Dibaabee qabatanii baqaqsanii hodhuu: Rakkoo Hospitaala Felaga Hiyowoot

Hospitaala Felaga Hiwot, Baahir Daar
Goodayyaa suuraa Hospitaala Felaga Hiwot, Baahir Daar

Kutaa wallaansaa baqaqsanii hodhuu keessaa dibaabeen maal hojjeta? Kun gaaffii suuraaleekutaa wallaansa baqaqsanii hodhuu Hospitaala Felaga Hiwoot kan Baahr Daaritti argamu keessaa ilaalchisuun miidiyaa hawwaasummaarratti tibba kana maxxanfamee ture irratti namootaan ka'eedha.

Ogeessonni fayyaa yeroo tajaajila wallaansa baqaqasanii yaaluu kennan akka roobni itti hin roobneef dibaabee qabatanii hojjetu. Namoonni lubbuu isaanii harka ogeessota isaan wallaanaa jiranitti kennatanis dibaabeen dahatamaniiru.

Waanti bakka sanatti argamanii ijaan arganiifi suuraan mulatu garuu garaa gara ta'a. Dibaabee jalatti wallaansa baqaqsanii hodhuu gaggeessuun miira akkamii qabaataa laata?

Ogeesssi fayyaa maqaan isaa akka hindha'amne barbaadu tokko yaada BBC'f kenneen, dibaabee qabachuun wallaansa baqaqsanii hodhuu yeroo lama taasisuu isaa dubbata.

Akka ogeessi fayyaa kun jedhutti, narsoonni wallaansa baqaqsanii hodhuu qindeessan dibaabee lama ykn sadii diriirsu. Dibaabeen manaa hanga hospitaalaatti qabatanii dhufan tajaajila lammaffaa kennuusaati. Waanti kun ogeessota fayyaa qofaaf osoo hintaane namoota wallaansa fayyaarra jiraniif gaarii miti.

"Haala kanaan wallaansi baqaqsanii hodhuun nuuf kennamuu irra yoo nutti hafe hoo? kan jedhanis jiru. Wallaantootattis hintolu jedhu ogeessi fayyaa kun.

Hojjetoonni hospitaalichaa dubbisnes guutuun hospitaalichaa dhimmisuu kan jalqabe ji'a lamaan dura ta'uu dubbatanii, komii qaban yoo dhiyeessanillee namni isaan dhagahe akka hin jirre himu.

"Yeroo bokkaan roobutti dibaabee lama ykn sadii qabatameeti hojjetama. Wayita bokkaan dhufutti nuuf yaaddoo guddaadha. Warra wallaansa argataniifis rakkisaadha. Kutaan wallaansa baqaqsanii hodhuu qulqullaa'aa ta'uu qaba. Namoota wallaansarra jiran fayyisuuf ogeessonni lama dhukkubaaf saaxilamaniiru. Duutillee uumamuu ni mala. Waa'ee rokkoo kanaa dubbanullee hanga biiroo fayyaatti namni nu dhaga'e hin jiru," jedhu.

Goodayyaa suuraa Namoonni akkasiin tajaajila wal'aansaa eeggatu

Hospitaalichi rakkoo baayyee walxaxaa keessa akka jiru kan ibsan ogeessi kun fedhii namoota tajaajiluuf qabaniin malee haala hospitaalichaatti kan hin gammanne ta'uu dubbatu.

Waa'ee dhimmi kanaarratti kan dubbisne Daarikterri hospitaalichaa Dr. Malkaamuu Baayyee akka jedhanitti, kutaan wallaansa baqaqsanii hodhuu kan dhimmisu jalqabe Wiixata darbedha. Rakkoo kana yeroodhaaf furuudhaaf bakka dhimmisaa jiru suphuu dubbatanii furmaata waara'aaf ammo guutummaatti haaromsuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Itti gaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa Dr. Abebaawu Gabayyoo gama isaaniitiin "hospitaalicha keessatti dibaabee qabatamee wallaansi baqaqsanii hodhuun hin gaggeeffamne. Waanti miidiyaa hawwaasumaarratti odeeffamu sobadha," jedhu. Deebiin ogeessota fayyaafi Daarikteera hospitaalichaa kan dr. Abebaawu waliin walfaalleessa.

Suuraawwan dibaabee qabatanii wallaansa baqaqsanii hodhuu gaggeessaa jiranii baayyeen isaanii Kibxatarraa kaasee miidiyaa hawwaasumaarratti walarkaa fuudhanii daddabarsaa jiru. Maqaan isaanii akka hin dha'amne kan barbaadan kaadhimamaan ogeessa fayyaa dubbisne, "rakkoon kun ji'a lama lakkoofsiseera," jedhu. Daarikterrichi rakkoo guyyaa tokko uumamedha innis hiikameera jedhanis, itti gaafatamaani biiroo fayyaa kun akkan Kamisa akkan argetti kutaan dhimmisu kun guyyaa tokkoof dhimmisee turellee amma suphameera, jedhaniiru.

"Kutaan wallaansa baqaqsanii hodhuu akka dhimmisuufi yeroo sanatti ogeessonni wallaansa kennaa jiran rakkoo kana furuudhaaf tarkaanfiin isaan fudhatan dibaabee diriirsuun rakkoo kana furuuf filannoo isaani qaban akka ture dhaga'eera," kan nuun jedhan barataa waggaa ja'affaa ogummaa fayyaa kutaa hospitaala kanaatti shaakalaa jiru nutti himeera.

Hir'ina Oksijiin

Kanaan dura hospitaala kana rakkoon hir'ina oksijiinii mudatee ture. Ji'oota afuriin dura rakkoo hir'ina oksijiiniitiin daa'imman afur lubuun isaanii darbuu dr. Malkaamuu ni dubbata.

Warri wallaansa argatan Oksijiinii ofiin bitatanii akka fayyadamani kan namoonni irratti baayyee dubbatan ta'eera. "Baasiin Oksijiiniif ta'u guddaa waan ta'eef bittaatiin akka tajaajila argatan gooneera jechuun warri qarshii qaban fayyadamanii wari hin qabne filannoon qaban du'a ta'a jechuudha," jechuun barataan kun ni dubbata.

"Ji'a afurii booda hospitaalichi oksijiinii kan ofiisaa qabaata," jechuudhan abdii qaban dubbate.

Goodayyaa suuraa Dhukkubsataa yaalamaa jiru

Namoota wallaansa tasaatiif dhufaniif beellama

Namoota dhukubbiin tasaa mudachuun gara hospitaalaa deemaniif torbaniifi ji'atti beelamni kennamaaf. Haatii warraa isaanii dhukkubsannaan gara Hospitaala Finoota Salaam deemu kan BBC'tti himan tokkos, wallaansa argachuuf torban baayyee eegusaanii qofa miti akka rakkootti kan kaasan.

"Laboraatorii hojachisuuf torbee natti fudhate. Tajaajila nuuf kennuun hafee gara laboraatoriitti yoo siqnu darbatanii nu hari'atu turan,'' jechuu haala jiru himu.

Sireelleen haalli itti argachu hindandeenye jira. Dhukkubsattoota lafarra cisanii qoricha fudhatan arguun waanuma barameedha.

Dubartoonni dhahanii battalumatti lafarra akka cisan taasifaman xiqqaa miti jedhu fayyadamtoonni. Akkasumas dhukubsattoonni wallaansa baqaqsanii hodhuu taasifamee lafa cisanii boqatan waan hijirreefu barandaarra cisuuf dirqamu.

Hospitaalicha keessa kan hojjetan Adaanee Kabbadaa (maqaan kan jijjiirame) akka jedhutti ''namni tokko lafeen cabee osoo hospitaalicha dhufee wallaansa kan argatu baatii sadiin booda,'' jedha. Akkasumas tibba tokko namoota balaan konkolaataa irra qaqqabe dhufanii bakka itti wallaansa argatan akka dhaban ni yaadatu.

Barattooti hospitaalichaa dubbifne akka jedhanittis, dhiphina iddoo jiru furuuf kutaalee bal'aa adda kutuun akkasumas barandaawwan gara kutaatti geeddaruun yaalaa jiru. Ta'us ammoo kunis fala ta'uu hindaneenye, jedheera.

'Yoo nuuf kanfalamu baate hojii dhaabna'

Narsi Adaanaan akka jedhuutti hojattoonni wallaansaa baatiiwwan arfan darbaniif kan yeroo darbaa hojataniif kanfalatiin hinraawatamneef. Kanaafuu hojjattoonni wallaansaa sadarkaa garaa garaarratti argamanis hojii dhaabuuf duula mallattoo walitti qabuu irratti kan argaman yoo tau, hospitaalichi kanfaltii baatii tokkoo kennuuf murteesseera.

Hojjattoonnis kan himataa jiran waa'ee kanfaltii qofa miti. Hanqinni meeshaalee walaansaas jira jedhu. Meeshaaleen yoo cabanis suphuuf yeroon fudhatu baayyee dheeraadha.

Kanaafuu gaaffiiwwan hakimootaan kaafamaa jiru kunneen deebii akka argataniif 'mormii kaafna' jechuun sodaachisoo akka filannootti fudhachaa jiru. Kanas raawwachuuf kan dirqaman waan gaaffiiwwan isaaniitiif deebii dhabaniif ta'uu dubbatu.

Hospitaalli Falaga Hiyooti hospitaala refaraalii naannoo Amaaraa yoo ta'u, hanqinoota xixiqqoo fakkaatan garuu kan nama yaachisan qabaachuu dubbatu. Fakkeenyaaf mallattoowwan daandii agarsiisan hin jiran.

Kanaafuu dhukkubsattoonni magaalaa ala gara hospitaalichaa dhaqanis kutaa wallaansaa tokko argachuuf baayyee burjaaja'un dirqama. Kunneenis kan waajjiri fayyaa haala salphaatti hiiku danda'u jedhuun komiisaani ibsatu, hojjattoonni hospitaalichaa.

Ijaarsa gamoo babal'inaa barfate

Daarektarri hospitaalichaafi itti gaafatamaan biiroo fayyaa BBC'tti akka himaniitti, komii barfachuu ijaarsa gamoo babalisuu hospitaalichaa fala ni argata jedhu.

Haa ta'u malee karoorri ijaarsaa kan qabameen boodatti waggaa afuriin tureera. Ijaarsichi jidduun dhaabate kan eegalamee dhiheenya kana.

"Rakkini isaas caalbaasiin kan walqabateedha. Ijaarsichaaf maallaqni gahaan ramadameera. Saffisni kontiraaktaraa yeroo ijaarsichi itti xumuramu murteessa,'' jedhu ittigaafatamaan biiroo fayyaa.

Gama biraatiinis hospitaalichi namoota miliyoona torba ta'aniif tajaajila kan kennu yoo ta'u, bajanni ramadamuuf gahaa akka hintaane dubbatu.

Waajirri fayyaa naannichaa hospitaalichaaf xiyyeefannaa barbaachisu keennuu dhabuutu rakkinas jedhaniiru. Baatiiwwan jaha keessatti wallaanamtoota deddeebiin yaalaman kuma 127, kanneen kuma shaniitiif ammoo tajaajila baqaqsanii hodhu kenneera.

Akka daarektarichaatti, Hospitaalli Falaga Hiwoot tajaajila kennuu guutuuf qabaatu kennuu dhabuusaatiif bajanni ramadamee xiqqaachu akka sababaatti kaasuu.

Kanfaltiin hojattootaa baatii sadiif turuunsaas waan bajanni hinjirreef jedhu.

''Bajanni bara 2010tti ni gaha jedhame qabame qarshii miliiyoona 316 yoo ta'u, kunis kan biiroon fayyaa kennu danda'uun oliidha,'' kan jedhan daarektarichi, raawwiidhaanis boodatti hafu dubbatu.

Itti gaafatamaan waajira fayyaa Dr Ababaawu gama saanitiin, ''qorannoon aanga'oota kaabinee naannichaatiin qoratamee rakkinni hospitaalichaa adda bahuun barameera. Sanada hir'ina qulqullina tajaajilaafi humna namaatiif fala ta'u hojiirra olchaa jirra,'' jechuun deebii kennaniiru.

"Hospitaalichaafis bajata haala naannichaafi biyyatti xiyyeefannaa keessa galche ni kenniinaaf'' yoo jedhan illeen baayyina namootaa hospitaalichi tajaajila keenuufin wal biratti yoo ilaalame bajanni isaa foyyeefamuu barbaachisu ni danda'a jedhaniiru.

Ittigaafatamaan kunis ''waa'ee adda citu mindaa ilaalchisee gabaasni nu hinqaqabne. Deebiin hojjattootaafi daarektaraa garuu kanaan faallaadha.

Mata dureewwan walitti dhiyaatan