidhu kanaaf saaxilamaatti jiru.

'Hin ga'e halkanichi'

Dhukkubni hooqxoo hanqina qulqullinaarraa kan dhufu yoo ta'u, daa'imman umurii 15 gadii akka hubu ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.

Dhukkubbiin hooqxoo kun halkan waan namatti hammaatuuf namoonni 'Hin ga'ee halkanichi' jedhuun.

Rakkoo kana qorachuuf garee ogeeyyii fayyaa tokko gara Aanaa Daabbaat kan ergee jiru Yuuniversitiin Gondar, barattoota muraasaaf tajaajila fayyaa kennaa jira.

Kanneen keessaa barattoonni mana barnootaa Daabat Lakkoofsa 3 tokkodha jedhu Daayirekatara Mana Barnootichaa kan ta'an Obbo Risqee Rattaa Worquu.

"Barattoota baayyee harkasaaniirratti mul'achaa jira, muraasni isaanii qoricha argataniiru. Akka weerara wayii ta'ee waan dhufeef, xiinsammuu barattootaas miidheera. Baayyee dhiphatu.'' Jedhan.

Furmaannisaawoo?

Harka walfuuchu fi huccuu wal jijjiranii uffachuun rakkoo kana kan daddabarsu ta'us, hanqinni bishaan qulqulluu adda durummaan dhibe kana kan fiduudha.

Manneen barnootaa baadiyyaa hedduunsaanii hanqina bishaan qulqulluu qabaachuu kan dubbatan Yuuniversitii Gondaritti Barsiisaan Damee Eegumsa Naannoo Doktar Heenook Daanyee dhibee kana irratti ilaalchi namootaa sirrii waan hin taaneef irratti hojjetamuu qaba jedhan.

"Namoonni dhibee Kanaan abaarsa ittiin jechuudhaan gara mana yaalaa otoo hin deemin hafu."

"Barattoonni barreessuuf ni rakkatu, ni arrabsamu, hin qoollifatamu, baayyee rakkisaadha, gabaabaadhumatti dhibee daddarbaa waan ta'eef qulqullina naannoo fi dhuunfaa eeggachuun dirqamadha,'' jedhan.

Barattoonni dhibee hooqxoo Kanaan qabaman halkan hirriba rafuuf waan rakkataniif, guyyaa barachuuf ni rakkatu.

Ilaacha dogongoraa namoonni dhibee kanarratti qaban irraa kan ka'e xiinsammuun barattoota waan miidhameef barnoota haalaan fudhachuu hin dandeenye, kanarratti hojjetamuu qaba jehdhu.

Dhibee hanqina bishaan qulqulluu fi gogiinsarraa dhufu kana qolachuuf dursanii ittisuurratti hojjetamuu qaba jedha Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.

Addunyaarratti namootni miiliyoona 130 ta'an dhibeen hooqxoo kanaaf saaxilamoo akka ta'an ragaaleen ni mul'isu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan