Karra diinagdee damee dhunfaaf banuun maaliif?

Daandii Xayyaaraa Itoophiyaa Image copyright Getty Images
Goodayyaa suuraa Dhaabbilee walakkaan abbootii qabeenyaaf kennaman keessa tokko daandii xayyaaraa Itoophiyaati

Koreen hojii raawwachiftuu ADWUI guddina saffisaa waggoota 15n darban biyyattiin galmeesite akka itti fufuuf dhaabbilee yeroo dheeraaf harka mootummaa turan gutummaatti ykn wallakkaan gara dhuunfaatti dabarsuuf murtesseera.

Waggota lamaafi walakkaa darban keessa daldalli al-ergii karoorfame galma kaawwameen gadi ta'uu isaafi sharafni alaa biyyattiin argachaa jirtu xiqqaachuu sababoota tarkaanfiin kun barbaachiseef keessaa tokko.

Akkasumas lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraataniifi kanneen dhaloottoota Itoophiyaa ta'an maallaqaafi beekumsa qaban gara biyyaatti fiduun guddina biyyattii keessatti qooda isaanii akka bahan gochuufis ta'uun himameera.

Haa ta'u malee murteen kun ogeeyyii biratti yaadota gara garaa kaasaa jira.

Ammatti maaliif?

Dhaabbilee mootumma harka turan abbootii qabeenya dhunfaatti dabarsuun tarkaanfii sirrii ta'ee osoo jiru murteen kun ammatti maaliif barbaachise kan jedhu ifa miti jedhu qorataan diinagdee Obbo Ayyalaa Galaan.

"Imaammata diinagdee kessatti wanti tokko guutummaatti sirriidhas dogoggoras jechuun hin danda'amu, garuu maaltu dura ta'uu qaba waan jedhu xiinxaluun barbachisaadha," jedhu.

Diinagdeen Itoophiyaa kan jiru qonnaa fi indastirii omishaa xixiqqaa irra kan jedhan Obbo Ayyalaan, dursa xiyyeeffannaan kan kennamuuf sana ta'uu dubbatu.

Dhaabbilee kanneen gara abbootii qabeenyaa dhunfaatti dabarsuun suuta waan itti deemamu qabu ta'uus eeru.

Gama kaaniin qaala'iinsi jireenyaa dabalaa jiraachuufi lammiileen biyyattii harki caalu gali gadi aanaa kan argatan waan ta'aniif murteen kun lammiileen kunneen omishaafi tajaajila fooyya'aa akka argatan gargaara jedhu ogeessi diinagdee Dr. Damis Caaniyalewu.

"Fakkeenyaaf Itiyoo-telekoom yoo fudhannee biyyoota ollaa waliin yoo madaallu kafaltiin keenya olaanadha jedhu, kanaaf tajaajila qulqullina qabu gati gadi aanaan akka argannu gargaara," jedhu.

Waldaa Diinagdee Itoophiyaatti qorataa maakroo-ikonomii kan taan Dr. Sa'iid Nuuruu murteen kun haala amma biyyattiin keessa jirtuu waliin ilaalamuu qaba jedhu.

"Hanqina sharafa alaa, piroojaktoota liqiin eegalamanii hin xumuramiin jiran akkasumas waltajjii daldalaa addunyaa irratti kan ittiin qeeqamtu imaammata diinagdee ishee foyyeessuuf jecha tarkaanfii fudhatamedha," jedhu.

Rakkoo hanqina sharafa alaa furuuf qonna irratti ciminaan hojjechuu malee dhaabbilee kanneen gurguruun furmaata waaraa hin ta'u jedhu Obbo Ayyalaan.

"Omisha bunaa, saliixafi kanneen biroo qulqullinaafi baay'inaan omishanii gara alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuu danda'a," jechuun mormu.

"Namni tokko cimee hojjechuu caalaa ol deebi'ee warqii haadha isaa akka gurguruuti," jechuunis mootummaan dhaabbilee kanneen gurguruu caalaa qonnafi indastirii omishaa xixiqqaa irratti hojii hojjetamuu malu hojjechuu akka qabu gorsu.

Dhaabbileen idil-addunyaa akka Baankii Addunyaa fi IMF Itoophiyaan karra ishee abbootii qabeenyaa dhunfaaf akka bantu waggoota dheeraf mormaa turan.

"Amma garuu isaanuu wayita yaada isaanii jijjiiraa jiraniitti Itoophiyaan tarkaanfii kana fudhachun gaaffii guddaa kaasa," jedhu Obbo Ayyalaan.

Eenyuun fayyada, eenyu miidha?

Sadarkaa duraa irratti namoota daldala seeraan alaafi malaammaltummaan horii harkatti kuufatanii jirantu qooda dhaabbilee kanneenii bituun fayyadamoo ta'a jedhu Obbo Ayyalaan.

Gama biraan waggoota dheeraaf abbootii qabeenyaa biyya alaaf cufaa kan ture karri diinagdee biyyattii banamuun dhaabbilee biyya keessaa dadhabsiisuun diinagdeen biyyattii abbootii qabeenyaa biyya alaan akka dhunfatamu taasisa jedhu.

"Rakkinni guddaan amma Itoophiyaa keessa jiru, tokko qabaatee tokko dhabuun akka hammaatu taasisa," jedhu.

Murtee kanarra gahuun dura uummata, ogeeyyii diinagdee, paartilee mormitootaafi qaamota dhimmi ilaallatuun mari'atuun barbaachisaa ture jedhu ogeeyyiin kunneen.

Ammas akkaata murteen kun hojiirra oolu irratti marii jabaa gochuun barbaachisaa ta'uu dubbatu.

Dameeleen kunneen gara dhunfaatti dabarfamanii hojii wayita eegalanittis mootummaan jidduu galee to'achuu keessatti qooda guddaa qabaachuu akka qabu gorsu.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Odeessa kana irratti dabalata